ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Raayyaan Ittisaa Waldaa Tola Oolaa Maqadooniyaaf Deeggarsa Meeshaalee fi Maaddii Qoode
Aug 5, 2024 364
Adoolessa 29/2016(TOI)- Raayyaan Ittisaa Waldaa Tola Oolaa Maqadooniyaaf Deeggarsa Meeshaalee fi Maaddii Qoode. Hooggantoonnii fi Miseensonni Raayyaa Ittisaa Sagantaa Kanarratti Argamaniiru. Raayyaa Ittisaatti Daarektarri Dubartootaa fi Dhimma Hawaasummaa Birgaadeer Jeneraal Hullaagariish Diras Akka Ibsanitti, Raayyaan Ittisaa Deeggarsa Uffataa, Meeshaalee Qulqullinaa fi Kanneen Biroo Waldichaaf Taasisaniiru. Raayyaan Ittisaa Hojiilee Tola OOltummaa Addaddaarratti Bobba’uun Ittigaafatama Hawaasummaasaa Bahachaa Akka Jiru Dubbataniiru. Raayyaan Ittisa Biyyaa Nageenya Biyyaa fi Ummataa Eeguun Cinaatti Kan Qabu Maanguddootaa fi Dadhabootaaf Qooduun fi Hojiilee Misoomaarratti Hirmaachuun Ummataaf Dhaabachuusaa Mirkaneessaa Akka Jiru Ibsaniiru. Raayyaan Ittisaa Waldaa Kanaaf Waan Qabuun Akka Deggaru Ibsee, Kanneen Biroos Deeggarsa Taasisuun Aantummasaanii Agarsiisuu Akka Aqaban eeraniiru. Hundeessaa fi Hojii Gaggeessaan Waldaa Tola Oolaa Biiniyaam Ballaxaa Gamasaaniin, Raayyaan Ittisa Biyyaa Lammiilee Waldicha Jalatti Argaman Yaadachuun Deeggarsaa fi Maaddii Qoodeef Galateeffataniiru. Dhaabbilee fi Namoonni Dhuunfaan Biroon Fakkeenya Raayyaa Ittisaa Fyudhachuun Waan Danda’aniin Waldicha Akka Deeggaran Waamicha Dhiheessaniiru.
Bajanni dabalataa birriin biliyoonni 550 Mana Maree Bakka Bu'oota uummataaf dhihaachuuf jedhame
Aug 5, 2024 120
Adoolessa 29/2016(TOI) - Bajanni dabalataa bara bajataa 2017 birriin biliyoonni 550 Mana Maree Bakka Bu'oota uummataaf dhihaatee akka raggaasifamu qophiin taasifamuu Ministeerri Maallaqaa beeksise. Bajanni mootummaa federaalaa kan bara 2017 birrii biliyoona 971.2 ta'uun mana maree bakka bu'oota uummataan ragga'uun isaa ni yaadatama. Bajanni kun kan bara darbeen yoo madaalamu dhibbeentaa 21.1 caalmaa kan qabudha. Kana keessaa bajata idilee birrii biliyoona 451.3, bajata kaappitaalaa immoo birrii biliyoona 283.2'tu qabame. Ministir deetaan ministira maallaqaa Doktar Iyyoob Takkaaliny imaammata dinagdee gooroo ilaalchisuun ibsa kennanniin, fooyya'inis imammaata kun dinagdee amansiisaa fi waaraa ijaaruuf bu'uura kan kaa'udha jedhaniiru. Fooyya'insa imaammataa taasifamuu kana hordofee maddeen faayinaansii adda addaa deeggarsa taasisaa jiru jedhaniiru. Kana hordofuun ministeerri maallaqaa bajata mootummaa federaalaa bara 2017 ifa ta'eerratti bajata dabalataa akka taasisu himaniiru. Manni Maree Bakka Bu'oota uummata akka raggaasisuuf kan qophaa'ee bajata dabalataa birrii biliyoona 550 ol yoo ta'u, kana keessaa birriin biliyoonni 240 misooma hawaasummaaf kan oolu ta'uu eeraniiru. Mootummaan imaammata dinagdee gooroo fooyya'e kana karaa guutuu ta'e hojiirra yeroo oolchu lammilee galii gad aanaa qaban jiddugaleessa taasifatee ta'u ibsaniiru. Kanaanis lammilee galii dhaabbata qabanii fi feetineetii misoomaan deeggaramaniif deeggarsa gahaa taasisuuf bajanni dabaltaa kun murteessaa ta'uu eeraniiru. Dabalataan bajanni kun deeggarsa Zayitaa nyaata, bo'aa fi qorichaaf akka oolu taasisuun yaaddoo yeroo imaammannii kun hojiirra oolu mudachuu danda'u dursanii ittisuuf kan dandeesisudha jedhaniiru. Gama biroon baasii biyyaalessa galii ofiin guutuuf tattaaffii taasifamu cimee kan itti fufu fi hojiirra oolmaan imaammatichaa humna galii guddisuu keessattis gahee murteessa akka qabu eeraniiru. Galii dinagdeen maddisiisu karaa haqa qabeessa walitti qabuun hojiilee misoomaa adda addaaf akka olfamu ibsaniiru.
Ijaarsi Manaa Lammiilee Dadhaboof Taasiamu Hatattamaan Raawwatamaa Jira
Aug 5, 2024 114
Adoolessa 29/ 2016 (TOI ) -Ijaarsi Manaa Naannawa Awwaareetti Lammiilee Dadhaboof Taasiamu Akkaataa Karoorfameen Hojjetamaa Akka Jiru Waajjirri Ministira Muummee Hojiin Tola Ooltummaa Hawaasummaa Waggaa Waggaan Mana Dadhabootaa fi Harka qalleeyyiif Haaromsuu fi Ijaaruurratti Xiyyeeffatu Hojiilee Utubaa Ijoo Ministira Muummee doktar Abiyyi Ahimad Ta’uu Ibseera. Sosochiin Jijjiiramaa Naannawa Awwaareetti Haala Jireenyaa Fooyya’aa fi Kabajamaa Namaaf Uumuuf Hojjetamaa Jiru Qaamolee Mootummaa Federaalaa fi Naannoo Kan Hojeeffamu qaama muummee Karoora Kanaa Ta’uusaa Waajjirri Ministira Muummee Fuula Marsariitiisaarratti Beeksiseera. Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad Hojii Baranaa Baatii Caamsaa Jalqabsiisuunsaanii Waajjirichi Yaadachiisee, Ijaarsi Mana Dadhabootaaf Taasifamu Hatattamaan Hojjetamaa Akka Jiru Beeksiseera.
Godina Shawaa Lixaatti pirojeektoonni bu'uuralee misoomaa adda addaa eebbifamuun tajaajila kennuu jalqaban
Aug 5, 2024 96
Adoolessa 29/2016(TOI) - Godina Shawaa Lixaa aanaa Caliyaatti pirojeektoonni bu'uuralee misoomaa 36 ta'an kan birrii miliyoona 100 oliin ijaaraman eebbifamuun tajaajila kennuu jalqaban. Pirojeektoonni kunneen har'a yeroo eebbifaman miseensonni hoggansaa mootummaa Oromiyaa, bulchaan godinichaa fi ittifatamtoonnii wajjiiralee mootummaa aanichaa, abbootiin gadaa, abootiin amantaa, jaarsoliin biyyaa fi jiraatonni argamaniiru. Pirojeektoota misoomaa eebbifaman keessa, gamoo wajjira bulchiinsa aanaa Caliyaa, daandii, bishaan dhugaatii qulqulluu, riqichoota adda addaa fi kanneen birooti jedhameera. Bulchaan godina Shawaa Lixaa obbo Didhaa Guutaa pirojeetota hojiin isaanii xumuraman har'a eebbifaman dabalate waliigalaan godinichatti bara bajataa darbe birrii biliyoona 3.5 oliin pirojeektoonni adda addaa lakkoofsaan 762 ta'an hojjetamanii tajaajila kennuu jalqabaniiru. Pirojeektoonni kunneen gaaffii uummaannii godinichaa waggoota hedduuf gaafachaa ture kan deebisan ta'uus himaniiru. Erga jijjirama as pirojeektoonni yeroo kaa'ameef keessaatti akka hojjetamanii xumuraman hojii hojjetameen bu'aan jajjabeessan argamaa jirachuus eeraniiru. Eebba pirojeektoota bu'uuralee misoomaa har'a aanaan Caliyaatti eebbifaman irratti kan argaman hogganaa biiroo Busaa fi Gonofaa obbo Mogos Ida'ee jiratoonni aanichaa pirojeektoonni kun qabeenya isaanii ta'uu sirriitti hubachuun kununsa barbaachisu akka taasisaniif hubachiisaniiru. Jiraatonnii aanaa Caliyaa gama isaaniin pirojeektoonnii hojiin isaanii xumuramee tajaajila kennuu jalqaban kunneen faayidaa hedduu kan qaban waan ta'aniif yeroo dheeraaf tajaajila irraa barbaadamu akka kennaniif akka eegumsa barbaachisu taasisaniif himaniiru.
