Siyaasa
Manni marii bakka bu’oota ummataa waliigaltee deeggarsa faayinaansii Itiyoophiyaan waldaa misoomaa idil addunyaa waliin taasifte raggaase
Jul 31, 2024 363
Adoolessa 24/2016(TOI)- Manni marii bakka bu’oota ummataa walgahiisaa ariifachiisaatiin waliigaltee deeggarsa faayinaansii Itiyoophiyaan waldaa misoomaa idil addunyaa waliin taasifte raggaaseera. Manni marii ministirootaa walgahii idilee 38ffaa har’a taa’een labsii waliigaltee faayinaansii waldaa misoomaa idil addunyaa waliin taasifame raggaasuuf qophaa’erratti mari’atee murtee dabarseera. Waliigalteen deeggrsa faayinaansii waldaa misoomaa idil addunyaa waliin taasifame doolaara Ameerikaa biiliyoona 1 tuqaa 5 kan argamsiisu yoo ta’u, kana keessa doolaarri Ameerikaa biiliyoona 1 deeggarsa, doolaarri Ameerikaa miiliyoona 500 liqiin kan argamedha. Manni marii ministirootaa sanadicharratti erga mari’atee booda tarsiimoo bulchiinsa liqii biyyattii waliin kan walsimu ta’uusaa mirkaneessuudhaan waliigalticha raggaasee mana marii bakka bu’oota ummataaf akka dabarfamu sagalee guutuun murteesseera. Manni marii bakka bu’oota ummataa walgahiisaa ariifachiisaadhaan waliigaltee deeggarsa faayinaansii waldaa misooma idil addunyaa Itiyoophiyaan taasifterratti mari’ateera. Mana marichaatti ministirri itti waamama mootummaa doktar Tasfaayee Beeljigee labsicha ilaalchisuun ibsa kennaniin, fooyyessi dinagdee mandhalee jijjiiramaan booda jalqabaaf hojiirra oolfame qormaatilee keessoo fi alaa hedduu damdamachuun bu’aa gaarii galmeessiseera jedhan. Waggoota jijjiiramaa darban jiddugaleessaan guddina dhibbantaa 6 tuqaa 2 galmeessisuun akka danda’ame eeraniiru. Hojii riifoormii dinagdee mandhalee lammaffaatiin, cabiinsa maakiroo suphuuf akkasumas bu’aa marsaa jalqabaan argame ittifufsiisuuf xiyyeeffatamee hojjetamaa jira jedhaniiru. Haala Kanaan dinagdee gooroo tasgabbeessuuf keessumaa carraa hojii uumuuf, qaalq’iinsa gatii hir’isuu fi to’achuuf, hanqina sharafa alaa hir’isuu fi sirreeffama caasaa fiduuf hojiiwwan riifoormii hojii jalqabamaniiru jedhaniiru. Waldaan misoomaa idil addunyaa sagantaa fooyyessa dinagdee guutuu deeggaruuf kallattiin bajata deeggaruuf imaammata guddina misoomaa hundagaleessa egeree fi kan jalqabaaf raawwachiisuuf oolu deeggarsa doolaara biiliyoona 1 akkasumas liqii doolaara miiliyoona 500 walumaa gala doolaara biiliyoona 1 tuqaa 5 deeggarsaa fi liqiin mootummaa Itiyoophiyaaf kennuuf waliigaluusaatiin waliigaltee deeggarsaa fi liqii waldicha waliin mallatteessuusaa eeraniiru. Maallaqni liqiin argame guutummaatti yeroo tokkotti gara tireejerii mootummaatti kan galu yoo ta’u mootummaan Itiyoophiyaa hojiilee riifoormii jalqabe deeggaruuf akkasumas bajata mootummaa federaalaa bara 2017 kallattiin deeggaruuf kan oolu ta’uu eeraniiru. Liqiin doolaara miiliyoona 500 dhalarraa bilisa, akkaataa Baankiin murteesseen maallaqa liqii faayidaarra hinoolle irratti waggaatti kafaltii dirqamaa 0 tuqaa5 ta’u kaffalamuu nidanda’a. Baankichi maallaqa liqii bulchuuf tajaajila kennuuf kafaltii tajaajilaa 0 tuqaa 75 akka kaffalamu himaniiru. Kana malees liqiin kun yeroo yeroo obsaa waggaa jaahaa dabalatee waggoota 38 keessattikafalamee kan xumuramu ta’uu eeranii, manni marichaa waliigaltee deeggarsaa kana akka raggaasu gaafataniiru. Manni marii waliigaltee deeggarsaa kanarratti erga mari’atee booda sagalee caalmaan raggaaseera.
