Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Biqiltuu dhaabuun gocha biyya dhaabuu fi dhalootaaf kennaa dhaaluudha-Ittaanaa ministira muummee Tamasgeen Xurunaa
Jul 30, 2024 55
Adoolessa 23/2016(TOI)- Biqiltuu dhaabuun gocha biyya dhaabuu fi dhalootaaf kennaa dhaaluu akka ta’e Ittaanaa ministira muummee Tamasgeen Xurunaa ibsan. Ittaanaan ministira muummee pirezidaantii naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa, ministira qonnaa doktar Girmaa Amantee, fi hoogantoota biroo fi kutaalee hawaasaa garagaraa waliin ta’uun Bishooftuutti biqiltuu dhaabaniiru. Ittaanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa wayita kana ergaa dabarsaniin, sagantaan ashaaraa magariisaa hojii Itiyoophiyaan addunyaarratti beekamtii itti argattedha. Bara kana biqiltuu biiliyoona 7 tuqaa 5 dhaabuuf karoorfamee amma ammaatti biiliyoona 5 tuqaa 4 caalu dhaabuun akka danda’ame dubbataniiru. Qabeenyi bosonaa Kanaan dura ture eegumsa dhabuun xiqqaachaa dhufuu eeranii, misoomni amma jalqabame Itiyoophiyaa magariisa itti uwwisuudha jedhaniiru. Sagantaan ashaaraa magariisaa jalqabame eegumsa qabeenya uumamaa, tuurizimii, myaataa fi tajaajiloota biroof qooda olaanaa akka qabu ibsaniiru. Dargaggoonni biqiltuu biqilchaa fi dhaabaa jiran damma baasuu fi kaarboonii gurguruun fayyadamaa akka jiran kaasanii, biqiltuu dhaabuun ijoollee keenya idaa osoo hinta’iin kennaa dhaalchisuuf qophoofneera jedhaniiru. Biqiltuu dhaabuun tarkaanfii gaarii biyya dhaabuu waan ta’eef fuulduratti dhaabuu fi kunuunsuu qbna jedhaniiru. Naannoo jireenyaaf mijeessuu, miidhagaa fi magariisa gochuun Bishooftuu hawata Tuurizimii gochuu qabna jedhaniiru. Oirezidaantiin naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaa, waggoota darban naannichatti hojiin ashaaraa magariisaa dinqisiisoon hojjetamuu ibsaniiru. Baranas biqiltuun hedduun amma ammaatti dhaabamuu eeranii, ummanni hirmaannaa gochaa waan jiruuf bu’aan guddaan argamaa jira jedhan. Misoomni magariisaa biyya balaa uumamaarraa eeguu fi biyya fooyyaatuu dhaloota dhufuuf ijaaruuf qooda olaanaa akka qabu kaasaniiru. Hojiin kooriidaraa fi misooma magariisaa Bishooftuutti jalqabame magaalattii hawattuu Tuurizimii taasisuuf hojii jalqabame kan milkeessu ta’uu ibsaniiru. Kantiibaan magaalaa Bishooftuu Alamaayyoo Asaffaa, miidhagina magaalattii eeguu fi hawattuu Tuurizimii taasisuuf hojiileen misoomaa hedduun hojjetamaa jiraachuu himaniiru. Sagantaa ashaaraa magariisaa baranaatiinis biqiltuuwwan miiliyoona 8 tuqaa 4 dhaabuuf karoorfamee hojjetamaa jira jedhaniiru.
Ittaanaa pirezidaantii paartii badhaadhinaa Adam Faaraah dabalatee hooggantoonnii fi hojjettoonni waajjira paartichaa biqiltuu dhaaban
Jul 24, 2024 359
Adoolessa 17/2016(TOI)- Ittaanaan pirezidaantii paartii badhaadhinaa Adam Faaraah dabalatee hooggantoonnii fi hojjettoonni waajjira paartichaa biqiltuu dhaaban. Sadarkaa ittaanaa ministira muummeetti hoogganaan jiddugaleessa qindeessaa ijaarsa sirna demokiraasii fi ittaanaan pirezidaantii paartii badhaadhinaa Adam Faaraah fi hooggantoonni olaanoo fi hojjettoonni waajjira muummee paartichaa kutaa magaalaa Lammii Kuraatti Biqiltuu dhaabaniiru. Obbo Adam Faaraah sagantaa kanarratti haasaa taasisaniin,sagantaan ashaaraa magariisaa dhaloota kaleessaa, har’aa fi boruu kan wal quunnamsiisuu fi Itiyoophiyaan lafa jireenyaaf mijattu taate uumuuf qoodashee bahaa akka jirtu kan agarsiisudha jedhaniiru. Seenaa kaleessa hojjetaman ittifufsiisuuf, balaawwan ittifufiinsaan qolachuuf, lafa keenya jijjiirama haala qilleensaarraa eeguuf nidandeessisa jedhaniiru. Dhaloota