Diinagdee
Bajanni dabalataa birriin biliyoonni 550 Mana Maree Bakka Bu'oota uummataaf dhihaachuuf jedhame
Aug 5, 2024 56
Adoolessa 29/2016(TOI) - Bajanni dabalataa bara bajataa 2017 birriin biliyoonni 550 Mana Maree Bakka Bu'oota uummataaf dhihaatee akka raggaasifamu qophiin taasifamuu Ministeerri Maallaqaa beeksise. Bajanni mootummaa federaalaa kan bara 2017 birrii biliyoona 971.2 ta'uun mana maree bakka bu'oota uummataan ragga'uun isaa ni yaadatama. Bajanni kun kan bara darbeen yoo madaalamu dhibbeentaa 21.1 caalmaa kan qabudha. Kana keessaa bajata idilee birrii biliyoona 451.3, bajata kaappitaalaa immoo birrii biliyoona 283.2'tu qabame. Ministir deetaan ministira maallaqaa Doktar Iyyoob Takkaaliny imaammata dinagdee gooroo ilaalchisuun ibsa kennanniin, fooyya'inis imammaata kun dinagdee amansiisaa fi waaraa ijaaruuf bu'uura kan kaa'udha jedhaniiru. Fooyya'insa imaammataa taasifamuu kana hordofee maddeen faayinaansii adda addaa deeggarsa taasisaa jiru jedhaniiru. Kana hordofuun ministeerri maallaqaa bajata mootummaa federaalaa bara 2017 ifa ta'eerratti bajata dabalataa akka taasisu himaniiru. Manni Maree Bakka Bu'oota uummata akka raggaasisuuf kan qophaa'ee bajata dabalataa birrii biliyoona 550 ol yoo ta'u, kana keessaa birriin biliyoonni 240 misooma hawaasummaaf kan oolu ta'uu eeraniiru. Mootummaan imaammata dinagdee gooroo fooyya'e kana karaa guutuu ta'e hojiirra yeroo oolchu lammilee galii gad aanaa qaban jiddugaleessa taasifatee ta'u ibsaniiru. Kanaanis lammilee galii dhaabbata qabanii fi feetineetii misoomaan deeggaramaniif deeggarsa gahaa taasisuuf bajanni dabaltaa kun murteessaa ta'uu eeraniiru. Dabalataan bajanni kun deeggarsa Zayitaa nyaata, bo'aa fi qorichaaf akka oolu taasisuun yaaddoo yeroo imaammannii kun hojiirra oolu mudachuu danda'u dursanii ittisuuf kan dandeesisudha jedhaniiru. Gama biroon baasii biyyaalessa galii ofiin guutuuf tattaaffii taasifamu cimee kan itti fufu fi hojiirra oolmaan imaammatichaa humna galii guddisuu keessattis gahee murteessa akka qabu eeraniiru. Galii dinagdeen maddisiisu karaa haqa qabeessa walitti qabuun hojiilee misoomaa adda addaaf akka olfamu ibsaniiru.
Godina Shawaa Lixaatti pirojeektoonni bu'uuralee misoomaa adda addaa eebbifamuun tajaajila kennuu jalqaban
Aug 5, 2024 42
Adoolessa 29/2016(TOI) - Godina Shawaa Lixaa aanaa Caliyaatti pirojeektoonni bu'uuralee misoomaa 36 ta'an kan birrii miliyoona 100 oliin ijaaraman eebbifamuun tajaajila kennuu jalqaban. Pirojeektoonni kunneen har'a yeroo eebbifaman miseensonni hoggansaa mootummaa Oromiyaa, bulchaan godinichaa fi ittifatamtoonnii wajjiiralee mootummaa aanichaa, abbootiin gadaa, abootiin amantaa, jaarsoliin biyyaa fi jiraatonni argamaniiru. Pirojeektoota misoomaa eebbifaman keessa, gamoo wajjira bulchiinsa aanaa Caliyaa, daandii, bishaan dhugaatii qulqulluu, riqichoota adda addaa fi kanneen birooti jedhameera. Bulchaan godina Shawaa Lixaa obbo Didhaa Guutaa pirojeetota hojiin isaanii xumuraman har'a eebbifaman dabalate waliigalaan godinichatti bara bajataa darbe birrii biliyoona 3.5 oliin pirojeektoonni adda addaa lakkoofsaan 762 ta'an hojjetamanii tajaajila kennuu jalqabaniiru. Pirojeektoonni kunneen gaaffii uummaannii godinichaa waggoota hedduuf gaafachaa ture kan deebisan ta'uus himaniiru. Erga jijjirama as pirojeektoonni yeroo kaa'ameef keessaatti akka hojjetamanii xumuraman hojii hojjetameen bu'aan jajjabeessan argamaa jirachuus eeraniiru. Eebba pirojeektoota bu'uuralee misoomaa har'a aanaan Caliyaatti eebbifaman irratti kan argaman hogganaa biiroo Busaa fi Gonofaa obbo Mogos Ida'ee jiratoonni aanichaa pirojeektoonni kun qabeenya isaanii ta'uu sirriitti hubachuun kununsa barbaachisu akka taasisaniif hubachiisaniiru. Jiraatonnii aanaa Caliyaa gama isaaniin pirojeektoonnii hojiin isaanii xumuramee tajaajila kennuu jalqaban kunneen faayidaa hedduu kan qaban waan ta'aniif yeroo dheeraaf tajaajila irraa barbaadamu akka kennaniif akka eegumsa barbaachisu taasisaniif himaniiru.