Hojiileen Misooma Qonnaa Kilaastaraa Naannoo Oromiyaa Naannawoota Horsiisee Bulaatti Hojjetaman Bu’a Qabeessadha
Aug 5, 2024 106
Adoolessa 29/2016(TOI)- Hojiileen Misooma Qonnaa Kilaastaraa Naannoo Oromiyaa Naannawoota Horsiisee Bulaatti Hojjetaman Bu’a Qabeessa Ta’uusaanii Bulchaan Bulchiinsa Naannichaa Obbo Shimallis Abdiisaa Ibsan. Hooggantoonni Olaanoo Federaalaa fi Naannoo Pirezudaant Shimallis Abdiisaan Durfamu Hojiilee Qonnaa Godina Gujii Lixaatti Hojjetaman Daawwateera. Obbo Shimallis Wayita Kana, Waggoota Dargaban Naanawa Horsiisee Bulaatti Hojiileen Misoomaa Nyaatarra Darbanii Gabaaf Oolan Bu’a Qabeessa Ta’uusaanii Ibsaniiru. Qonna Kilaastaraa Babal’isuu Dabalatee Qonnaa Teeknooloojiin Deeggaruudhaan Dhiheessii fi Aadaa Ittifayyadama Meeshaalee Qonnaa Ammayyaa Guddisuuf Hojiin Hojjetame Jijjiirama Fideera Jedhan. Keessumaa Hojiileen Naannoo Oromiyaa Iddoowwan Misoomni Midhaanii Hinbeekamnetti Hojjetaman Wabii Nyaataa Mirkaneessuurra Darbee Industiriiwwan Biyya Keessaa fi Biyya Alatti Oomishni Dhihaachaa Jira Jedhaniiru. Fuulduras Hojii Kana Babal’isuun Damee Qonnaarraa Dureeyyii Hedduu Horachuuf Hojiin Hojjetamu Cimee Akka Ittifufu Dubbataniiru.
Siyaasa
Manni Maree Bulchiinsa Dirree Dawaa Yaa’ii Idilee 8ffaa Har’a Jalqabe
Aug 5, 2024 337
Adoolessa 29/2016(TOI)- Manni Maree Bulchiinsa Dirree Dawaa Yaa’ii Idilee 8ffaa Bara Hojii 3ffaa Marsaa 3ffaa Har’a Jalqabe. Yaa’iin Kun Balaa Godina Goofaatti Mudateef Kadhannaa Sammuu Taasisuun Kan eegale Yoo Ta’u Turtiisaa Guyyaa Lamaatiin Ajandaalee Addaddaarratti Akka Mari’atu Ittaantuun Af-Yaa’ii Mana Marichaa Adde Kariimaa Alii Dubbataniiru. Yaa’iin Kun Gabaasa Raawwii Raawwachiiftuu fi Tjaajila Mana Qopheessaa fi Karoora Bara 2017 Irratti Mari’atee Akka Raggaasisu Eerameera. Kana Malees Raawwii Hojii Waajjira Mana Maree fi Dhaabbilee Miidiyaa Mana Mareef Itti Waamaman, Odiitarri Muummee fi Manneen Murtii Bulchiinsa Dirree Dawaa Irratti Mari’atee Akka Raggaasisu Ajandaan Yaa’ii Nimul’isa. Kana Malees Wixinee Labsii Raawwachiiftuu Dirree Dawaa fi Qaamolee Mana Qopheessaa Irra Deebiin Hundeessuuf fi Ittigaafatamasaanii Murteessuuf Bahe Irratti Mari’atee Niraggaasuisa Jedhameetu Eegama. Yaa’iin Kun Wixinee Karooraa Bara 2017Akka Raggaasisuu fi Muudama Akka Kennus Ni’eegama. Bulchiinsi Dirree Dawaa Miseensota 189 Akka Qabu Nibeekama.
Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad ministira dhimma alaa Tarkiyyee Haakaan Fiidaan waajjirasaaniitti simatanii haasofsiisan
Aug 3, 2024 692
Adoolessa 27/2016(TOI)- Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad ministira dhimma alaa Tarkiyyee Haakaan Fiidaan waajjirasaaniitti simatanii haasofsiisan. Ministirri muummee ergaa fuula marsariitiisaaniirratti barreessaniin har’a ganama ministira dhimma alaa Tarkiyyee Haakaan Fiidaan simadhee haasofsiiseera jedhan. Mariinsaaniis hariiroowwan gamlamee biyyoota lamaaniicimanii ittifufanirratti kan xiyyeeffate ture jedhan ministirri muummee ergaasaaniitiin.
Yaa’iin idilee mana maree naannoo Amaaraa muudamoota raggaasuun xumurame
Aug 1, 2024 693
Adoolessa 25/2016(TOI)- Yaa’iin idilee mana maree naannoo Amaaraa muudamoota addaddaa bulchaa bulchiinsa naannichaa obbo Araggaa Kabbadaan dhihaata raggaasuun xumurame . Manni marichaa yaa’ii idilee 8ffa, bara hojii waggaa 3ffaa, marsaa 6ffaa Adoolessa 22 bara 2016 irraa eegalee dhimmoota addaddaarratti mari’achaa tureera. Manni marichaa raawwii karooraa bara bajataa 2016 qorachuun gamatti bajata bara 2017f dhihaate sagalee guutuun raggaaseera. Akkasumas abbootii murtii rakkoon naamusaa qaban afur hojiirraa gaggeessuu dabalatee ajandaalee biroorratti mari’atee murtee dabarsuunsaa nibeekama. Guyyaa har’aa muudamoota addaddaa bulchaa bulchiinsa naannichaa obbo Araggaa Kabbadaan dhihaatan raggaasiseera. Haala kanaan- 1- Obbo Almaantee Aggidoo – Pirezidaantii mana murtii waliigalaa naannichaa, 2- Obbo Muluualam Biyaazin- Ittaanaa pirezidaantii mana murtii waliigalaa naannichaa fi 3- Obbo Malkaamuu Tsaggaayee – hoogganaa biiroo Aadaa fi Tuurizimii naannichaa ta’uun muudamaniiru. Akkasumas manni marichaa Obbo Abarraa Faantaawu walitti qabaa koree dhaabbataa dhimmoota bulchiinsa humna namaa fi misooma Tuurizimii, adde Immabeet Kabbadaa walitti qabduu koree dhaabbataa dhimmoota bulchiinsa to’annoo baasii mootummaa gochuun muudee yaa’iisaa idilee xumureera.