Bara bajatichaatti fayidaa biyyaalessaa Itoophiyaa kan kabachiisaan hojiiwwan dippilomaasii paarlaamaa hojjetamaniiru.
Jul 31, 2024 159
Adoolessa 24/2016(TOI) - Bara bajataa 2016'tti fayidaa biyyaalessaa Itoophiyaa kan kabachiisaan hojiiwwan dippilomaasii paarlaamaa hojjetamuu Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataatti itti aanaan walitti qabaa Koreen dhaabbii qunnamtii alaa fi dhimmoota nagaa Doktar Fatii Mahaadii beeksisan. Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataatti itti aanaan walitti qabaa Koreen dhaabbii qunnamtii alaa fi dhimmoota nagaa Doktar Fatii Mahaadii TOI'tti akka himanitti; bara bajata 2016 hojiin dippilomaasii faydaa Itoophiyaa fi uummatoota ishee eegsisu hedduun hojjetameera. Hojiiwwaan Dippilomaasii Paarlamaa dippilomaatoota, ambaasaaddarootaa fi miseensoota mana maree biyyoota adda addaa waliin hojjetamuu eeraniiru. Walitti dhufeenya kannneeniin ejjennoon Itoophiyaa haala barbaadamuun ibsamuu danda'amuu fi fayidaa uummataa fi fedhii biyyaa beeksisuuf qophiin gahaan irratti taasifamee kan hojjetamanidha jedhaniiru. Akkasuma fedhii misoomaa Itoophiyaa, nageenyaa jiraachuu fi biyyoota biroo waliin walitti dhiheenyaan hojjechuuf fedhii qabaachuu agarsiisameera jedhaniiru. Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataatti iti aanaan koree dhaabbii seeraa fi haqaa obbo Isaa Boruu gama isaaniin mariiwwaan naannawwichaaf nagaa fiduu danda'an heddu irratti mari'atamuu himaniiru. Kanaanis hojiin fayidaa biyyaalessaa fi birmadummaa Itoophiyaa kan kabachiisan hojjetamuu eeraniiru. Hojiiwwaan dippilomaasii hojjetaman fayidaa biyyaalessaa jiddugala kan taasifatan ta'uu kan himan immoo miseensa Koree dhaabbii dhimma qunnamtii alaa fi dhimmoota nageenyaa kan ta'an obbo Moggaa Abbaabulguudha. Hojiin dippilomaasii paarlaamaa dhimmoota burjaajii uumaan qulqulleesuun biyyoonni hubannoo fooyye qabeessa akka qabaatan kan taasisudha jedhaniiru.
Nageenya Naannichatti argame Ittifufsiisuun hundarraa eegama-Obbo Ashaadlii Hasan
Jul 30, 2024 320
Adoolessa 23/2016(TOI)- Nageenya Naannoo Beeniishaangul Gumuuzitti argame Ittifufsiisuun qooda fudhattoota hundarraa ni’eegama jedhan bulchaan bulchiinsa naannichaa Obbo Ashaadlii Hasan. Bulchaan naannichaa ergaa yaa’ii idilee mana marii naannichaarratti dabarsaniin furtuun rakkoo kamiiyyuu marii qofa ta’uu akka qabaatu hubachiisaniiru. Naannichatti nageenyi akka bu’u kutannoon mootummaan agarsiise kan dinqisiifatamuu fi milkaa’aadha kan jedhan obbo Ashaadliin, nageenya naannichatti argame ittifufsiisuun qaama hundarraa eegama jedhaniiru. Mootummaan naannichaa nageenya ittifufsiisuu fi misoomarratti xiyyeeffachuun akka hojjetu dubbataniiru. Furtuun rakkoowwan keenyaa marii qofa ta’uu qaba kan jedhan bulchaan bulchiinsa naannichaa, paartilee siyaasaa naannicha keessatti argaman waliin dhimmoota biyyaalessaa fi naannoorratti waliin hojjechuun nibarbaachisa jedhaniiru. Xiyyeeffannoo keenya guutuu nageenyaa fi misoomarra gochuun fayyadamummaa ummata naannichaa mirkaneessuuf nihojjenna jechuun dubbataniiru. Mootummaan naannichaa naannolee biroo waliin tumsaan hojjechuun ijaarsa mootummaaf qoodasaa akka bahu mirkaneessaniiru. Ittifufiinsa guddina keenyaa mirkaneessuuf humna faayinaansii keenyaa guddisuu fi hojii gibira walitti qabuuf hojjennu sirnaan bahachuu qabna jedhaniiru. Ittifufuunis pirojektoonni jalqabaman yeroo qabameefitti akka xumuraman hordoffiin barbaachisu akka taasifamu himaniiru. Rakkoo kenniinsa tajaajilaa dhaabilee mootummaa keessa jiru furuu figaaffilee ummataaf deebii hatattamaa kennuuf dandeettii gaggeessaa fi ogeeyyotaa gabbisuuf carraaqqiin nitaasifama jedhaniiru. Nageenya waaraa naannichatti buusuun misooma walirraa hincinne mirkaneessuun kallattii xiyyeeffannoo mootummaa isa olaanaa ta’uu eeranii, miseensonni mana marees ittigaafatamasaanii kutannoon akka bahan waamicha taasisaniiru.
