Ispoortii
Atileet Ermiyaas Girmaa fi Atileet Saamu’eel Tafarraa calallii meetira 1500n kallattiin gara xumura walakkaatti darban
Aug 2, 2024 132
Adoolessa 26/2016(TOI)- Atileet Ermiyaas Girmaa fi Atileet Saamu’eel Tafarraa calallii meetira 1500n kallattiin gara xumura walakkaatti darbaniiru. Taphoonni Olompiikii 33ffaa har’a guyyaa 8ffaarra jira. Waaree har’aa calalliin jalqabaa dhiirotaa meetira 1500nii taasifameera. Atileet Ermiyaas Girmaa dorgommii ramaddii 2 keessatti taasiseen daqiiqaa 3 fi sakondii 35 fi maayikiroo sakandii 21n tokkoffaa bahuun kallattiin xumura walakkaaf darbeera. Atileet Saamu’eel Tafarraa ramaddii 3 keessatti taasiseen daqiiqaa 3 fi sakondii 37 fi maayikiroo sakondii 34n jahaffaa bahuun kallattiin xumura walakkaaf darbeera. Atileet Abdiisaa Fayyisaa ramaddii 1 keessatti dorgomee sadarkaa 14ffaa bahuun xumureera. Haata’u malee Atileet Abdiisaan xumura walakkaatti darbuuf carraa irra deebi’ee dorgomuu argateera. Akkaataa hojmaata haaraa koreen Olompiikii idil addunyaa 33ffaa hojeessaa jiruutiin Atileetonni dorgommiisaanii xumuranii marsaa ittaanutti yoo hindarbiin hafan dorgommii marsaa xumura walakkaatti igaluu isaan dandeessisu (repechage round) tti makamu. Haala Kanaan dorgomtoonni dorgommii calallii xumuran gara “Reepecheej Raawundi”tti seenuun kan dorgoman yoo ta’u atileetonni qabxii fooyyee galmeessisan xumura walakkaatti darbu. Atileetonni Calallii ramaddii sadiin taasifameen ramaddiisaaniirraa 1 amma sadiitti bahan kallattiidhaan xumura walakkaaf nidarbu.
Olompikii Paarisitti fiigichi xumuraa dhiirotaa meetira kumaa 10 Itiyoophiyaan meedaaliyaa itti argatti jedhamee eegamu har’a galgala taasifama
Aug 2, 2024 125
Adoolessa 26/2016(TOI)-Olompikii Paariis 33ffaan dorgommiin dhiiraan har’a galgala meetira kuma 10niin adeemsifamu Itiyoophiyaanota biratti hawwiidhaan eegama. Atileetonni Itiyoophiyaa xumura fiigichaarratti hirmaatan taphoota Olompiikii 32ffaa irratti fageenya wal fakkaatuun biyyasaanii bakka bu’anii dorgomuunsaanii hirmaannaa baranaatiin walfakkeenya addaa uumeera. Olompiikiin Paariis har’a guyyaa 8ffaa qabateera. Fiigichi xumuraa dhiiraan har’a galgala sa’aatii 4 fi daqiiqaa 20tti Istaadiyeemii Staadee Fraan daawwattoota kuma 80 qabatutti taasifama. Salamoon Baaraggaa, Yoomiif Qajeelchaa fi Barrihuu Aragaawii Itiyoophiya bakka bu’uun dorgomu. Atileetonni sadan akka lakkoofsa Awurooppaatti bara 2020 Olompiikii 32ffaarratti meetira 10000 dhiiraan fiigicha xumuraaf dorgomanii ture, baranas fageenya walfakkaatuun hirmaachuunsaanii walfakkeesseera. Bakka kana daqiiqaa 26 sakondii 11 maayikiroo sakondii 00n abbaa riikoordii kan ta’e lammiin Yugaandaa Jooshuwaa Cheepteegaay, atileetota dorgommii kana nimo’atu jedhamanii eegaman keessatti argama. Atileetiin kun fiigicha meetira