Odiitiin idil addunyaa nageenya siviil aviyeeshinii Itiyoophiyaa jalqabame

Caamsaa 26/2016(TOI)- Odiitiin idil addunyaa nageenya siviil aviyeeshinii Itiyoophiyaa Finfinneetti jalqabameera.

jalqabame

Odiitiin idil addunyaa qindeessummaa tajaajila odeeffannoo fi nageenyaa biyyaalessaatiin tumsa dhaabbatan siviil aviyeeshinii idil addunyaatiin yeroo jalqabaaf har’a Caamsaa 26 irraa kaasee amma Caamsaa Waxabajjii 6 bara 2016tti akka adeemsifamu ibsameera.

Ittaanaa daarektar jeneraalaa tajaajila odeeffannoo fi nageenyaa biyyaalessaa Sisaay Tolaa, tajaajila odeeffannoo fi nageenyaa biyyaalessaatti daarektarri damee nageenya aviyeeshinii Asraat Qajeelaa, daarektarri muummee bulchiinsa nageenya neetwoorkii infoormeeshinii Tigist Hamiid, daarektarri muummee tajaajila immigireeshinii fi lammummaa Salaamaawiit Daawiit, de’eetaan ministiraa geejjibaa fi lojistiiksii Dangee Boruu, daarektarri muummee abbaa taayitaa siviil aviyeeshinii Itiyoophiyaa Geetaachew Mangistee, hooggantoonni dhaabbata siviil Aviyeeshinii idil addunyaa fi odiitaroota nageenya Aviyeeshinii dabalatee hooggantoonni mootummaa sagantaa jalqabsiisaarratti argamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015