Obbo Tamasgeen Xurunee dhaabbilee itti waamamni isaanii Ministeera Hojii fi Ogummaaf ta'e daawwatan

Caamsaa  27/2016(TOI) - Itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunee sosochii hojii dhaabbilee itti waamamni isaanii Ministeera Hojii fi Ogummaaf ta'e daawwatan

Kallattii Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad yaada kalaqa haaraa fi naannawwaa hojii qorannoof mijata ta'e uumuurratti kaa'aniin Instiititiyutiin leenjii ,tekinikaa fi ogummaa FDRI'n hojii misooma hojjetamanii fi bu'aawwan innoveeshinii daawwataniiru.

Ministirri hojii fi ogummaa aadde Mufaariyaat Kaamiil wayita kana akka ibsanitti; Instiitiyutichi bakka madda kalaqaa fi haala qorannoof mijata ta'ee uumeera.

Inistiitiyutichi bu'uura galma misooma biyyaatiin ogeeyyii leenjisee akkasuma bu'aawwan tekinolojii kalaqaa fi dinagdee beekumsaan durfamu ijaaruurratti argama.

Waggaatti baratoota hanaga kuma10 leenisaa akka jiru himanii; madsa tekinolojiiwwan ammayyaa ta'aa jira jedhaniiru.

Daarwktarri olaanaa Inistiitiyutii leenjii, tekinikaa fi ogummaa FDRI doktar Biruuk Kadir  gama isaaniin xiyyeeffoonnon keenya ogeeyyii badhaadhina hunda galeessa biyyaa mirkaneesuu danda'an oomishuudha jedhaniiru.

Kanaanis Qonna, fayyaa, turizimii, infoormeeshin kominikeeshinii, tekinolojii, Ijaaraa fi kanneen biroo caalaatti kan ammayyeessan Institiyutichaa uumamuu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015