Manni marii bakka bu’oota ummataa waliigaltee deeggarsa faayinaansii Itiyoophiyaan waldaa misoomaa idil addunyaa waliin taasifte raggaase
Jul 31, 2024 422
Adoolessa 24/2016(TOI)- Manni marii bakka bu’oota ummataa walgahiisaa ariifachiisaatiin waliigaltee deeggarsa faayinaansii Itiyoophiyaan waldaa misoomaa idil addunyaa waliin taasifte raggaaseera. Manni marii ministirootaa walgahii idilee 38ffaa har’a taa’een labsii waliigaltee faayinaansii waldaa misoomaa idil addunyaa waliin taasifame raggaasuuf qophaa’erratti mari’atee murtee dabarseera. Waliigalteen deeggrsa faayinaansii waldaa misoomaa idil addunyaa waliin taasifame doolaara Ameerikaa biiliyoona 1 tuqaa 5 kan argamsiisu yoo ta’u, kana keessa doolaarri Ameerikaa biiliyoona 1 deeggarsa, doolaarri Ameerikaa miiliyoona 500 liqiin kan argamedha. Manni marii ministirootaa sanadicharratti erga mari’atee booda tarsiimoo bulchiinsa liqii biyyattii waliin kan walsimu ta’uusaa mirkaneessuudhaan waliigalticha raggaasee mana marii bakka bu’oota ummataaf akka dabarfamu sagalee guutuun murteesseera. Manni marii bakka bu’oota ummataa walgahiisaa ariifachiisaadhaan waliigaltee deeggarsa faayinaansii waldaa misooma idil addunyaa Itiyoophiyaan taasifterratti mari’ateera. Mana marichaatti ministirri itti waamama mootummaa doktar Tasfaayee Beeljigee labsicha ilaalchisuun ibsa kennaniin, fooyyessi dinagdee mandhalee jijjiiramaan booda jalqabaaf hojiirra oolfame qormaatilee keessoo fi alaa hedduu damdamachuun bu’aa gaarii galmeessiseera jedhan. Waggoota jijjiiramaa darban jiddugaleessaan guddina dhibbantaa 6 tuqaa 2 galmeessisuun akka danda’ame eeraniiru. Hojii riifoormii dinagdee mandhalee lammaffaatiin, cabiinsa maakiroo suphuuf akkasumas bu’aa marsaa jalqabaan argame ittifufsiisuuf xiyyeeffatamee hojjetamaa jira jedhaniiru. Haala Kanaan dinagdee gooroo tasgabbeessuuf keessumaa carraa hojii uumuuf, qaalq’iinsa gatii hir’isuu fi to’achuuf, hanqina sharafa alaa hir’isuu fi sirreeffama caasaa fiduuf hojiiwwan riifoormii hojii jalqabamaniiru jedhaniiru. Waldaan misoomaa idil addunyaa sagantaa fooyyessa dinagdee guutuu deeggaruuf kallattiin bajata deeggaruuf imaammata guddina misoomaa hundagaleessa egeree fi kan jalqabaaf raawwachiisuuf oolu deeggarsa doolaara biiliyoona 1 akkasumas liqii doolaara miiliyoona 500 walumaa gala doolaara biiliyoona 1 tuqaa 5 deeggarsaa fi liqiin mootummaa Itiyoophiyaaf kennuuf waliigaluusaatiin waliigaltee deeggarsaa fi liqii waldicha waliin mallatteessuusaa eeraniiru. Maallaqni liqiin argame guutummaatti yeroo tokkotti gara tireejerii mootummaatti kan galu yoo ta’u mootummaan Itiyoophiyaa hojiilee riifoormii jalqabe deeggaruuf akkasumas bajata mootummaa federaalaa bara 2017 kallattiin deeggaruuf kan oolu ta’uu eeraniiru. Liqiin doolaara miiliyoona 500 dhalarraa bilisa, akkaataa Baankiin murteesseen maallaqa liqii faayidaarra hinoolle irratti waggaatti kafaltii dirqamaa 0 tuqaa5 ta’u kaffalamuu nidanda’a. Baankichi maallaqa liqii bulchuuf tajaajila kennuuf kafaltii tajaajilaa 0 tuqaa 75 akka kaffalamu himaniiru. Kana malees liqiin kun yeroo yeroo obsaa waggaa jaahaa dabalatee waggoota 38 keessattikafalamee kan xumuramu ta’uu eeranii, manni marichaa waliigaltee deeggarsaa kana akka raggaasu gaafataniiru. Manni marii waliigaltee deeggarsaa kanarratti erga mari’atee booda sagalee caalmaan raggaaseera.
Naannoo Jiddugala Itoophiyaatti mikaa'inoonni Uummata fayyadamoo misoomaa taasisaan gala'aniiru.
Jul 31, 2024 238
Adoolessa 24/2016(TOI) - Naannoo Jiddugala Itoophiyaatti hojiiwwan misoomaa uummata fayyadamoo taasisan hedduun hojjetamuu pirezidaantiin naannichaa obbo Indaashoow Xaasoo beeksisan. Pirezidaantichi erga naannichi bifa haaraan hundaa'ee as hojiiwwan misoomaa fi bu'aawwan argaman ilaalchisuun miidiyaaleef ibsa kennaniiru. Ibsa isaaniin naannichatti ji'oota 11 darban hojii hunda galeessa hojjetameen bu'aan gaariin argameera jedhaniiru. Damee Qonnaa, Turizimii fi Indastiriirratti hojiiwwaan jalqabaman cimsuun fayyadamummaa mirkaneessuuf xiyyeeffannoon ni hojjetama jedhaniiru. Naannichaatti hojiiwwaan misoomaa hojjetamanii fi gufuuwwaan mudatan ilaalchisuunis ibsa bal'aa kennaniiru. Naannoon Jiddugala Itoophiyaa adoolessa 13/2015 godinaalee torbaa fi aanaalee addaa 3 of jalatti qabatee kan hundaa'ee yoo ta'u naannichi jiddgalaawwan torbas qaba.
Bara bajatichaatti fayidaa biyyaalessaa Itoophiyaa kan kabachiisaan hojiiwwan dippilomaasii paarlaamaa hojjetamaniiru.
Jul 31, 2024 203
Adoolessa 24/2016(TOI) - Bara bajataa 2016'tti fayidaa biyyaalessaa Itoophiyaa kan kabachiisaan hojiiwwan dippilomaasii paarlaamaa hojjetamuu Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataatti itti aanaan walitti qabaa Koreen dhaabbii qunnamtii alaa fi dhimmoota nagaa Doktar Fatii Mahaadii beeksisan. Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataatti itti aanaan walitti qabaa Koreen dhaabbii qunnamtii alaa fi dhimmoota nagaa Doktar Fatii Mahaadii TOI'tti akka himanitti; bara bajata 2016 hojiin dippilomaasii faydaa Itoophiyaa fi uummatoota ishee eegsisu hedduun hojjetameera. Hojiiwwaan Dippilomaasii Paarlamaa dippilomaatoota, ambaasaaddarootaa fi miseensoota mana maree biyyoota adda addaa waliin hojjetamuu eeraniiru. Walitti dhufeenya kannneeniin ejjennoon Itoophiyaa haala barbaadamuun ibsamuu danda'amuu fi fayidaa uummataa fi fedhii biyyaa beeksisuuf qophiin gahaan irratti taasifamee kan hojjetamanidha jedhaniiru. Akkasuma fedhii misoomaa Itoophiyaa, nageenyaa jiraachuu fi biyyoota biroo waliin walitti dhiheenyaan hojjechuuf fedhii qabaachuu agarsiisameera jedhaniiru. Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataatti iti aanaan koree dhaabbii seeraa fi haqaa obbo Isaa Boruu gama isaaniin mariiwwaan naannawwichaaf nagaa fiduu danda'an heddu irratti mari'atamuu himaniiru. Kanaanis hojiin fayidaa biyyaalessaa fi birmadummaa Itoophiyaa kan kabachiisan hojjetamuu eeraniiru. Hojiiwwaan dippilomaasii hojjetaman fayidaa biyyaalessaa jiddugala kan taasifatan ta'uu kan himan immoo miseensa Koree dhaabbii dhimma qunnamtii alaa fi dhimmoota nageenyaa kan ta'an obbo Moggaa Abbaabulguudha. Hojiin dippilomaasii paarlaamaa dhimmoota burjaajii uumaan qulqulleesuun biyyoonni hubannoo fooyye qabeessa akka qabaatan kan taasisudha jedhaniiru.
Manni Maree Ministirootaa yaa'ii isaa idilee 38ffaan murtee dabarse.