Dirree Dawaatti Bara Bajataa Xumurame Hojiileen Misoomaa Hirmaannaa fi Fayyadamummaa Ummataa Mirkaneessan Hojjetamaniiru-Kantiibaa Kadir Juhaar
Aug 5, 2024 15
Adoolessa 29/2016(TOI)- Dirree Dawaatti Bara Bajataa Xumurame Hojiileen Misoomaa Hawaasummaa fi Dinagdee Hirmaannaa fi Fayyadamummaa Ummataa Mirkaneessan Hojjetamuusaanii Kantiiaan Bulchiinsa Dirree Dawaa Kadir Juhaar Beeksisan. Manni Maree Bulchiinsa Dirree Dawaa Yaa’ii Idilee 8ffaa Bara Hojii 3ffaa Marsaa 3ffaa Taa’aa Jira. Kantiibaan Bulchiinsichaa Kadir Juhaar Gabaasa Raawwii Karoora Raawwachiisaa fi Tajaajila Mana Qopheessaa Bara Xumuramee Dhiheessaniiru. Bara Bajataa Xumurame Bu’aaleen Hawaasummaa fi Dinagdee Hirmaannaa fi Fayyadamummaa Ummata Magaalaa fi Baadiyyaa Mirkaneessan Hojjetamuusaanii gabaasa dhiheessaniin ibsaniiru. Qaamolee Haqaa fi Nageenyaa Qindeessuun Hojiileen Nageenyaa fi Tasgabbii Hojjetamuusaanii Eeraniiru. Gama Fayyaa, Barmootaa, Carraa Hojii Uumuu, Wabii Nyaataa Mirkaneessuu, Ijaarsa Daandii fi Dameelee Birootiin Hojiileen Gaaffii Misoomaa fi Bulchiinsa Gaarii Ummataa Bara Dheeraa Deebisan Hojjetamuusaanii Eeraniiru. Rakkoo Hojii Dhabdummaa magaalaa fi Baadiyyaatti Salphisuuf Hojiileen Qindoominaan Hojjetaman Abdachiisaadha Jedhaniiru. Ogeeyyota Yuunivarsiitiirraa Eebbifaman Dabalatee Magaalaa fi Baadiyyaatti Namoota Kuma 19 fi 660 oliif Carraa Hojii Dhaabbataa Uumuuf Karoorfamee Namoota Kuma 18 fi 80f Carraa hojii Uumuun Harka 91 Tuqaa 9 Milkeessuun Akka Danda’ame Dubbataniiru. Kana Malees Dargaggoonnii fi Dubartoonni Kuma 3 fi 800 Ta’an Pirojektoota Misoomaa Addaddaarratti Carraa Hojii Argachuusanii Ibsaniiru.