Yaa'iin Dargaggoota BRICS 10ffaan tumsaa fi walta'insa damee dargaggoota biyyoota miseensa BRICS cimsuuf carraa uumeera.
Jul 30, 2024 110
Adoolessa 23/2016 (TOI) - Yaa'iin Dargaggoota BRICS 10ffaan tumsaa fi walta'insa dargaggoota biyyoota miseensa BRICS ta’an gidduu jiru cimsuuf balbala banuu Manni Maree Dargaggoota Itoophiyaa beeksise. Jilli Pireezidaantii Mana Maree Dargaggoota Itoophiyaa Fo'aad Gaannaan durfamu yaa’ii dargaggoota BRICS 10ffaa guyyoota daraban Raashiyaa Ulyanoviisikitti gaggeeffame irratti hirmaateera. Pireezidaantiin Mana Maree Dargaggoota Itoophiyaa Fo'aad Gaannaa; Itoophiyaan hirmaannaa yaa'ii kanarratti taasiste ilaachisuun har'a miidiyaaleef ibsa kennaniiru. Ibsa isaanis; yaa'ii kanarratti Itoophiyaa dabalatee biyyoota miseensa BRICS hundarraa hoggantoonni dargaggootaafi ministeerotni hirmataniiru jedhaniiru. Itoophiyaan BRICS erga dabalamtee yeroo jalqabaaf yaa’ii kanarratti hirmaachuu ibsaniiru. Yaa'ii kanaan barnootaafi leenjii, saayinsii, kalaqaa fi teeknooloojii, carraa hojii uumuu, fayyaa, ispoortii fi aartii irratti mari'achuu ibsaniiru. Yaa'ichi dargaggoonni biyyoota miseensa ta’an waltajjii tokko irratti walitti qabamanii dhimma waloo isaanii irratti mari’achuu fi carraa isaanii irratti akka mari’atan balbala baneeras jedhaniiru Dargaggoonni dhimmoota hunda galeessa siyaasaa, diinagdee fi hawaasummaa biyyoota isaaniirratti dammaqinaan akka hirmaatan waltajjiichi haala mijataa kan uume ta’uus eeraniiru. Pireezidaantiin mana maree dargaggoota Itoophiyaa Fo'aad Gannaa akka jedhanitti, yaa'iin kun tumsaa fi walta'insa biyyoota miseensa BRICS gama dargaggootaan jiru cimsuuf balbala baneera.
Manni maree naannoo Affaar yaa’ii idilee taa’een muudamoota addaddaa raggaasuun xumurame
Jul 29, 2024 114
Adoolessa 22/2016(TOI)- Manni maree naannoo Affaar yaa’ii idilee 6ffaa guyyoota sadan darban taa’een muudamoota addaddaa raggaasuun xumurameera. Manni marichaa muudamoota armaan gadii bulchaan bulchiinsa naannichaa Awwal Arbaa dhiheessan raggaasuun xumurameera. 1/ Adde Eyishaa Yaasiin – Hooggantuu biiroo Industirii fi Invastimantii naannichaa 2/ Obbo Ahimad Abduqaadir – Hoogganaa daldalaa fi misooma gabaa naannichaa 3/ Obbo Umur Nuur Arbaa – hoogganaa bulchiinsa lafaa naannichaa 4/ Obbo Ibraahim Umad –Hoogganaa biiroo Tuurizimii naannichaa 5/ Obbo Ibraahim Mahaammad – Hoogganaa biiroo beelladaa fi misooma qabeenya Qurxummii naannichaa 6/ Obbo Ahimad Ibraahim – Hoogganaa biiroo dargaggootaa, aadaa fi Ispoortii ta’uun muudamaniiru. Kanneen Kanaan dura muudamanii hojiirra jiranii fi muudamnisaanii mana mareetiin har’a ragga’e - 1/ Obbo Ismaa’iil Mahaammad Alii – Hoogganaa biiroo Haqaa naannichaa 2/ Obbo Mahaammad Alii-Hoogganaa tajaajila komunikeeshinii mootummaa naannichaa 3/ Adde Faaxumaa Mahaammad – Hooggantuu biiroo dubartootaa fi dhimma hawaasummaa naannichaa ta’uunsaanii beekameera. Akkasumas Sadarkaa itti aanaatti bakka bu’ummaan kan moggaafamanii fi ittigaafatamni guutuun kennameefii bakkichatti kan muudaman ammoo- 1/ Obbo Gaddoo Hamooloo – Sadarkaa hoogganaa biirootti ittaanaa hoogganaa biiroo nageenyaa fi tasgabbii 2/ Obbo Saanii Mahaammad – Ittaanaa bulchaa godina Awusii Rasuu ta’uun muudama kennamu raggaasuun xumurameera.