Jul 31, 2024 198
Adoolessa 24/2016(TOI) - Manni Maree Ministirootaa yaa'ii isaa idilee 38ffaan murtee dabarsera. Murtii Mana marichaan darbe; Waliigaltee deeggarsa faayinaansii wixinee labsii Waldaa Misooma Addunyaa raggaasuuf qophaa'e irratti mari'achuun murtoo dabarseera. Waliigalteen deeggarsa faayinaansii waldaa misooma addunyaa waliin taasifamee doolaara Ameerikaa biliyoona 1.5 kan argamsiisu yoo ta'u kana keessaa doolaarri Ameerikaa biliyoonni 1 deeggarsaan, doolaarri Ameerikaa miliyoonni 500 immoo liqaan kan argamedha. Deeggarsi faayinaansii kun hojii rifoorimii mootummaan Itoophiyaa maakiroo Ikonomii tasgabeesuuf jalqabe raawwachiisuu kan ooludha. Keessattu carraa hojii uumuu, qaala'insa jireenyaa to'achuu, hanqina sharafa alaa furuuf, caaseffama sirreesuuf akkasuma bajata mootummaa federalaa kan bara 2017 kallattiin deeggaruuf kan ooludha jedhameera. Manni Maree Ministirootaa sanada qophaa'erratti bal'inaan erga mari'ateen booda liqaan argame kan dhalarra bilisaa fi yeroo aara galfii waggaa 6 dabalatee waggaa 38'tti keessaatti kanfalamee kan xumuramu akkasuma haala tasimoo liqaa biyya keenyaa waliin karaa wal simuu ta'uu mirkaneesuun waliigalticha mirkaneesuun gara Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataatti murteessera. +2 Like Comment Send Share
Nageenya Naannichatti argame Ittifufsiisuun hundarraa eegama-Obbo Ashaadlii Hasan
Jul 30, 2024 354
Adoolessa 23/2016(TOI)- Nageenya Naannoo Beeniishaangul Gumuuzitti argame Ittifufsiisuun qooda fudhattoota hundarraa ni’eegama jedhan bulchaan bulchiinsa naannichaa Obbo Ashaadlii Hasan. Bulchaan naannichaa ergaa yaa’ii idilee mana marii naannichaarratti dabarsaniin furtuun rakkoo kamiiyyuu marii qofa ta’uu akka qabaatu hubachiisaniiru. Naannichatti nageenyi akka bu’u kutannoon mootummaan agarsiise kan dinqisiifatamuu fi milkaa’aadha kan jedhan obbo Ashaadliin, nageenya naannichatti argame ittifufsiisuun qaama hundarraa eegama jedhaniiru. Mootummaan naannichaa nageenya ittifufsiisuu fi misoomarratti xiyyeeffachuun akka hojjetu dubbataniiru. Furtuun rakkoowwan keenyaa marii qofa ta’uu qaba kan jedhan bulchaan bulchiinsa naannichaa, paartilee siyaasaa naannicha keessatti argaman waliin dhimmoota biyyaalessaa fi naannoorratti waliin hojjechuun nibarbaachisa jedhaniiru. Xiyyeeffannoo keenya guutuu nageenyaa fi misoomarra gochuun fayyadamummaa ummata naannichaa mirkaneessuuf nihojjenna jechuun dubbataniiru. Mootummaan naannichaa naannolee biroo waliin tumsaan hojjechuun ijaarsa mootummaaf qoodasaa akka bahu mirkaneessaniiru. Ittifufiinsa guddina keenyaa mirkaneessuuf humna faayinaansii keenyaa guddisuu fi hojii gibira walitti qabuuf hojjennu sirnaan bahachuu qabna jedhaniiru. Ittifufuunis pirojektoonni jalqabaman yeroo qabameefitti akka xumuraman hordoffiin barbaachisu akka taasifamu himaniiru. Rakkoo kenniinsa tajaajilaa dhaabilee mootummaa keessa jiru furuu figaaffilee ummataaf deebii hatattamaa kennuuf dandeettii gaggeessaa fi ogeeyyotaa gabbisuuf carraaqqiin nitaasifama jedhaniiru. Nageenya waaraa naannichatti buusuun misooma walirraa hincinne mirkaneessuun kallattii xiyyeeffannoo mootummaa isa olaanaa ta’uu eeranii, miseensonni mana marees ittigaafatamasaanii kutannoon akka bahan waamicha taasisaniiru.

Hawaasummaa
Raayyaan Ittisaa Waldaa Tola Oolaa Maqadooniyaaf Deeggarsa Meeshaalee fi Maaddii Qoode
Aug 5, 2024 364
Adoolessa 29/2016(TOI)- Raayyaan Ittisaa Waldaa Tola Oolaa Maqadooniyaaf Deeggarsa Meeshaalee fi Maaddii Qoode. Hooggantoonnii fi Miseensonni Raayyaa Ittisaa Sagantaa Kanarratti Argamaniiru. Raayyaa Ittisaatti Daarektarri Dubartootaa fi Dhimma Hawaasummaa Birgaadeer Jeneraal Hullaagariish Diras Akka Ibsanitti, Raayyaan Ittisaa Deeggarsa Uffataa, Meeshaalee Qulqullinaa fi Kanneen Biroo Waldichaaf Taasisaniiru. Raayyaan Ittisaa Hojiilee Tola OOltummaa Addaddaarratti Bobba’uun Ittigaafatama Hawaasummaasaa Bahachaa Akka Jiru Dubbataniiru. Raayyaan Ittisa Biyyaa Nageenya Biyyaa fi Ummataa Eeguun Cinaatti Kan Qabu Maanguddootaa fi Dadhabootaaf Qooduun fi Hojiilee Misoomaarratti Hirmaachuun Ummataaf Dhaabachuusaa Mirkaneessaa Akka Jiru Ibsaniiru. Raayyaan Ittisaa Waldaa Kanaaf Waan Qabuun Akka Deggaru Ibsee, Kanneen Biroos Deeggarsa Taasisuun Aantummasaanii Agarsiisuu Akka Aqaban eeraniiru. Hundeessaa fi Hojii Gaggeessaan Waldaa Tola Oolaa Biiniyaam Ballaxaa Gamasaaniin, Raayyaan Ittisa Biyyaa Lammiilee Waldicha Jalatti Argaman Yaadachuun Deeggarsaa fi Maaddii Qoodeef Galateeffataniiru. Dhaabbilee fi Namoonni Dhuunfaan Biroon Fakkeenya Raayyaa Ittisaa Fyudhachuun Waan Danda’aniin Waldicha Akka Deeggaran Waamicha Dhiheessaniiru.
Ministeerri Dubartootaa fi Dhimma Hawaasummaa Hojiilee Misoomaa Garagaraa Dhaabbata Chaayinaa Waliin Hojjechuuf Mallatteesse
Aug 5, 2024 127
Adoolessa 29/2016(TOI)- Ministeerri Dubartootaa fi Dhimma Hawaasummaa Hojiilee Misoomaa Garagaraa Faawundeeshin Foor Develooppimanti Chaayinaa Waliin Hojjechuuf Waliigaltee Mallatteesse. Ministirri Dubartootaa fi Dhimma Hawaasummaa Doktar Ergoogee Tasfaayee fi Itiyoophiyaatti Daarektarri Faawundeeshinichaa Yin Chee Waliigalticha Mallatteessaniiru. Waliigaltichii Soorata Barattootaa Bal’isuu, Fayyadamummaa Dinagdee Dubartootaa Mikaneessuu,Humna Haaromfamaa Soolaarii qaqqabaa Taasisuu fi Bishaan Dhugaatii Qulqulluu Akkasumas Deeggarsa Meeshaalee Barmootaa Ofkeessaa qaba jedhan Ministirittiin. Pirojektoonni Kunneen Hawaasa Gargaaramummaa Jalaa Baasuun Egereef dhaabuu kan dandeessisanidha jechuun Ibsaniiru. Itiyoophiyaatti Daarektarri Faawundeeshinichaa Yin Chee GamasaaniinWaggoota Kudhan Darban Dameelee Garagaraatiin Itiyoophiyaatti Deeggarsi Taasifamaa Turuu Eeraniiru. Faawundeeshinichi Dameelee Eeramanirratti Deeggarsa Barbaachisu Akka taasisu Dubbataniiru.
Ministirri Nageenyaa Lammiilee Godina Goofaatti Lafti Sigigaatee Miidhaman Akaakuu Fi Maallaqaan Deeggare
Aug 5, 2024 131
Adoolessa 29/2016(TOI)- Ministirri Nageenyaa Lammiilee Godina Goofaa Aanaa Gazee Goofaa Ganda Keenchoo Shaachaa Goozdiitti Lafti Sigigaatee Miidhaman Akaakuu Fi Maallaqaan Birrii Miiliyoona 6 Tuqaa 4 Deeggare. Deeggarsichi Wayita Kennamu Ministirri Nageenyaa Binnaalf Andu’alam Ummanni Biyyattii Balaa Umamaa Aanaa Gazee Goofaatti mudatetti gadduusaa Ibsaniiru. Kana Booda gaddaa keessaa Bhuun Lammiilee Balaa Kanaan Miidhaman Egereef Dhaabuuf Hojjetamuu Akka Qabu Hubachiisaniiru. Ministeerichi Gaddasaa Ibsuun Alatti Miidhamtoota Dhaabuuf Hojii Hojjetamu deeggaruuf Nyaata, Midhaan Dheedhii fi Uffannaa Birrii Miiliyoona 4 Tuqaa 2tti Tilmaamamu Deeggaruunsaa Ibsameera. Kana Malees Maallaqa Callaa Birrii Miiliyoona 2 Tuqaa 2 Caalu Kan Deeggare Yoo Ta’u, Fuulaa Duras Birrii Miiliyoona 30 Deeggaruuf Waadaa Galeera. Bulchaan Bulchiinsa Naannoo Kibba Itiyoophiyaa Obbo Tilahuun Kabbadaa gamasaaniin Ministeerichi Balaa Mudate Kana Hordofaa fi Jajjabeessaa Akka Ture Yaadachiisaniiru. Qaamaan Argamuun Deeggarsa Taasisuun Tumsa Ummataaf Qaban Ibsuusaniif Bulchaan Kun Galateeffataniiru. Rakkoo Kana Egereef Furuuf Komishinii Hooggansa yaaddoo Balaa fi Mootummaa Federaalaa Waliin Qindoominaan Hojjechaa Akka Jiru Ibsaniiru. Deeggarsa Yeroo Hatattamaan Alatti Miidhamtoota Dhaabuuf Yaalii Taasifamu Qabeenya Waan Barbaaduuf Ummattoonni Biyyattii Deeggarsa Maallaqaa, Qorqoorroo Fi Mismaaraa Akka Taasisu Waamicha Taasisuusaanii Odeeffannoon Komunikeeshinii Naannichaarraa Argame Nimul’isa.