Magaalaa Finfinnee Miidhagduu fi Jiraattotaaf Mijattuu Taasisuun Dhaabbilee Mootummaa fi Dhuunfaa  Keessattis Babal’achaa Jira-Kantiibaa Adaanech Abeebee
Aug 5, 2024 52
Adoolessa 28/2016(TOI)- Finfinnee Akkuma Maqaashee Miidhagduu fi Jireenyaaf Mijattuu Taasisuuf hojiileen misooma Kooriidarii Akka Bulchiinsa Magaalaatti Jalqabaman Malees Hojiin Kun Dhaabbilee Mootummaa fi Dhuunfaa Keessattis Babal’achaa Akka Jiru Kantiibaa Adaanech Abeebee Ibsan. Kantiibaa Adaanech Abeebee Faawunteenii Kutaa Magaalaa Aqaaqii Qaallittiitti tajaajila bashannanaa Ummataaf ijaarame Eebbisanii Jalqabsiisaniiru. Magaalaa Keenya Finfinnee Akkuma Maqaashee Miidhagduu akkasumas Jireenyaaf Mijattuu Taasisuuf Hojii Misooma Kooriidarii Akka Bulchiinsa Magaalaatti Jalqabneen Alatti Hojiin Kun Dhaabbilee Dhuunfaa fi Mootummaa Biroo Keessattis Babal’achaa Jira Jedhan Fuula Marsariitiisaaniitiin. Korporeeshiniin Hojiiwwan Konistiraakshinii Itiyoophiyaa Faawunteenii Kutaa Magaalaa Aqaaqii Qaallittiitti tajaajila Bashannana Ummataaf Ijaare Kunoo eebbifnee Tajaajila Jalqabsiifneerra Jedhaniiru. Faawuntenoonni Konistiraakshiniin Biraazersi Piyaassaa ‘Dooroo Maanaqiyaa” fi Konistiraakshiniin Aseer Riqicha Boolee Ruwaandaa Jalatti Baasiisaaniitiin Ijaarsisan Tajaajila Ummataaf Banaa Taasisuusaanii Yaadachiisaniiru. Korporeeshiniin Hojiiwwan Konistiraakshinii Itiyoophiyaa, Konistiraakshiniin Biraazersii fi Konistiraakshiniin Aseer Guddaa galateeffachaa Dhaabbileen Dhuunfaa fi Mootummaa Biroon Muuxannoo Kanarraa Ka’uun Naannawasaanii Jiraattotaaf Cimsanii Akka Ittifufan Waamichan dhiheessa Jedhaniiru.
Ganna kana Godina Wallagga Lixaatti biqiltuun Bunaa Dafanii oomisha kennan dhaabamaniiru
Aug 3, 2024 65
Adoolessa 27/2016 (TOI)- Ganna kana Godina Wallagga Lixaatti biqiltuun Bunaa Dafanii oomisha kennanii fi dhukkuba damdamatanbal’inaan dhaabamuusaanii waajjirri qonnaa godinichaa beeksise. Waajjirichatti dursaan garee Bunaa fi misooma Shaayii obbo Efreem Masfin, Bunni dhaabame jiddugaleessa qorannoo qonnaa Jimmaarraa kan argamee fi yeroo gabaabaatti oomisha kan kennan idha jedhaniiru. Godnichatti Walakkeessa Caamsaarraa amma xumura Adoolessaatti bunni kan dhaabamu yoo ta’u ganna kanas ummata bal’inaan hirmaachisuun bunni akka dhaabame dubbataniiru. Walumaa gala bunni lafa heektaara kuma 65 irra kan dhaabame yoo ta’u qonnaan bultoonni kuma 200 akka hirmaatan ibsaniiru. Biqiltuun bunaa buufata biqiltuu dhuunfaa fi mootummaa kuma 3 fi426 irratti akka qophaa’an dubbataniiru. Biqiltuun Bunaa barana dhaabaman uwwisa bunaa godinichaa gara lafa heektaara kuma 620tti kan guddisu ta’uu eraniiru. Qoonnaan bulaan aanaa Laaloo Assaabii Haabtee Gaarumaa, barana biqiltuu buna sanyii filatamaa kuma 2 caalu dhaabuusaanii dubbataniiru. Biqiltuun bunaa dhaaban qorannoon kan mirkanaa’anii fi yeroo gbaabaatti firii kan kennan akkasumas dhukkuba kan damdamatan akka ta’e ogeeyyota qonnaarraa hubannoo argachuusaanii ibsaniiru. Qonnaan bulaa aanaa Gimbii Taakkalaa Fiqruu gamasaaniin gorsa ogeessotaa fudhachuun lafa heektaara kurmaanarra buna dhaabuusaanii dubbataniiru. Waggaa waggaatti biqiltuu Bunaa haaraa dhaabuurratti muuxannoo akka qaban qonnaan bulaan kun dubbataniiru.
