Appilikeeshiniin dargaggoonni sadarkaa biyyaalessaatti yaadasaanii bilisaan ittiin waliiqoodan ifoome

Waxabajjii  06/2016(TOI)- Ministeerri dubartootaa fi dhimma hawaasummaa appilikeeshinii U-Report Ethiopia dargaggoonni sadarkaa biyyaalessaatti yaadasaanii bilisaan ittiin waliiqoodan ifoomseera.

Ministirri dubartootaa fi dhimma hawaasummaa doktar Ergoogee Tasfaayee, ministirri Innoveeshinii fi teeknooloojii doktar Ballaxaa Mollaa, hooggantoonni mootummaa fi bakka bu’oonni dargaggootaa saganticharratti argamaniiru.

Teeknooloojichi yaadonni sadarkaa biyyaalessaatti hirmaannaa hundagaleessaa fi fayyadamummaa dargaggootaa guddisuu danda’an kan ittiin waliif qoodan akka ta’e ibsameera.

Ministirri doktar Ergoogee Tasfaayee wayita kana akka ibsanitti, appilikeeshinichi dargaggoonni teeknooloojiitti fayyadamuun yaadota ijaarsa nageenya egeree fi faayidaa biyyaaf qaban kan ittiin ibsatanidha.

Appilikeeshinichi dargaggoonni sirna yaadota galtee imaammataaf gargaaran itti maddisiisan uumuuf  gumaacha akka qabaatu fubbataniiru.

Appilikeeshinichi hojii dargaggoonni uuman beeksisuurra darbee muuxannoo waljijjiiruuf akka gargaaru eeraniiru.

Dabalataanis hawaasa jidduutti walitti hidhamiinsa uumuu fi dhimma biyyasaaniirratti bilisaan akka hirmaatan carraa guddaa ta’uu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015