Ministirri Fayyaa Doktar Maqdas Dhaabaa Naannoo Beeniishaangul Gumuzitti Hojii Tola Ooltummaa Ni’adeemsisu
Aug 4, 2024 365
Adoolessa 28/2016(TOI)- Ministirri Fayyaa Doktar Maqdas Dhaabaa Naannoo Beeniishaangul Gumuzitti Hojii Tola Ooltummaa Ni’adeemsisu Miseensonni garee hooggantoota olaanoo ministirittiin durfamu har’a Asoosaa dhaqaniiru. Miseensonni garee buufata Xiyyaaraa Asoosaa wayita gahan bulchaan bulchiinsa naannoo Beeniishaandul Gumuz Ashaadlii Hasan simataniiru.
Diinagdee
Bajanni dabalataa birriin biliyoonni 550 Mana Maree Bakka Bu'oota uummataaf dhihaachuuf jedhame
Aug 5, 2024 120
Adoolessa 29/2016(TOI) - Bajanni dabalataa bara bajataa 2017 birriin biliyoonni 550 Mana Maree Bakka Bu'oota uummataaf dhihaatee akka raggaasifamu qophiin taasifamuu Ministeerri Maallaqaa beeksise. Bajanni mootummaa federaalaa kan bara 2017 birrii biliyoona 971.2 ta'uun mana maree bakka bu'oota uummataan ragga'uun isaa ni yaadatama. Bajanni kun kan bara darbeen yoo madaalamu dhibbeentaa 21.1 caalmaa kan qabudha. Kana keessaa bajata idilee birrii biliyoona 451.3, bajata kaappitaalaa immoo birrii biliyoona 283.2'tu qabame. Ministir deetaan ministira maallaqaa Doktar Iyyoob Takkaaliny imaammata dinagdee gooroo ilaalchisuun ibsa kennanniin, fooyya'inis imammaata kun dinagdee amansiisaa fi waaraa ijaaruuf bu'uura kan kaa'udha jedhaniiru. Fooyya'insa imaammataa taasifamuu kana hordofee maddeen faayinaansii adda addaa deeggarsa taasisaa jiru jedhaniiru. Kana hordofuun ministeerri maallaqaa bajata mootummaa federaalaa bara 2017 ifa ta'eerratti bajata dabalataa akka taasisu himaniiru. Manni Maree Bakka Bu'oota uummata akka raggaasisuuf kan qophaa'ee bajata dabalataa birrii biliyoona 550 ol yoo ta'u, kana keessaa birriin biliyoonni 240 misooma hawaasummaaf kan oolu ta'uu eeraniiru. Mootummaan imaammata dinagdee gooroo fooyya'e kana karaa guutuu ta'e hojiirra yeroo oolchu lammilee galii gad aanaa qaban jiddugaleessa taasifatee ta'u ibsaniiru. Kanaanis lammilee galii dhaabbata qabanii fi feetineetii misoomaan deeggaramaniif deeggarsa gahaa taasisuuf bajanni dabaltaa kun murteessaa ta'uu eeraniiru. Dabalataan bajanni kun deeggarsa Zayitaa nyaata, bo'aa fi qorichaaf akka oolu taasisuun yaaddoo yeroo imaammannii kun hojiirra oolu mudachuu danda'u dursanii ittisuuf kan dandeesisudha jedhaniiru. Gama biroon baasii biyyaalessa galii ofiin guutuuf tattaaffii taasifamu cimee kan itti fufu fi hojiirra oolmaan imaammatichaa humna galii guddisuu keessattis gahee murteessa akka qabu eeraniiru. Galii dinagdeen maddisiisu karaa haqa qabeessa walitti qabuun hojiilee misoomaa adda addaaf akka olfamu ibsaniiru.
Ijaarsi Manaa Lammiilee Dadhaboof Taasiamu Hatattamaan Raawwatamaa Jira
Aug 5, 2024 114
Adoolessa 29/ 2016 (TOI ) -Ijaarsi Manaa Naannawa Awwaareetti Lammiilee Dadhaboof Taasiamu Akkaataa Karoorfameen Hojjetamaa Akka Jiru Waajjirri Ministira Muummee Hojiin Tola Ooltummaa Hawaasummaa Waggaa Waggaan Mana Dadhabootaa fi Harka qalleeyyiif Haaromsuu fi Ijaaruurratti Xiyyeeffatu Hojiilee Utubaa Ijoo Ministira Muummee doktar Abiyyi Ahimad Ta’uu Ibseera. Sosochiin Jijjiiramaa Naannawa Awwaareetti Haala Jireenyaa Fooyya’aa fi Kabajamaa Namaaf Uumuuf Hojjetamaa Jiru Qaamolee Mootummaa Federaalaa fi Naannoo Kan Hojeeffamu qaama muummee Karoora Kanaa Ta’uusaa Waajjirri Ministira Muummee Fuula Marsariitiisaarratti Beeksiseera. Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad Hojii Baranaa Baatii Caamsaa Jalqabsiisuunsaanii Waajjirichi Yaadachiisee, Ijaarsi Mana Dadhabootaaf Taasifamu Hatattamaan Hojjetamaa Akka Jiru Beeksiseera.
Godina Shawaa Lixaatti pirojeektoonni bu'uuralee misoomaa adda addaa eebbifamuun tajaajila kennuu jalqaban
Aug 5, 2024 96
Adoolessa 29/2016(TOI) - Godina Shawaa Lixaa aanaa Caliyaatti pirojeektoonni bu'uuralee misoomaa 36 ta'an kan birrii miliyoona 100 oliin ijaaraman eebbifamuun tajaajila kennuu jalqaban. Pirojeektoonni kunneen har'a yeroo eebbifaman miseensonni hoggansaa mootummaa Oromiyaa, bulchaan godinichaa fi ittifatamtoonnii wajjiiralee mootummaa aanichaa, abbootiin gadaa, abootiin amantaa, jaarsoliin biyyaa fi jiraatonni argamaniiru. Pirojeektoota misoomaa eebbifaman keessa, gamoo wajjira bulchiinsa aanaa Caliyaa, daandii, bishaan dhugaatii qulqulluu, riqichoota adda addaa fi kanneen birooti jedhameera. Bulchaan godina Shawaa Lixaa obbo Didhaa Guutaa pirojeetota hojiin isaanii xumuraman har'a eebbifaman dabalate waliigalaan godinichatti bara bajataa darbe birrii biliyoona 3.5 oliin pirojeektoonni adda addaa lakkoofsaan 762 ta'an hojjetamanii tajaajila kennuu jalqabaniiru. Pirojeektoonni kunneen gaaffii uummaannii godinichaa waggoota hedduuf gaafachaa ture kan deebisan ta'uus himaniiru. Erga jijjirama as pirojeektoonni yeroo kaa'ameef keessaatti akka hojjetamanii xumuraman hojii hojjetameen bu'aan jajjabeessan argamaa jirachuus eeraniiru. Eebba pirojeektoota bu'uuralee misoomaa har'a aanaan Caliyaatti eebbifaman irratti kan argaman hogganaa biiroo Busaa fi Gonofaa obbo Mogos Ida'ee jiratoonni aanichaa pirojeektoonni kun qabeenya isaanii ta'uu sirriitti hubachuun kununsa barbaachisu akka taasisaniif hubachiisaniiru. Jiraatonnii aanaa Caliyaa gama isaaniin pirojeektoonnii hojiin isaanii xumuramee tajaajila kennuu jalqaban kunneen faayidaa hedduu kan qaban waan ta'aniif yeroo dheeraaf tajaajila irraa barbaadamu akka kennaniif akka eegumsa barbaachisu taasisaniif himaniiru.
