Hawaasummaa
Ministirri Nageenyaa Lammiilee Godina Goofaatti Lafti Sigigaatee Miidhaman Akaakuu Fi Maallaqaan Deeggare
Aug 5, 2024 84
Adoolessa 29/2016(TOI)- Ministirri Nageenyaa Lammiilee Godina Goofaa Aanaa Gazee Goofaa Ganda Keenchoo Shaachaa Goozdiitti Lafti Sigigaatee Miidhaman Akaakuu Fi Maallaqaan Birrii Miiliyoona 6 Tuqaa 4 Deeggare. Deeggarsichi Wayita Kennamu Ministirri Nageenyaa Binnaalf Andu’alam Ummanni Biyyattii Balaa Umamaa Aanaa Gazee Goofaatti mudatetti gadduusaa Ibsaniiru. Kana Booda gaddaa keessaa Bhuun Lammiilee Balaa Kanaan Miidhaman Egereef Dhaabuuf Hojjetamuu Akka Qabu Hubachiisaniiru. Ministeerichi Gaddasaa Ibsuun Alatti Miidhamtoota Dhaabuuf Hojii Hojjetamu deeggaruuf Nyaata, Midhaan Dheedhii fi Uffannaa Birrii Miiliyoona 4 Tuqaa 2tti Tilmaamamu Deeggaruunsaa Ibsameera. Kana Malees Maallaqa Callaa Birrii Miiliyoona 2 Tuqaa 2 Caalu Kan Deeggare Yoo Ta’u, Fuulaa Duras Birrii Miiliyoona 30 Deeggaruuf Waadaa Galeera. Bulchaan Bulchiinsa Naannoo Kibba Itiyoophiyaa Obbo Tilahuun Kabbadaa gamasaaniin Ministeerichi Balaa Mudate Kana Hordofaa fi Jajjabeessaa Akka Ture Yaadachiisaniiru. Qaamaan Argamuun Deeggarsa Taasisuun Tumsa Ummataaf Qaban Ibsuusaniif Bulchaan Kun Galateeffataniiru. Rakkoo Kana Egereef Furuuf Komishinii Hooggansa yaaddoo Balaa fi Mootummaa Federaalaa Waliin Qindoominaan Hojjechaa Akka Jiru Ibsaniiru. Deeggarsa Yeroo Hatattamaan Alatti Miidhamtoota Dhaabuuf Yaalii Taasifamu Qabeenya Waan Barbaaduuf Ummattoonni Biyyattii Deeggarsa Maallaqaa, Qorqoorroo Fi Mismaaraa Akka Taasisu Waamicha Taasisuusaanii Odeeffannoon Komunikeeshinii Naannichaarraa Argame Nimul’isa.
Dhaabbileen addaddaa lammiilee aanaa Gazee Goofaatti lafti sigigaatee miidhaan irra gahee deeggarsa taasise
Aug 2, 2024 75
Adoolessa 26/2016 (TOI)-Ministeerri dubartootaa fi dhimma hawaasummaa, tajaajilli Elektiriikii Itiyoophiyaa fi Liigiin dubartootaa Paartii badhaadhinaa lammiilee Godina Goofaa Aanaa Gazee Goofaatti lafti sigigaatee miidhaaniif birrii miiliyoona 9 tuqaa 6tti tilmaamamu deeggaran. Ministirri dubartootaa fi dhimma hawaasummaa doktar Ergoogee Tasfaayee deeggarsa kana wayita kennan akka jedhanitti, balaan kun erga mudatee kaasee ministeerichi gaddasaa ibsaa tureera. Har’ammoo liigii dubartootaa Paartii Badhaadhinaa waliin ta’uun maallaqa calla birrii miiliyoona 2 fi deeggarsa nyaataa fi meeshaa birrii miiliyoona 2 tuqaa 6tti tilmaamamu taasisuu ibsaniiru. Fuulduras miidhamtoonni amma egereef ofdanda’anitti akka deeggaran dubbataniiru. Kana malees tajaajilli Elektiriikii Itiyoophiyaa birrii miiliyoona 5 deeggaruusaa hojii raawwachiisaan olaanaa obbo Shifarraawu Taliilaa ibsaniiru. Tajaajilichi hojii miidhamtoota ofdandeessisuuf taasifamuuf akka deeggaru mirkaneessaniiru. Ittaantuun Pirezidaantii Liigii Dubartootaa Paartii Badhaadhinaa adde Maskaram Abbabaa gamasaaniin miseensonni liigichaa deeggarsa kana akka itti fufan ibsaniiru. Deeggarsicha kan fudhatan Sadarkaa ittaanaa bulchaa bulchiinsaatti qindeessaan kilaastara qonnaa fi misooma baadiyyaa fi hoogganaan biiroo Bishaanii, Albuudaa fi Inarjii Akliiluu Addaany deeggarsa taasifameef galateeffataniiru.