Itiyoophiyaa fi Jaappaan ijaarsa dirree Staartaappotaarratti waliin hojjechuuf waliigalan
Aug 3, 2024 50
Adoolessa 27/2016(TOI)- Ministeerri Innoveeshinii fi Teeknooloojii fi ejensiin tumsa idil addunyaa Jaappaan ijaarsa dirree Staartaappotaarratti waliin hojjechuuf waliigaltee mallatteessaniiru. Pirojektiin waliigaltee kun waggoota sadan dhufan kanhojeeffamu yoo ta’u, tarsiimoo sirna misooma Staartaappii idil addunyaa Waliin walitti hidhuu qopheessuu, Staartaappota horachuu fi biizinasiisaanii biyyoota idil addunyaatti bal’isuun Invastaroota waliin hojjechuu akka danda’an kan akeekamedha. De’eetaan ministira Innoveeshinii fi Teeknooloojii doktar Baayyisaa Badhaadhaa Staartaapponni oomishaalee haaraa oomishuu fi qabeenyaa uumuun guddina dinagdeerratti gumaacha kan taasisan akka ta’e ibsaniiru. Waliigalteen irra gahame qormaata Staartaapponta mudaturratti deeggarsa taasisuu fi dirreen hojichaa akka mijatu qooda guddaa akka qabaatu kaasaniiru. Bakka bu’aan ejensii tumsa idil addunyaa Jaappaan Saatoomee Juun gamasaaniin pirojektichi akka hojeeffamu mootummaan Jaappaan xiyyeeffatee hojjechaa akka jiru dubbataniiru. Haala Kanaan Keeniyaa, Taanzaaniyaa fi Itiyoophiyaatti raawwachuuf humna namaa fi bajata ramaduun dhiheenya hojii akka jalqabu ibsaniiru. Mootummaan Jaappaan guddinaa fi babal’ina Staartaappota Itiyoophiyaaf karaa ‘JICA’ deeggars addaddaa taasisaa akka jiran eeranii, waliigalteen taasifames deeggarsichi caalaatti humna akka dabalu eeruusaanii odeeffannoon ministeera Innoveeshinii fi Teeknooloojiirraa argame nimul’isa.
Dhimmoota miidhaa guddaa biyyarraan gahanirratti hojjechuun bu’aan argameera
Aug 2, 2024 229
Adoolessa 26/2016(TOI)-Bara bajataa xumurame dhimmoota miidhaa guddaa biyyarraan gahanirratti hojjechuun bu’aan argamuusaa tajaajilli nageenya Faayinaansii beeksise. Tajaajilichi gabaasa raawwii hojii bara batajaa 2016 ilaalchisuun ibsa TOIf ergeen bara bajatichaa yakkoota dinagdee fi nageenya biyyaarratti miidhaa olaanaa geessisuu danda’an adda baasuun hojiilee quubsaa hojjeteera. Haala Kanaan bara bajatichaa odeeffannoowwan bittaa fi gurgurtaa shakkisiisan kuma 4 ta’an dhaabbilee gabaasa dhiheessanirraa akka isa qaqqabe ibsee eeruuwwan yakkaan walqabatan 200 ta’an eertota addaddaarraa fudhachuusaa dabalee ibseera. Akkasumas dhimmoota yakkaan walqabatan yakkoota addaddaa waliin hariiroo qaban 310 dursi kennamuuf irratti bal’inaan ilaaluun ittigaafatamummaan seeraa akka mirkanaa’u qaamolee dhimmi ilaaluuf dabarsuusaa ibseera. Dhimmoota yakkaan wal qabatan kanneen akka maallaqa seeraan ala dabarsuu, yakka waliin dhahuu, taaksii, daldala kontirobaandii, malaammaltummaa, seeraan ala namoota dabarsuu, dirqisiisuu fi sodaachisuu, qabeenya dabarsuu, shororkeessummaa maallaqaan deeggaruu bal’inaan kan ilaalaman ta’uu himameera. Namoonni dhuunfaa fi qaamoleen biroon sadarkaa addaddaatti gocha yakkaa Kanaan walitti dhufeenya qabu jedhamanii shakkaman kuma 2 fi 273adda baafamanii seeraan gaafachuuf dhimmichi seeraan qabamee adeemsarratti argama jedhameera. Maallaqa gocha yakkaan argame seera qabeessa fakkeessuun dhiheessuu fi yakkoota shororkeessuumaa maallaqqan deeggaruu qolachuu fi to’achuun wal qabatee dhaabbileen faayinaansii qolachuuf ittigaafatama qabanii fi qaamoleen hojii daldalaa fi ogummaa faayinaansiin walitti hidhaamiinsa hinqabnerratti hojjetan dirqama seeraan kennameef akka bahan hojiin to’annoo fi hordoffii jalqabame cimee ittifufa jedheera. Koree biyyaalessaa yakka ittisuu fi to’achuuf hojjechaa jiruu fi qooda fudhattoota biroo waliin ta’uun sirni faayinaansii yakkaaf kan hinmijanne akka ta’u tarkaanfiiwwan jalqabe cimsee akka ittifufu ibsee hawaasni eeruu taasisuun qoodasaa akka bahu waamicha taasiseera.