Hojiileen Misooma Qonnaa Kilaastaraa Naannoo Oromiyaa Naannawoota Horsiisee Bulaatti Hojjetaman Bu’a Qabeessadha
Aug 5, 2024 106
Adoolessa 29/2016(TOI)- Hojiileen Misooma Qonnaa Kilaastaraa Naannoo Oromiyaa Naannawoota Horsiisee Bulaatti Hojjetaman Bu’a Qabeessa Ta’uusaanii Bulchaan Bulchiinsa Naannichaa Obbo Shimallis Abdiisaa Ibsan. Hooggantoonni Olaanoo Federaalaa fi Naannoo Pirezudaant Shimallis Abdiisaan Durfamu Hojiilee Qonnaa Godina Gujii Lixaatti Hojjetaman Daawwateera. Obbo Shimallis Wayita Kana, Waggoota Dargaban Naanawa Horsiisee Bulaatti Hojiileen Misoomaa Nyaatarra Darbanii Gabaaf Oolan Bu’a Qabeessa Ta’uusaanii Ibsaniiru. Qonna Kilaastaraa Babal’isuu Dabalatee Qonnaa Teeknooloojiin Deeggaruudhaan Dhiheessii fi Aadaa Ittifayyadama Meeshaalee Qonnaa Ammayyaa Guddisuuf Hojiin Hojjetame Jijjiirama Fideera Jedhan. Keessumaa Hojiileen Naannoo Oromiyaa Iddoowwan Misoomni Midhaanii Hinbeekamnetti Hojjetaman Wabii Nyaataa Mirkaneessuurra Darbee Industiriiwwan Biyya Keessaa fi Biyya Alatti Oomishni Dhihaachaa Jira Jedhaniiru. Fuulduras Hojii Kana Babal’isuun Damee Qonnaarraa Dureeyyii Hedduu Horachuuf Hojiin Hojjetamu Cimee Akka Ittifufu Dubbataniiru.
Saayinsii fi teeknooloojii
Artefishaal Intalajensiin dargaggoonni biyyatti maqaa waamsisan umamaa jiru
Jul 25, 2024 395
Adoolessa 18/2016(TOI) -Teeknooloojii Artefishaal Intalajensiin(hubannoo namtolcheen) sadarkaa Idil Addunyaatti dargaggoonni kennaa adda qaban kan biyyattii maqaa waamsisan uumamaa jiraachuu Daayrektrarri Olaanaa Inistiitiyuutii Artifiishaal Intalajensii Itoophiyaa doktar Warquu Gaachanaa ibsan. Instiititiyutichi guddina damichaaf hojjechaa jirachuu himanii, dandeettii kalaqaa dargaggootaa cimsuuf barnoota idilee cinaatti leenjii Gannaa kennaa jira jedhaniiru. Leenjii marsaa tokkoffaa fi lammaffaa irratti aragtaniin dandeettii qaban gara bu’aatti jijjiiruun dhaabbilee dhuunfaa waliin ta’uun akka hojjechuu danda'an carraa uumamuufii himaniiru. Dargaggoonni beekumsaa fi yaada fooyya’aa akka qaban ibsanii, dandeettii isaaniitti akka fayyadaman haala mijeessuun gahee keenya jedhaniiru. Leenjichaaf, giddugaloota barsiisota damichaan beekumsa qaban, meeshaalee teeknooloojii mijatoo, mana yaalii fi galteewwan biroon guutaman ijaaramuu ibsaniiru
Jiraatota magaalichaa kuma 715 oliif waraqaan eenyummaa dijitaalaa kennameera
Jul 23, 2024 240
Adoolessa 16/2016(TOI) - Magaalaa Finfinneetti bara bajataa xumurametti jiraatota magaalichaa kuma 715 oliif waraqaan eenyummaa dijitaalaa kennamuu Ejeensiin Galmee siivilii fi Tajaajila jiraataa magaalaa Finfinnee beeksise. Daarektarri olaanaa Ejensichaa obbo Yohaannis Alamaayyoo hojiiwwan bara 2016 ilaalchisuun miidiyaaleef ibsa kennaniiru. Ibsa isaaniin ejensichi bara bajata xumurame jiraatoota magaalichaa kuma 715 fi 138 waraqaan eenyummaa kennuun karoora isaa keessa dhibbeentaa 93 milkeesuu danda'uu eeraniiru. Magaalichatti tajaajilli dijitaalaa erga jalqabamee jiraatonni magaalichaa miliyoonni 1 tuqaa 67 waraqaa eenyummaa dijitaalaa fudhachuu beeksisaniiru. Magaalichatti kanaan booda waraqaan eenyummaa waraqaan kan hin kennamne ta'uu eeranii tajaajilli waraqaa eenyummaa dijitaalaa cimee itti fufa jedhaniiru. Tajaajila waraqaa eenyummaa dijitaala malees galmeewwaan gaa'ilaa, hiikkaa fi dhalootaa karaa si'ataa ta'een kennamuu ibsaniiru. Bara bajatichatti galmeen dhalootaa kuma 364 fi 894 hojjetamuu himanii kunis kan bara bajata achi aanuu dhibbentaa 32 caalmaa kan qabu ta'uu ibsaniiru. Waliigalaan galmeewwan adda addaa shaniin galmeen kuma 440 fi 138 geggeeffamu eeraniiru. Ejensichaan hojjetoota rakkoo naamusaa qaban 238 irratti tarkaanfiin naamusa fudhatamuu eeranii, ogeeyyii fi abbootiin dhimmaa 80 ta'an dhimmi isaanii mana murtiin ilaalama jira jedhaniiru.
Sagantaan Koodarsi Itiyoophiyaanota miiliyoona shan weeb pirogiraamiing, andirooyid uumuun, saayinsii daataa fi hubannoo namtolcheetiin ogummaa dijitaalaa bu’uraa nihubachiisa
Jul 23, 2024 210
Adoolessa 16/2016(TOI)- Sagantaan Koodarsi Itiyoophiyaanota miiliyoona shan weeb pirogiraamiing, andirooyid uumuu, saayinsii daataa fi hubannoo namtolcheetiin ogummaa dijitaalaa bu’uraa akka hubachiisu waajjirri ministira muummee beeksise. Sagantaan “Koodarsii Itiyoophiyaanota miiliyoona shanii” pirojektii tumsa ogummaa hojii dijitaalaa guddisu kan mootummoota Itiyoophiyaa fi Emereetota Araba gamtoomaniin jalqabame akka ta’e ibsameera. Dinagdee dijitaalaa guddachaa jiru keessatti dhaloota Itiyoophiyaa dhufu ga’oomsuuf akeekamee akka jalqabame himameera. Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad har’a sagantaa haaraa hanqina beekumsaa dhiphisuu dandeessisu qaama dijitaalaa Itiyoophiyaa 2025 gochuun golambaa saayinsiitti jalqabsiisuusaanii odeeffannoon waajjira ministira muummee nimul’isa. Sagantaasaa akka lakkoofsa Awurooppaa bara 2016tti Itiyoophiyaanota miiliyoona shan weeb pirogiraamiing, andirooyid uumuu, saayinsii daataa fi hubannoo namtolcheetiin ogummaa dijitaalaa bu’uraa kan hubachiisu ta’uu waajjirri ministira muummee beeksiseera.
Guyyoota dhufan haalli qilleensaa naannawoota qonna gannaaf mijataa ta’e nijiraata-Inistiitiyuutii mitiwoorooloojii Itiyoophiyaa
Jul 22, 2024 229
Adoolessa 15/2016 (TOI)- Guyyoota kurnan dhufan haalli qilleensaa naannawoota qonna gannaaf mijataa ta’e akka jiru Inistiitiyuutii mitiwoorooloojii Itiyoophiyaa beeksise. Inistiitiyuutichi ibsa TOIf ergeen akka beeksisetti, haalli qilleensaa guyyoota dhufanii hojii qonnaaf qooda olaanaa qaba. Haalli qilleensaa kun guddina midhaan Kanaan dura facaafamanii sadarkaa biqilaa addaddaarra jiraniif murteessaadha jedheera. Naannawoota qonna gannaa turanii jalqabaniif lafti ciidhee yeroon sanyii facaasuuf haala mijataa akka uumu inistiitiyuutichi ibsasaatiin beeksiseera. Haalli qilleensaa kun biqiltuuwwan dhaabbataaf fedhii bishaanii guutuuf dhiheessiin bishaanii fi marga dheedichaaf akka fooyya’u qooda olaanaa akka qabaatu ibseera. Gama biraatiin naannawoota tokko tokkotti bokkaan cimaan waan mudatuuf lolaan battalaa fi sigiggoon lafaa mudachuu akka danda’u akeekkachiiseera. Qonnaan bultoonnii fi kutaaleen hawaasaa biroon iddoowwan walitti aanuun rooba argatan jiraatan midhsn, beelladaa fi qabeenyarra balaan akka hingeenyeofeeggannoo akka taasisan hubachiiseera.
