Pirezidaantiin naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaa jiddugaleessa yaalii Itiyoo-telekoom yaadannoo injifannoo Adwaa keessatti ijaarame daawwatan

Caamsaa 26/2016(TOI)- Pirezidaantiin naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaa jiddugaleessa yaalii Itiyoo-telekoom yaadannoo injifannoo Adwaa keessatti ijaarame daawwatan.

Hojii raawwachiiftuun olaantuu Itiyoo-telekoom Fireehiywoot Taammiruu garee jilaa pirezidaant Shimallis Abdiisaan durfamuuf waa’ee jiddugalichaarratti ibsa kennaniiru.

Muuxannoowwan ga’ooma teeknooloojii Itiyoo-telekoom hundeeffamasaarraa kaasee amma ammaatti irra gahe agarsiisan jiddugala kana keessa akka jiran daawwattootaaf ibsaniiru.

Itiyoo-telekoom neetwoorkii 2G amma 5Gtti hojiirra oolchuun walitti hidhamiinsa bilbilaa moobaayiliirraa amma idilee uumuurra darbee Itiyoophiyaa dijitaalaa dhugoomsuu keessatti qooda olaanaa bahachaa jira jedhameera.

Ijaarsa dinagdee dijitaalaa keessattis appilikeeshinoota akka teelee birrii hojii jalqabsiisuun, bittaa fi gurgurtaan tiriiliyoonitti tilmaamamu akka raawwatamu dandeessisuunsaa eerameera.

Ijaarsa kutaalee barnootaa Ismaartii fi dameelee biroorratti cehumsa teeknooloojii taasisaa jiru ilaalchisuun daawwattootaaf ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015