kuma 5000n abbaa riikoordii addunyaati. Atileetonni Itiyoophiyaa dorgommii xumuraan alatti dorgommii calalliirrattis nihirmaatu. Saamu’eel Tafarraa, Ermiyaas Girmaa fi Abdiisaa Fayyisaa guyyaa keessaa sa’aatii 6 fi daqiiqaa 5tti meetira 1500n nidorgomu. Ramaddii dorgommiisaanii keessaa sadarkaa 1 amma 6tti yoo bahan xumura walakkaa Dilbata Adoolessa 28 bara 2016 dorgomamurratti nihirmaatu. Gudaaf Tsaggaay, Madiinaa Isaa fi Ijjigaayyoo Taayyee Calallii meetira 5000 dubartootaa galgala sa’atii 1 fi daqiiqaa 10tti adeemsifamurratti nihirmaatu. Atileetonni kunneen sadarkaa 1 amma8tti yoo xumuran dorgommii xumuraa Adoolessa 29 bara 2016 adeemsifamuuf darbuusaanii nimirkaneeffatu. Dorgommii Calallii dubartootaa meetira 800 galgala sa’aatii 2 fi daqiiqaa 45tti taasifamurratti Tsiggee Dhugumaa, Haabtaam Alamuu fi Warqinash Mallasee Itiyoophiyaa bakka bu’uun nidorgomu. Dorgommii Kanaan sadarkaa 1 amma 3tti yoo bahan xumura walakkaa Dilbata Adoolessa 28 bara 2016 taasifamuuf nidarbu . Kallattiin yoo hindarbine “Reeppiicheej Raawundiin” filannoo dorgommii irra deebii keessa nigalu. በAtileet Misgaanaa Waaqumaa kaleessa dorgommii tarkaanfii dhiirotaa kiiloomeetira 20n 6ffaa bahee qabxii gaarii fi abdii namatti horu galmeessiseera.
Olompiikii Paarisitti kophee malee kan fiigu Ermiyaas Yirgaaf gaggeessaan taasifame
Jul 26, 2024 144
Adoolessa 19/2016(TOI)- Ministeerri aadaa fi Ispoortii fakkeenya Shaambal Abbabaa Biqilaa hordofuun Olompiikii Paarisitti kophee malee kan fiigu Ermiyaas Yirgaaf gaggeessaan taasiseera. Ministirri aadaa fi Ispoortii adde Shawiit Shaankaa ergaa gaggeessaarratti dabarsaniin akka ibsanitti, Olompiikii Roomirratti gootota Olompiikii Itiyoophiyaa beeksisan keessaa Abbabaa Biqilaa adda dureedha. Fakkeenyummaasaa hordofuun kophee malee fiiguun maqaa biyyaa wamsisuu fi akkaataa shaambal Abbabaa Biqilaa yaadatamuun fiiguuf ilama gara Paarisitti taasifamuuf akka milkaa’uu fi injifannoon akka deebi’u hawwaniiruuf. Ijnifannoo gooticha Abbabaa Biqilaa dirree addunyaatti kophee malee fiiguun olompiikii kan mo’ate lammiin Afriikaa akkasumas Itiyoophiyaa shaambal Abbabaa Biqilaa yaadachuun ga’ee dhaloota hundaa kan ibsan ammoo de’eetaa ministiraa damee Ispoortii ambaasaaddar Masfin Charinnati. Wal harkaa fuudhiinsa dhalootaatiin har’a kophee malee fiiguun akka danda’amuu fi seenaa gootummaa duraanii ittifufsiisuuf Paaris dhaquun kophee malee kan fiigu Ermiyaas Yirgaaf kabajatu mala jedhaniiru. Pirezidaantiin waldaa Ispoortii motoraa duraanii fi hojii gaggeessaan olaanaa fiigicha guddicha Itiyoophiyaa obbo Ermiyaas Yirgaa gamasaatiin, Olompiikii Room, Ateensi, Kooriyaa Kibbaa fi Ingiliz irratti kophee malee fiiguun Shaambal Abbabaa Biqilaa yaadachuu akka danda’e ibsuusaa odeeffannoon ministeericharraa argame nimul’isa.