Ispoortii
Atileet Ermiyaas Girmaa fi Atileet Saamu’eel Tafarraa calallii meetira 1500n kallattiin gara xumura walakkaatti darban
Aug 2, 2024 182
Adoolessa 26/2016(TOI)- Atileet Ermiyaas Girmaa fi Atileet Saamu’eel Tafarraa calallii meetira 1500n kallattiin gara xumura walakkaatti darbaniiru. Taphoonni Olompiikii 33ffaa har’a guyyaa 8ffaarra jira. Waaree har’aa calalliin jalqabaa dhiirotaa meetira 1500nii taasifameera. Atileet Ermiyaas Girmaa dorgommii ramaddii 2 keessatti taasiseen daqiiqaa 3 fi sakondii 35 fi maayikiroo sakandii 21n tokkoffaa bahuun kallattiin xumura walakkaaf darbeera. Atileet Saamu’eel Tafarraa ramaddii 3 keessatti taasiseen daqiiqaa 3 fi sakondii 37 fi maayikiroo sakondii 34n jahaffaa bahuun kallattiin xumura walakkaaf darbeera. Atileet Abdiisaa Fayyisaa ramaddii 1 keessatti dorgomee sadarkaa 14ffaa bahuun xumureera. Haata’u malee Atileet Abdiisaan xumura walakkaatti darbuuf carraa irra deebi’ee dorgomuu argateera. Akkaataa hojmaata haaraa koreen Olompiikii idil addunyaa 33ffaa hojeessaa jiruutiin Atileetonni dorgommiisaanii xumuranii marsaa ittaanutti yoo hindarbiin hafan dorgommii marsaa xumura walakkaatti igaluu isaan dandeessisu (repechage round) tti makamu. Haala Kanaan dorgomtoonni dorgommii calallii xumuran gara “Reepecheej Raawundi”tti seenuun kan dorgoman yoo ta’u atileetonni qabxii fooyyee galmeessisan xumura walakkaatti darbu. Atileetonni Calallii ramaddii sadiin taasifameen ramaddiisaaniirraa 1 amma sadiitti bahan kallattiidhaan xumura walakkaaf nidarbu.
Ministirri Aadaa fi Ispoortii Shawiit Shaankaa hojii haaromsa Istaadiyeemii Finfinnee dawwatan
Aug 2, 2024 127
Adoolessa 26/2016(TOI)- Ministirri Aadaa fi Ispoortii Shawiit Shaankaa hojii haaromsa Istaadiyeemii Finfinnee fi bu’uraalee misoomaa naannawasaa jiran dawwatan. Istaadiyeemichi ulaagaalee Fiifaa fi kaaf waan hinguunneef dorgommii kubbaa miilaa akka hinadeemsifne dhorkamuunsaa niyaadatama. Ministirittiin hojiilee suphaa akkaataa ulaagaalee kanneeniin adeemsifamaa jiru daawwataniiru. የSadarkaa haaromsi Istaadiyeemichaa irra jiruu fihojiilee biroo ilaalchisuun kontiraaktaroonni ministirittiif ibsaniiru. Haaromsi Istaadiyeemii Finfinnee baatii Waxabajjii bara 2013 jalqabamuusaa odeeffannoon TOIn ministeera Aadaa fi Ispoortirraa argate nimul’isa. Haaromsi Istaadiyeemii kanaa boqonnaa lamatti kan qoodame yoo ta’u hojiin haaromsaa boqonnaa jalqabaa xumurameera. Haaromsi boqonnaa lammaffaa harka 97 kan gahe yoo ta’u kan hafe dhiheenya nixumurama jedhameetu eegama. Haaromsa boqonnaa jalqabaaf birriin miiliyoona47 boqonnaa lammaffaaf birriin miiliyoona 190 baasii ta’uun ibsameera. Ministirri Aadaa fi Ispoortii Shawiit Shaankaa tibbana ijaarsa Istaadiyeemii biyyaalessaa (Istaadiyeemii Aday Ababaa)daawwachuun yeroo qabameefitti sadarkaasaa eeggatee akka hojjetamu kallattii kennuunsaanii niyaadatama.
Olompikii Paarisitti fiigichi xumuraa dhiirotaa meetira kumaa 10 Itiyoophiyaan meedaaliyaa itti argatti jedhamee eegamu har’a galgala taasifama
Aug 2, 2024 170
Adoolessa 26/2016(TOI)-Olompikii Paariis 33ffaan dorgommiin dhiiraan har’a galgala meetira kuma 10niin adeemsifamu Itiyoophiyaanota biratti hawwiidhaan eegama. Atileetonni Itiyoophiyaa xumura fiigichaarratti hirmaatan taphoota Olompiikii 32ffaa irratti fageenya wal fakkaatuun biyyasaanii bakka bu’anii dorgomuunsaanii hirmaannaa baranaatiin walfakkeenya addaa uumeera. Olompiikiin Paariis har’a guyyaa 8ffaa qabateera. Fiigichi xumuraa dhiiraan har’a galgala sa’aatii 4 fi daqiiqaa 20tti Istaadiyeemii Staadee Fraan daawwattoota kuma 80 qabatutti taasifama. Salamoon Baaraggaa, Yoomiif Qajeelchaa fi Barrihuu Aragaawii Itiyoophiya bakka bu’uun dorgomu. Atileetonni sadan akka lakkoofsa Awurooppaatti bara 2020 Olompiikii 32ffaarratti meetira 10000 dhiiraan fiigicha xumuraaf dorgomanii ture, baranas fageenya walfakkaatuun hirmaachuunsaanii walfakkeesseera. Bakka kana daqiiqaa 26 sakondii 11 maayikiroo sakondii 00n abbaa riikoordii kan ta’e lammiin Yugaandaa Jooshuwaa Cheepteegaay, atileetota dorgommii kana nimo’atu jedhamanii eegaman keessatti argama. Atileetiin kun fiigicha meetira kuma 5000n abbaa riikoordii addunyaati. Atileetonni Itiyoophiyaa dorgommii xumuraan alatti dorgommii calalliirrattis nihirmaatu. Saamu’eel Tafarraa, Ermiyaas Girmaa fi Abdiisaa Fayyisaa guyyaa keessaa sa’aatii 6 fi daqiiqaa 5tti meetira 1500n nidorgomu. Ramaddii dorgommiisaanii keessaa sadarkaa 1 amma 6tti yoo bahan xumura walakkaa Dilbata Adoolessa 28 bara 2016 dorgomamurratti nihirmaatu. Gudaaf Tsaggaay, Madiinaa Isaa fi Ijjigaayyoo Taayyee Calallii meetira 5000 dubartootaa galgala sa’atii 1 fi daqiiqaa 10tti adeemsifamurratti nihirmaatu. Atileetonni kunneen sadarkaa 1 amma8tti yoo xumuran dorgommii xumuraa Adoolessa 29 bara 2016 adeemsifamuuf darbuusaanii nimirkaneeffatu. Dorgommii Calallii dubartootaa meetira 800 galgala sa’aatii 2 fi daqiiqaa 45tti taasifamurratti Tsiggee Dhugumaa, Haabtaam Alamuu fi Warqinash Mallasee Itiyoophiyaa bakka bu’uun nidorgomu. Dorgommii Kanaan sadarkaa 1 amma 3tti yoo bahan xumura walakkaa Dilbata Adoolessa 28 bara 2016 taasifamuuf nidarbu . Kallattiin yoo hindarbine “Reeppiicheej Raawundiin” filannoo dorgommii irra deebii keessa nigalu. በAtileet Misgaanaa Waaqumaa kaleessa dorgommii tarkaanfii dhiirotaa kiiloomeetira 20n 6ffaa bahee qabxii gaarii fi abdii namatti horu galmeessiseera.