Fooyyessi Dinagdee Gooroo Itiyoophiyaan Qaxanaa Daldala walabaa Afriikaa dabalatee gabaa Idil Addunyaatti akka fayyadamtu taasisa-Ministira muummee doktar Abiyyi Ahimad
Aug 2, 2024 65
Adoolessa 26/2016(TOI)- Fooyyessi Dinagdee Gooroo dinagdee Itiyoophiyaa banaa taasisuun Qaxanaa Daldala walabaa Afriikaa dabalatee akka Idil Addunyaatti akka fayyadamaa akka taanu nugargaara jedhan Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad. Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad fooyyessa Dinagdee Gooroo ilaalchisuun ibsa kaleessa kennaniin, fooyyessi kun irra keessa osoo hintaane gadifageenyaan ilaalamuu akka qabu dubbataniiru. Fooyyessi kun jijjiirama biyyaalessaa hordofuun qajeelfamoota yaadrimee misoomaa falaasama ida’amuuirratti hundaa’uun akka ta’e ibsaniiru. Murteewwan bariituu jijjiiramaa mootummaan murteesse keessaa inni tokko dinagdee Itiyoophiyaa hirmaannaa damee dhuunfaaf banaa taasisuu akka ture yaadachiisaniiru. Adeemsa sana boodaatiin keessumaa akkaataa fooyyessa dinagdee mandhalee jalqabaatiin amma tokkos ta’u dinagdee sektara dhuunfaaf walaba taasusuun akka ture kaasanii, haala Kanaan fooyyessi Dinagdee Gooroo haaraa akka hintaane dubbataniiru. Fooyyessi dinagdee mandhalee jalqabaa qormaata damdamachuun bu’aalee hedduu galmeessisuusaa eeraniiru. Biyyoota Afriikaa dinagdee guddaa gdhugoomsan keessaa dinagdee Itiyoophiyaa qofatu cufaa akka ture ministirri muummee ibsanii, haala qabatamaa amma jiruun akkaataa Kanaan dinagdee bu’a qabeessa taasisuun hindanda’amu jedhaniiru. Itiyoophiyaan Dinagdeeshee cuftee qaxanaa daldala Afriikaa dabalatee gabaa idil addunyaatiin fayyadamuu akka hindandeenye ibsaniiru. Itiyoophiyaan qaxanaa daldala walabaa Afriikaa sadarkaa ardiitti hojeeffamaa jirutti fayyadamuuf dinagdeenshee cufaa ture banamuu akka qabu ibsanii, fooyyessi kun kana akka dhugoomsu dubbataniiru. Fooyyessi kun milkaa’inoota Kanaan dura argaman ittifufsiisuun fi carraalee haaraa uumuun caarraaqqiiwwan badhaadhina Itiyoophiyaa mirkaneessuuf jalqabaman milkeessuuf akka gargaaru ibsaniiru.