Naannichatti bu’ura misoomaa Ispoortii ammayyaa babal’isuun guddina Ispoortiif xiyyeeffannoo addaatiin hojjetamaa jira-obbo Shimallis Abdiisaa
Jul 18, 2024 168
Adoolessa 11/2016(TOI)- Naannichatti bu’ura misoomaa Ispoortii ammayyaa babal’isuun guddina Ispoortiif xiyyeeffannoo addaatiin hojjetamaa akka jiru pirezidaantiin naannichaa obbo Shimallis Abdiisaa ibsan. Inistiitiyuutiin leenjii Ispoortii fi qorannoo Daraartuu Tulluu mootummaan naannichaa birrii biiliyoona 1 tuqaa 5 caaluun magaalaa Sulultaatti ijaarsise eebbifameera. Pirezidaantiin naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaa pirojekticha eebbisanii hojii wayita jalqabsiisan, bu’ura misoomaa Ispoortii ammayyaa babal’isuun guddina Ispoortiif xiyyeeffannoo addaan hojjetamaa akka jiru ibsaniiru. Inistiitiyuutiin fakkeenya milkaa’inaa kan taate maqaa gargaartuu komishinaraa Daraartuu Tulluun ijaaramee eebbifame agarsiiftuu kanaati jedhaniiru. Bara 2008 irraa kaasee waggoota saddetiif ijaarsarra turee rakkoolee addaddaatiin osoo hinxumuramiin turuusaa yaadachiisanii, yeroo ammaa tajaajilaaf qophii ta’uu Ispoortiif faayidaa akka qabu eeraniiru. Inistiitiyuutichi Ispoortii karaa saayinsaawaa gaggeessuun ispoortessitoota dorgomaa idil addunyaa fi mo’ataa horachuuf kan dandeessisudha jedhan. Yeroo tokkotti akaakuu Ispoortii 16n ispoortessitoota 800 simatee leenjisuuf akka dandeessisu ibsameera. Pirezidaantiin federeeshinii atileetiksii Itiyoophiyaa gargaartuu komishinaraa Daraartuu Tulluu, Inistiitiyuutiin leenjii ispoortii fi qorannoo kun atileetota ga’ooman horachuurra darbee dorgommiiwwan idil addunyaa Itiyoophiyaatti keessummeessuuf akka dandeessisu ibsiteetti. Gumaacha biyyaaf taasifteef beekamtii kennuun inistiitiyuutichi maqaasheetiin moggaafamuusaaf galateeffatteetti. “Inistiitiyuutichi kanin hojjedheen olitti seena kan qabu dhaloota dargaggootaaf faayidaa nikenna, lammiileen humna qabaniin biyyasaanii tajaajiluu qabu” jechuun ergaa dabarsiteetti.
Piriimiyerliigii Itiyoophiyaan har'a taphootni lama ni taphatamu
Jul 4, 2024 194
Waxabajjii 27/2016(TOI) -Sagantaan Piriimiyerliigii Itiyoophiyaa torbee 30ffaa har'as itti fufee kan jiru yoo ta'u, taphoonni lama ni taphatamu. Qiddus Giyoorgis guyyaa sa'aatii 9:00 irratti Istaadiyeemii Yuunivarsiitii Hawaasaatti Faasiil Kanaamaa waliin ni taphata. Qiddus Giyoorgis taphoota 5 walitti aansuun taphateen liigii Kanaan yeroo 1 qofa injifachuun yeroo 1 mo'amuun yeroo 3 qixa bahuun isaa ni yaadatama. Kilabichi taphoota 5 taphate keessatti goolii 4 kan galche yoo ta'u, qabxii 45n liigii kanaan sadarkaa 5ffaa irra jira. Faasiil Kaanaamaan taphoota liigichaa 5 darban irratti yeroo 2 injifachuun, yeroo 2 mo'amuu fi yeroo 1 qabxii waliif qooduun galchii 3 lakkoofsisuun , haala walfakkaataan galchiin 3 