har’aaf carraa hojii uumuuf, oomishtummaa guddisuu fi wabii nyaataa mirkaneessuuf qooda olaanaa bahachaa akka jiru ibsaniiru. Ijaarsa dinagdee magariisaa jijjiirama haala qilleensaaf hinsaaxilamnemilkeessuuf gumaacha gudda akka qabu kaasaniiru. Biyya dhaloota boruuf mijattuu fi lafa dhaloota addunyaa dhufuuf mijatu dabarsuuf dirqama keenya bahachaa akka jirru agarsiisa jedhaniiru. Carraaqqii biyyaa fi pilaanetii dhaloota boruuf dabarsuuf jalqabne kan milkeessuu fi qooda keenya idil addunyaa bahachaa akka jirri raga qabatamaa akka ta’e himaniiru. Kanaaf magaalaattis ta’e baadiyyaatti cimee ittifufuu akka qabu ibsaniiru. Sagantaan kun akka milkaa’u Paartiin badhaadhinaa qooda gaggeessummaa isaa akka ittifufu mirkaneessaniiru. Paartii badhaadhinaatti hoogganaan waajjira damee Finfinnee obbo Mogos Baalchaa, Itiyoophiyaa lalistuu fi jiraattotaaf mijatte gochuuf hojiin seenaashee madaalu hedduun hojjetamaa jira jedhaniiru. Finfinneen jiddugaleessa dippilomaasii waan taateef biqiltuun ashaaraa magariisaa maqaashee madaalu dhaabamaa jira jedhan. Finfinneen miidhagduu fi jireenyaaf mijattuu akka taatu hojjetamaa akka jiruu fi kun akka dhugoomu paartiin badhaadhinaa kutannoo siyaasaa qabu qabatamaan mirkaneessaa akka jiru eeraniiru. Ministirri muummee dkotar Abiyyi Ahimad ashaaraa magariisaa baranaa mata duree “ biyya biqiltuu dhaabdu dhaloota ittifufsiisu” jedhuun Waxabajjii 22/2016 godina Walloo Kibbaa magaalaa Hayiqitti jalqabsiisuunsanii niyaadatama. Barana biqiltii biiliyoona 7 tuqaa 5 dhaabuun biqiltuu amma ammaatti dhaabame biiliyoona 40n gahuuf karoorfameera.
Hooggantoonni Paartilee Siyaasaa Itiyoophiyaa sagantaa ashaaraa magariisaa gaggeessan
Jul 22, 2024 85
Adoolessa 15/2016(TOI)- Hooggantoonni Paartilee Siyaasaa Itiyoophiyaa qaama sagantaa ashaaraa magariisaa baranaatiin biqiltuu dhaaban. Paartileen siyaasaa Itiyoophiyaa ministera muummee doktar Abiyyi Ahimad waliin dhimmoota tarsiimoo biyyaarratti erga mari’atanii booda qaama sagantaa ashaaraa magariisaa mata duree “ biyya biqiltuu dhaabdu dhaloota ittifufsiisu” jedhuun jalqabamee kan ta’e biqiltuu dhaabaniiru. Boqonnaan siyaasaa haaraan paartileen yaadaan waldorgomanii fi dhimmoota biyyaarratti waliin hojjetan bariituu jijjiiramaa kaasee banameera. Kana ka’umsa godhachuun dhimmoota biyaa addaddaarratti waliin hojjechaa kan jiran yoo ta’u, fakkeenyaaf guyyaa har’aa magaalaa Sulultaatti biqiltuu dhaabaniiru. Aadaa siyaasaa badaa kan ta’e akka diinaatti wal ilaaluun waliin hojjechuun jibbamaa ta’uun hafee haalli paartiin biyya bulchuu fi paartileen dorgomtootaa akka diinaatti wal ilaalan hafee dhimmoota biyyaa fi ummata fayyadanirratti waliin hojjechuun jalqabamuunsaa imala demokiraasii guutuutti taasisaa jirru abdii qabeessa ta’uun hubatameera. Paartileen siyaasaa boqonnaa kana cimsuun dhimmoota waloorratti tumsaan hojjechuun, yaadaan waldorgomuun Itiyoophiyaa ijaaruuf ittigaafatamasaanii bahachuu akka ittifufan saganticharratti waamichi taasifameera. Kan dorgommii demokiraasiitiin mootummaa ta’uuf kan mo’atus ta’e paartileen dorgommicharratti morkatan misooma biyyaaf ittigaafatamasaanii bahuuf cimanii akka hojjetan dubbataniiru. Hooggantoonni paartilee siyaasaa biqiltuu dhaabuurratti hirmaatan sagantaan ashaaraa magariisaa qaama tokkoof kan dhiifamu osoo hinta’iin tumsa Itiyoophiyaanota hundaa akka gaafatu ibsaniiru. Fuulduras sagantaalee misooma biyyaarratti tumsaan akka hojjetan miranaa’uusaa odeeffannoon fuula marsariitii paartii badhaadhinaarraa argame nimul’isa.
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015