Tajaajilli tola ooltummaa daangaa ce'aan walitti dhufeenyaa, tokkummaa fi nageenya uummataa kan cimsudha
Jul 31, 2024 77
Adoolessa 24/2016(TOI) - Tajaajilli tola ooltummaa daangaa ce'aan walitti dhufeenyaa, tokkummaa fi nageenya uummataa kan cimsu ta'uu dargaggoonni tajaajila tola ooltummaa daangaa ce'uurratti hirmaachaa jiran himan. Tajaajilli tola ooltummaa lammileen qaamni kamiyyuu osoo hin dirqisiisiin fedhiidhaan namummaan kaka'uun kan hawaasa ittiin tajaajilanidha. Biyya keenyaattis yeroo gara yerootti cimaa kan jiru tajaajila tola ooltummaa kana irratti dargaggoon hirmaachaa kan jiranii fi aadaas ta'aa jira. Tajaajila tola ooltummaa keessaa tokko kan ta'ee hojiin namoomaa daangaa ce'aan tajaajila kennu cinaatti waloomaa fi nageenyaa uumuun wal jijjiraa aadaa fi duudhaa adda addaaf bu'uura ta'aa jira. Dargaggoonni tajaajila tola ooltummaa daangaa cea'aarratti hirmaatan TOI'tti akka himanitti; magaaloota biyyatti deemaaniitti haala hawaasni itti keesuummaa simatuu fi hirmaannaa dargaggoonni qaban dinqisiisaadha jedhaniiru. Dargaggoonni tajaajila tola ooltummaa daangaa ce'aarratti hirmaachaa jiran tajaajilli tola ooltummaa hojii namoomaa ofii fi biyyaaf hojjetamu ta'uu eeranii; tajaajilli tola ooltummaa daangaa ce'aan immoo daraggoonni biroon hojii kanarratti akka hirmaatan kaka'umsa kan uumudha jedhaniiru. Dargaggoonni kunneen magaaloota naannolee itti imaalanitti tajaajila tola ooltummaa dhiiga arjoomuu, dhaabbii biqiltuu, manneen manguddoota humna hin qabnee haaromsuu fi kanneen biroo hojjechuu himeera. Tajaajilli tola ooltummaa kan boqonnaa fi gammachuu namaaf kan kennu ta'uu eeraniiru. Ministir deetaan ministira dhimma dubartootaa fi hawaasummaa aadde Munaa Ahimad gama isaaniin tajaajilli tola ooltummaa daangaa ce'aan naannawwaa biyyatti adda addaatti dargaggoonni akka kaka'umsaan hojii kanarratti hirmaatan taasisuun cinaatti; walitti dhufeenyaa waloomaaa fi nageenya uummataa cimsaa jira jedhaniiru. Ganna bara kanaa dargaggoonni miliyoonni 21 tajaajila tola ooltummaa gosa adda addaa 14 irratti bobba'anii hojjecha jiru jedhaniiru.
Dirreedawaatti lammiilee lafa gabaa Ashawaatti miidhaan irra gahe dhaabuuf carraaqqiin taasifamu ittifufeera-Kantiibaa Kadir Juhaar
Jul 31, 2024 69
Adoolessa 24/2016 (TOI)- Dirreedawaatti lammiilee lafa gabaa Ashawaatti miidhaan irra gahe dhaabuuf carraaqqiin taasifamu cimee ittifufuusaa Kantiibaa Kadir Juhaar dubbatan. Ayyaanni torbee naafqoot dirreedawaa guyyaa arfaffaasaatiin mata duree “Dirreen guddummaa Itiyoophiyaaf” jedhuun waltajjiin siimpooziyeemii taa’amaa jira. Dhaabbilee Dirreedawaatti argaman fi namoonni biyya alaa jiraatan namoota balaa lafa gabaa kanatti qaqqabeen miidhaman deebisanii dhaabuu fi hojiiwwan waldaa misooma Dirreedawaa milkeessuuf birrii miiliyoona 3 tuqaa 1 gumaachaniiru. Kanneen keessaa abbaan warshaa Kiromtoo obbo Yoonaas Girmaayi namoota balaa lafa gabaa Ashawaa jedhamutti qaqqabeen miidhaman deebisanii dhaabuuf birrii miiliyoona walakkaa kan kennan yoo ta’u,waldaa misooma Dirreedawaafis birrii miiliyoona walakkaa kennaniiru. Akkasumas Namni Abdusalaam Dawud jedhaman namoota balaa Kanaan miidhaman deebisanii dhaabuu fi waldaa misooma Dirreedawaaf birrii miiliyoona tokko deeggaraniiru. Jiddaarraa kan dhufan obbo Anwaar Abdallaa gamasaaniin miidhamtoota deebisanii dhaabuuf kan oolu birrii miiliyoona walakkaa deeggaraniiru. Baankiin Daashan milkaa’ina waldaa misooma Dirreedawaaf birrii kuma 600 deeggareera. Kantiibaan bulchiinsa Dirreedawaa Kadir Juhaar deeggarsicha erga fudhatanii booda galateeffatanii deeggarsi miidhamtoota dhaabuuf taasifamu ittifufeera jedhan. Qaamoleen biroof deeggarsa taasifamaa jiru fakkeenya godhachuun deeggarsa taasifamu kanarratti akka hirmaatan waamicha taasisaniiru. Miseensonni hawaasaa Itiyoophiyaanotaa fi dhalattoonni Itiyoophiyaa, hayyoonni Yuunivarsiitii Dirreedawaa, abbootiin Industirii fi dhaabbilee daldalaa akkasumas kutaleen hawaasaa marii siimpooziyeemii kanarratti argamaniiru.
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015