Dorgommii tarkaanfii kiiloomeetira 20n Atileet Misgaanaa Waaqumaa 6ffaa bahe
Aug 1, 2024 182
Adoolessa 25/2016(TOI)- Olompiikii 33ffaa Paarisitti dorgomamaa jiruun Atileet Misgaanaa Waaqumaa dorgommii tarkaanfii kiiloomeetira 20n 6ffaa bahuun xumureera. Taphoota Olompiikii Paarisitti taasifamaa jiruun sagantaan Atileetiksii har’a jalqabameera. Dorgommii tarkaanfii kiiloomeetira 20 dhiiraan har’a ganama taasifameen Misgaanaa Waaqumaa 6ffaa baheera. Atileet Misgaanaa hirmaannaa Olompiikii jalqabaatiin qabxii gaarii galmeessiseera. Haalli qilleensaa baay’ee cimaa waan ta’eef dorgommichi daqiiqaa 30 turee jalqabuusaa odeeffannoon koree Olompiikii idil addunyaa nimul’isa. Atileetonni biyyoota 26 irraa walitti dhufan 49 dorgommicharratti hirmaataniiru. Kanaan walqabatee dorgommiin tarkaanfii kiiloomeetira 20 dubartootaa kan xumuraa haala qilleensaa rakkisaa ta’erraa kan ka’e daqiiqaa 30 turee akka jalqabamu beekameera. Haala Kanaan dorgommichi sa’aatii 4 fi daqiiqaa 50tti nicalqabama.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
TOIn odeeffannoo sirrii ummataan gahuun cinaatti sagantaa ashaaraa magariisaarratti qooda fudhachaa jira
Aug 3, 2024 127
Adoolessa 27/2016(TOI)Tajaajilli Oduu Itiyoophiyaa (TOI)n odeeffannoo sirrii ummataan gahuun cinaatti sagantaa ashaaraa magariisaarratti qooda fudhachaa akka jiru Ittaanaa hojii raawwachiisaan tajaajila oduu Itiyoophiyaaobbo Nagaasii Ambaayee ibsan. Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad sagantaa ashaaraa magariisaa baranaa magaalaa Hayiqitti jalqabsiisuunsaanii niyaadatama. Hooggantoonnii fi ogeeyyonni Paarkii Inxooxxoo biqiltuu dhaabuun ashaaraa magariisaa kaa’aniiru. Ittaanaan hojii raawwachiisaan Tajaajila Oduu Itiyoophiyyaa obbo Nagaasii Ambaayee wayita kana akka jedhanitti, dhaabbatichi waggoota walitti aananiif biqiltuu dhaabuun ashaaraasaa kaa’aa har’a gaheera. Biqiltuun dhaabbatichi dhaabu guutummaatti lafti dafee akka xaa’omu kan taasisuu fi mandhalee akka ta’e ibsaniiru. Biqiltuu dhaabuun cinaatti sirriitti akka qabatu kunuunsi akka taasifamu dubbataniiru. Biqiltuun dhaabame akka qabatu fuuladuras kunuunsi akka taasifamu beeksisaniiru. Hooggantoonnii fi ogeessonni biqiltuu dhaabuurratti hirmaatan gamasaaniin biqiltuun dhaabame akka qabatu kunuunsa akka taasisan dubbataniiru. Ganna baranaa biqiltuu biiliyoona 7 tuqaa 5 dhaabuuf karoorfamee hojiitti galamuun nibeekama.
Hooggantoonnii fi Hojjettoonni Baankii Daldala Itiyoophiyaa Biqiltuu Dhaaban
Aug 3, 2024 124
Adoolessa 27/2016(TOI)- Hooggantoonnii fi Hojjettoonni Baankii Daldala Itiyoophiyaa Paarkii industirii Boolee Lammiitti Biqiltuu Dhaabaniiru. Sagantaa ashaaraa magariisaa baranaatiin dhaabbiileen addaddaa biqiltuu dhaabaa kan jiran yoo ta’u, hoggantoonnii fi hojjettoonni Baankii daldala Itiyoophiyaa guyyaa har’aa biqiltuu dhaabaniiru. Sagantaa baranaatiin baankichi jiddugaleessa Finfinneetti qofa biqiltuuwwan nyaataaf oolan, mandhalee fi faayidaa hedduu qaban kuma 50 ol dhaabuuf karoorse hojjechaa akka jiru ibsameera.. Jiddugaleessa Finfinneetii alattis distiriiktota 23 kutaa biyyattii addaddaatti argamanitti biqiltuu akka dhaabu ibsameera. Sagantaa ashaaraa magariisaa biyyaalessaa bara 2016 biqiltuu biiliyoona 7 tuqaa 5 dhaabuuf karoorfamee hojjetamaa jira.
Hooggantoonnii fi hojjettoonni ejensii bulchiinsa qulqullinaa magaalaa Finfinnee biqiltuu dhaaban
Aug 3, 2024 117
Adoolessa 27/2016(TOI)- Hooggantoonnii fi hojjettoonni ejensii bulchiinsa qulqullinaa magaalaa Finfinnee bakka balfa Raphii biqiltuu dhaaban. Sadarkaa ittigaafatamtuu biirootti Ittaantuun hojii gaggeessituu magaalaa Finfinnee adde Qonjiit Dabalaa, daarektarri olaanaa ejensii bulchiinsa qulqullinaa magaalaa Finfinnee doktar Isheetuu Lammaa fi hooggantoonni biroon biqiltuu dhabuurratti hirmaataniiru. Hojjettoonni qulqullinaa fi miseensonni waldaalee shariikaa saganticharratti hirmaataniiru. Sagantaan kun mata duree “biyya biqiltuu dhaabdu dhaloota ittifufsiisu” jedhuun gaggeeffamaa jira. Ashaaraa magariisaa baranaatiin biqiltuu biiliyeena 7 tuqaa 5 dhaabuuf karoorfameera. Dhaabbileen garagaraa, waldaalee fi kutaalen hawaasaa garagaraa biqiltuu dhaabaa jiru.
Ministeerri Haqaa fi dhaabbileen isaaf itti waamaman magaalaa Gaambeellaa fi naannawasaa biqiltuu dhaaban
Aug 1, 2024 130
Adoolessa 25/2016(TOI)- Ministeerri Haqaa fi dhaabbileen isaaf itti waamaman magaalaa Gaambeellaa fi naannawasaatti sagantaa qulqullinaa fi biqiltuu dhaabuu raawwachaa jiru. Hooggantoonnii fi hojjettoonni ministeerichaa fi dhaabbilee isaaf itti waamamanii hooggantootaa fi dargaggoota naannichaa waliin ta’uun saganticha raawwachaa jiru. De’eetaan ministira haqaa Tasfaayee Dhaabaa, De’eetaan ministira haqaa Balaayhun Yirgaa fi Ittaanaan bulchaa bulchiinsa naannoo Gaambeellaa obbo Teenkuweey Jook dabalatee hooggantoonni federaalaa fi naannoo biroon saganticharratti hirmaachaa jiru. Dabalataanis tajaajiloota tola ooltummaa akka raawwatanis ibsameera.
Gabaasa addaa
Miseensoonni Hoggansa Komishiinii Hoggansa Sodaa Balaa fi Mootummaa Federaalaa haala deeggarsa lammilee Godina Goofaatti sababa balaa sigiga lafaan miidhamaniiratti mari'ata jiru.
Jul 25, 2024 205
Adoolessa 18/2016(TOI) - Miseensoonni Hoggansa Komishiinii Hoggansa Sodaa Balaa fi Mootummaa Federaalaa haala deeggarsa lammilee Godina Goofaatti sababa balaa sigiga lafaan miidhamaniiratti mari'ata jiru. Mariin kunis taasifamaa kan jiru mana maree balaa sodaa naannoo Kibba Itoophiyaa fi qaamolee dhimmi ilaallatu waliinidha jedhameera. Marii kanaan gamaggamni hojii erga balaan kun mudateen booda hojjetama jirus geggeeffama jira jedhameera. Akkasuma lammilee miidhaan irra gahee haala itti karaa waaraa ta'ee dhaabuun danda'muu fi balaa akka akka hin mudannee hojii ittisa gara fuula duraatti hojjetamu qaburrattis mari'achuun murtoo ni dabrsu jedhameera. Marii kanarratti Komishinarri olaanaa Komishiinii Hoggansa Sodaa Balaa Federaalaa ambaasaaddar doktar Shifarraw Takilamaaram fi Mana maree bakka bu'oota Uummataatti ministira Itti waamamaa Mootummaa doktar Tasfaayee Beeljigeen hirmaacha jiru. Dabalataan hoggantoonni mootummaa federaalaa fi naannoon argamaniiru.
Af-yaa'iin Mana Maree Bakka Bu'oota Uummata Obbo Taaggasee Caafoo maatii lammilee sababa sigiga lafaan miidhamanii jajjabeessan.
Jul 24, 2024 218
Adoolessa 17/2016(TOI) - Af-yaa'iin Mana Maree Bakka Bu'oota Uummata FDRI Obbo Taaggasee Caafoo dabalatee hoggantoonni hojii mootummaa federaalaa olaanoon biroon godina Goofaa aanaa Gazee Goofaatti maatii lammilee sababa sigiga lafaan miidhaman achitti argamuun jajjabeessan. Naannoo Kibbaa Itoophiyaa godina Goofaa aanaa Gaze Goofaa ganda Kenchoo Sachaa Gozidiitti rooba cimaa dheengadda roobeen lafti sigigaate lubbuu namaa fi qabeenyarratti miidhaa cimaa geesiseera. Af-yaa'ii mana maree bakka bu'oota uummata obbo Taggasee Caafoo dabalatee hoggantoonni hojii mootummaa federalaa bakka balaan kun itti mudate dhaquun kanneen balaa kanaan miidhaan irra gahe jajjabeessaniiru. Mootummaan naannichaa fi jiraatoonni naannawwichaa yeroo ammaa hojii lubbuu baraaruu fi balaan dabalataa akka hin mudanneef hojii barbaachisaa ta'ee hojjechaa jiru. Akkasuma lammilee miidhaan irra gaheef deeggarsi namooma karaa qindaa'een taasifamaafi jira jedhameera.