Fooyyessi Dinagdee Gooroo Baankota Itiyoophiyaa kan baraaredha-Ministira muummee doktar Abiyyi Ahimad
Aug 2, 2024 46
Adoolessa 26/2016(TOI)- Fooyyessi Dinagdee Gooroo Baankota Itiyoophiyaa kan baraare ta’uu Ministira muummee doktar Abiyyi Ahimad dubbatan. Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad fooyyessa dinagdee Gooroo ilaalchisuun kaleessa ibsa kennaniin Itiyoophiyaan dinagdeeshee cuftee turuunshee qormaata bara baraa keessatti akka kuftu taasisuusaa dubbataniiru. Fakkeenyaaf daldalli alaa sharafa biyya alaa amma barbaadamu galchuu dadhabee turuusaa eeranii, oomishoonni Itiyoophiyaas karaa Kontirobaandii akka bahan gochuusaa kaasaniiru. Itiyoophiyaan amma humnashee invastimantii kallattii biyya alaarraa fayyadamuu akka hindandeenyes dubbataniiru. Gama biraatiin sirni gabaa seeraan alaa akka babal’atu gochuun qaala’insi gatii lammiileerratti dhiibbaa akka geessisu gochuusaa ministirri muummee ibsaniiru. Haala Kanaan fooyyessi kun cabiinsota dinagdeerratti fe’aman kaasuudhaan kaka’umsa gaarii akka uumu eeraniiru. Keessumaa ittifufiinsa sektara faayinaansii mirkaneessuuf qooda olaanaa akka qabaatu ibsaniiru. Fakkeenyaaf maallaqa Baankiin daldalaa bittaa Boondiirraa walitti qabe pirojektoota misoomaa liqiisaanii deebisuu dadhabaniif qaqqabsiisaa akka ture kaasaniiru. Kun ammoo baankicha idaa keessa akka galchuu fi idaasaa deebisuu yoo hindandeenye jiguunsaa waan hinoolle ta’uu eeraniiru. Baankiin daldalaa Itiyoophiyaa jiguunsaa amantaa Baankiiwwan Itiyoophiyaarratti qaban akka dhabsiisu eeraniiru. Kun ammoo ittifufiinsa Baankiiwwan biyya keessaa rakkoorra akka buusu ibsaniiru. Mootummaan marii ‘IMF’ fi baankii addunyaa waliin taasiseen dhimmoota kaase keessaa tokko Baankii daldalaa Itiyoophiyaa akka ilaallatu eeraniiru. Marii Kanaan Baankichi walumaa gala dhaabbilee kanneenirraa maallaqa dabalataa doolaara miiliyoona 700 argachuusaa ibsaniiru. Kun ammoo Baankicha jiguurraa kan baraare ta’uun gamatti hirmaannaa misooma Itiyoophiyaarratti qabu akka ittifufsiisu dubbataniiru.
Yaa’iin dursaa faayinaansiin misoomaaf idil addunyaa 4ffaan Itiyoophiyaan yaa’iiwwan idil addunyaa 4ga’umsaan qopheessuuf akka dandeessu kan agarsiisedha
Aug 2, 2024 61
Adoolessa 26/2016(TOI)- Yaa’iin dursaa faayinaansiin misoomaaf idil addunyaa 4ffaan Finfinneetti taa’ame Itiyoophiyaan yaa’iiwwan idil addunyaa 4ga’umsaan qopheessuuf akka dandeessu kan agarsiise ta’uu ministeerri dhimma alaa ibse. Dubbihimaan ministeera dhimma alaa ambaasaaddar Nabiyyuu Tadlaa dippilomaasii Itiyoophiyaa fi hariiroo alaa wayitaawaarratti ibsa torbee kennaniiru. Yaa’iin dursaa faayinaansiin misoomaai idil addunyaa dhiheessii faayinaansii galmoota misoomaa egeree milkeessuuf oolu barbaachisu kan mari’atamedha jedhan. Ministiroota dabalatee hirmaattonni kuma tokkoo ol konfaransicharratti kan hirmaatan yoo ta’u, yaa’iin kun Finfinneetti taa’amuunsaa Itiyoophiyaan yaa’iiwwan idil addunyaa addaddaa keessummeessuu akka dandeessu kan agarsiisedha jedhan. Konfaransicha cinaattis mariiwwan 12 taasifamuu eeranii, waltajjichi haala qabatamaa nageenya, tasgabbii fi misoomaa Itiyoophiyaa kan itti hubachiifnedha jedhaniiru. Konfaransii Kanaan gama dippilomaasii, Tuuriizimii fi biyya beeksisuun bu’aan itti argameera jedhan. Kana malees ambaasaaddaroonni haaraan hojiitti bobba’an 24 faayidaa biyyaalessaa eegsisuuf pirezidaant Saahilawarq Zawudee fuulduratti waadaa galuusaanii himaniiru. Ambaasaaddaroonni haaraa muudaman muuxannoo horatanitti fayyadamanii ciminaan akka hojjetan ittigafatamni akka kennamef himaniiru. Kana malees gareen jilaa ministira dhimma alaa Turkiin durfamu boru Finfinnee nidhufa jedhaniiru.
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015