itti galeera. Wubatuu Abaateen kan leenji’u Faasil kaanaamaan qabxii 44n sadarkaa 6ffaa irratti argama. Tapha Liigicha marsaa jalqabaa kilaboota lamaan gidduutti taasifameen Qiddus Giyoorgis 1 fi 0 n injifachuun isaa kan yaadatamuudha. Sagantaa torbee 30ffaa biraatiin Bunni Sidaamaa Magaalaa Baahir Daar waliin galgala sa'aatii 12 irratti ni taphatu. Bunni Sidaamaa taphoota liigii 5 darbaniin yeroo 2 injifachuun, yeroo 3 mo'amuun, galchii 6 galchuun, galchiin 7 itti galuun, qabxii 37n sadarkaa 12ffaa irra jira. Morkataan isaa Magaalaan Baahir Daar taphoota liigichaa 5n darbaniin hin mo'amne, yeroo 2 injifatee, yeroo 3 qixa bahee, galchii 8 galchuun, galchiin 5 itti galuun qabxii 50n liigichaan sadarkaa 4ffaa irra jira. Tapha marsaa jalqabaa kilaboota lamaan gidduutti taasifameen Bunni sidaamaa 2 fi 0n injifachuun isaa ni yaadatama. Kana malees, kaleessa tapha guyyaa jalqabaa torbee 30ffaa irratti magaalaan Hawaasaa Walaayittaa Diichaa 2 fi 0 dhaan , Haadiyyaa Hosaanaan ammoo Buna Itiyoophiyaa 2 fi 1 injifatee jira.
Taphoonni waancaa Awurooppaa kan biyyoonni lama xumura nuusaatti makaman itti  beekman har’a nitaphatamu
Jul 2, 2024 236
Waxabajjii 25/2016(TOI)- Sagantaa mo’atanii darbuu waancaa Awurooppaa 17ffaatiin Roomaaniyaan Nezerlaandi, Ostiriyaan Tarkiyyee nuusa xumuraatti makamuuf har’a nitaphatu. Taphni waancaa Awurooppaa Jarman qophheessite har’a guyyaa 19ffaasaa yoo ta’u taphni mo’atanii darbuu Waxabajjii 22/2016 irraa kaasee taphatamaa ture har’a xumurama. Roomaaniyaan galgala sa’aatii 1tti Istaadiyeemii Aliiyaanz Areenaa daawwattoota kuma 75 fi 24 qabatutti Nezerlaandi waliin nitaphatu. Ramaddii shan keessa kan jirtu Roomaaniyaan qabxii 4’n ranaddicha dursa qabachuun mo’anii darbuutti makamteetti. Nezerlaandi ramaddii afur irraa sadaffaa ta’uun mo’atanii darbuutti makamteetti. Sadarkaa kubbaa miilaa biyyootaa Fiifaan baasuun Roomaaniyaan 47ffaa, Nezerlaand sadarkaa 7ffaarratti argamu. Tapha biyyoota lamaan jidduutti taasifamuun kan mo’ate xumura nuusaatiin mo’ataa tapha Ostiriyaa fi Tarkiyyee waliin nitaphata. Sagantaa Waancaa Awurooppaa mo’atanii darbuu xumuruutiin galgala sa’aatii 4tti Ostiriyaan Tarkiyyee waliin Istaadiyeemii Laayipziigtti nitaphatu. Ostiriyaan ramaddii 4 keessaa qabxii 6’n garicha dursuun mo’atanii darbuutti ceeteetti. Tarkiyyeen ramaddii 6 keessaa Poortugaaliin qabxii walfakkaataa qabachuun gooliin caalamtee 2ffaa ta’uun darbiteetti. Ostiriyaan tapha har’aa yoo mo’atte yeroo jalqabaaf xumura nuusaatti nimakamti. Sadarkaa kubbaa miilaa biyyootaa Fiifaatiin Ostiriyaan sadarkaa 25ffaa, Tarkiyyeen 42ffaa irratti argamu. Speen, Jarman, Ingiliz, Faransaayi, Poortchugaal fi Siwiizarlaand biyyoota xumura nuusaatti makamanidha.
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015