Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaa Kolleejii Poolii Teekniikaa meejer Jeneraalaa Mulugeetaa Buliitti hojiilee kalaqaa daawwatan

Caamsaa 24/2016 (TOI)- Etaamaajoor shuumiin humnoota waraanaa waliigalaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaa hojiilee kalaqaa Kolleejii Poolii Teekniikaa meejer Jeneraalaa Mulugeetaa Buliin hojjetaman daawwatan.

Etaamaajoor shuumiin humnoota waraanaa waliigalaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaa hojiilee kalaqaa haalli jireenyaa raayyaa fi raawwiin dirqama bahuusaa si’ataa akka ta’u taasisan ogeeyyotaa fi barsiisota kolleejichaan hojjetaman dinqisiifataniiru.

Kanneen fooyya’uu fi ittidabalamuu qabanirrattis yaada kan kennan yoo ta’u kolleejichi fuula dura fedhii kutaalee fi ittisaa guutuuf oomishoota dabalataa oomishuuf xiyyeeffatee hojjechuu akka qabu eeraniiru.

Deegarsa barbaachisu hunda dhaabbatichi cinaasaanii akka dhaabatu mirkaneessuusaanii odeeffannoon raayyaa ittisaa RDFI nimul’isa.

Dursaan garee qorannoo barnootaa kolleejichaa letenaal koloneel Arraagaawu Gabramadin bu’aaleen kalaqaa daawwannaaf dhihaatan abbaa miila tokkoo kan diishqaan itti hidhamu, siistama daataa beezii kolleejichaan uumaman, istoovii elektiriikii, boba’aa fi qoraaniin hojjetanii fi qalama kophee akka ta’e ibsaniiru.

Bu’aaleen kalaqaa kunneen hundi barsiisotaa fi ogeessota kolleejichaan kan hojjetaman ta’uu dubbataniiru.

Bu’aaleen kalaqaa kunneen raawwii raayyaa kan si’achiisanii fi jireenyasaas kan deeggaran akka ta’an taasifamanii hojjetamuun alatti qulqullinasaanii kan eeggatanii fi gatiinsaaniis madaalawaa akka ta’e letenaal koloneelichi ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015