Sosochiin gabbisa dandeettii dijitaal faayinaansii biyyaalessaa jalqabame

Waxabajjii 05/2016(TOI)- Sosochiin gabbisa dandeettii dijitaal faayinaansii biyyaalessaa ifatti jalqabame.

Ministeerri Innoveeshinii fi teeknooloojii baankii daldalaa Itiyoophiyaa fi Itiyoo-telekoom waliin ta’uum sosochii kana akka qopheesse ibsameera.

Baniinsa sagantaa kanaarratti de’eetaan ministira innoveeshinii fi teeknooloojii doktar Yishiruu Alamaayyoo dijital teeknooloojiin sosochii jireenyaa lammiilee guyya guyyaa salphisuun jireenyi ammayyaa akka gabbatu qooda olaanaa gumaachaa jira jedhaniiru.

Dabalataanis sirni faayinaansii amansiisaa fi amanamummaa qabu diriirsuun sosochii dinagdee si’ataa fi qaqqabaa akka ta’u nigargaara jechuun eeran.

Teeknooloojii faayinaansii dijitaalaa fayyadamuun hawaasa biratti dabalaa dhufuunsaa baay’ee kan jajjabeessuu fi hojii ittifufiinsa qabaachuu qabu ta’uusaa kaasaniiru.

Itiyoophiyaan sirna faayinaansii dijitaalaa hubachiisuu fi ittifayyadamuun biyyoota guddinaan walitti dhihaatan waliin yoo ilaalamu baay’ee hojjechuun akka irraa eegamu qorannoowwan akka agarsiisan eeraniiru.

Kanaaf damee Kanaan fayyadamummaa fi qaqqabummaa lammiilee mirkaneessuurratti xiyyeeffatamee hojjetamaa jira jedhaniiru.

Fakkeenyaaf har’a Finfinneetti ifatti kan jalqabamu sosochiin “dandeettii dijitaal faayinaansii gabbisuu” isa tokkoo fi isa olaanaati jedhan.

Sosochiin kun Waxabajjii 5-8 bara 2016tti Finfinnee manneen barnootaa sadarkaa lammaffaa 22 fi dhaabbilee teekiniikaa fi ogummaa 14 keessatti akka kennamu ibsameera.

Haala walfakkaatuun sosochiin kun guyyoota kana keessatti naannawoota biyyatti biroo keessatti akka adeemsifamu beeksisaniiru.

Sosochii Kanaan lammiilee kuma 200 caalaniif dandeettii dijitaal faayinaansii  qaqqabaa taasisuuf carraaqqiin akka taasifamu dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015