Jiraattonni magaalaa Gondar gumaacha ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad misooma Gondariif taasisaniif hiriira bahuun deeggarsasaanii ibsaa jiru
Jul 27, 2024 111
Adoolessa 20 /2016(TOI)- Jiraattonni magaalaa Gondar gumaacha ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad misoomni Gondar akka si’atu xiyyeeffannoo addaa kennuun pirojektoonni misoomaa harkifatan hatattamaan akka xumuramanii fi haaraan akka jalqabaman deeggarsa taasisaniif jiraattonni magaalaa hiriira nagaa bahuun deeggarsasaanii agarsiisaa jiru. Gaaffilee Gondarii fi naannawashee yeroo dheeraaf deebii kennuuf kutannoo ministirri muummee fi mootummaan isaan gaggeessan agarsiisaniif beekamtii nikennina jechuun ergaa dabarsaniin beeksisaniiru. Pirojektoota misoomaa hatattamaan xumuramanii tajaajilaaf akka oolan ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad dhiheenya kana qajeelfama itti kennan keessaa daandiin konkiriitii Aspaaltii Azazoo Gondar, pirojektiin jallisii fi bishaan dhugaatii Angarab keessatti argamu. Kana malees Magaalaan Gondor seenaashee durii fi hawattummaa tuuristii qabdu karaa guddisuun dhiheenya kan jalqabame misoomni kooriidaraa fi hambaa idil addunyaa kan ta’e hojiin suphaa masaraan moototaa Atse Faasiil jalqabamuunsaa akka isaan gammachiise jiraattonni hiriira nagaa bahuun deeggaraniiru. Hiriira deeggarsaa magaalaa Gondar Istaadiyeemii Faasiladasitti gaggeeffamaa jiru kanarratti dargaggoonni, dubartoonni, hojjettoonni mootummaa, jaarsoliin biyyaa, abbootiin amantaa fi haeaasni daldalaa hirmaachaa jiru.
Dubartoonni marii biyyaalessaa keessatti hirmaannaa cimaa akka taasisan ni hojjetama.
Jul 25, 2024 546
Adoolessa 18/2016(TOI) - Dubartoonni ijaarsa biyyaa keessattis ta'ee marii biyyaalessaa keessatti hirmaanna cimaa akka taasisan kan hojjetamu ta'uu Ministirri Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa doktar Ergoogee Tasfaayee beeksisan. Ministirri Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa doktar Ergoogee Tasfaayee waggoota darban mootummaan kan irratti hojjechaa turee fi lammileenis gaafachaa kan turan mariin biyyaalessaa kan rakkoowwan bu'uuraa jiran mariin furuu boqonnaa baay'ee murteessarra gahuu beeksisaniiru. Ministeerri Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa ijaarsa biyyaa keessattis ta'ee marii biyyaalessaa keessaatti dubartoonni hirmaanna hiikka qabeessa akka qabatan qaamolee dhimmi ilaallatuu fi deeggartoota waliin ta'uun waltajjiiwwan adda addaa mijeesuun gahee isaa bahaa turuu eeraniiru. Hojii kana caalmaatti cimsuuf kan hojjetamu ta'uus eeraniiru. Akka biyyaatti waldhabdeewwanii uumamaan keessatti dursa kan miidhaman dubartoota ta'uu eeranii marii biyyaalessaa hunda hirmaachi taasisuun waliigaltee biyyaaleessaa uumuuf hojii Komishiiniin Marii Biyyaalessa hojjechaa dinqisifataniiru. Komishinarri olaanaa Komishiinii Marii Biyyaalessa pirofeessar Masfin Araayaa '' Injifataa taanee haa baanu yoo jedhame mari'achuu qabna, marichaafis dubartoota qabannee bahuu qabna'' jedhaniiru. Ajandaan dubartoota ajandaa Itoophiyaanoota hundaa ta'uus Komishiinarichi himaniiru. Pirezidaantiin 'Sagalee Qindoomina Dubartootaa' Saabaa G'madiin gama isaaniin Marii biyyaalessaa keessatti dubartoonni bakka bu'ummaa barbaachisu argachuun gahee isaanii akka bahanii taasisuun barbaachisaa ta'uu eeruu odeeffannoon Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaarra argame ni mul'isa.
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015