“Machaal Itoophiyaaf” mata duree jedhuun sosochiin baatii tokkoof turu gaggeeffamuufi

Waxabajjii 13/2016 (TOI)- Waggaa 80ffaa hundeeffama Kilaba Ispoortii “Machaal” ilaalchisuun sagantaaleen garaagaraa baatiif tokkoof turu kan gaggeeffamu ta’uun ibsame.

Ministeerri Raayyaa Ittisa Biyyaa kabaja hundeefama kilabichaa ilaalchisuun waltajjii marii gaggeesseera.

Walltajjicharratti Daayrektarri Olaanaa Ijaarsa Xiinsammuu Raayyaa Ittisa Biyyaa Meejer Jeneraal Indaalkaachoo Waldakidaan, Walitti Qabaa Boordii Kilabichaa Dooktar Seefuu Geetaahuun, Hogganaa Biiroo Dargaggoo fi Ispoortii Magaalaa Finfinnee Balaay Dajan, ispoortessitootaa gameeyyii fi qamoleen dhimmichi ilaallatu biroon argamaniiru.

Sirni kabaja hundeeffama waggaa 80ffaa Kilabaa Ispoortii Machaal, bu’uura imala kilabichaa kan cimsu mata duree “Machaal Itiyoophiyaaf” jedhuun sagantaaleen garagaraa baatii tokkoof turu kan gaggeeffamu ta’uun ibsameera.

Sagantaa kanaan teletoonii galii walitti qabuu, waliigalteewwan walta’iinsaa, dorgommiin fiigicha daandiirraa kan gaggeeffamA.

Kilabiin Ispoortii Machaal bara 1936 kan hundeeffame yoo ta’u, kubbaa miilaa fi atileetiksii dabalatee dameewwan Ispoortii garaagaraan Ispoortessitoota bebbeekamoo fi ga’umsa qaban horachuu danda’uun ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015