Atileetoonni Itoophiyaa Shaampiyoona Atileetiksii Afrikaa irratti dorgommii adda addaa injifatan

Waxabajjii 18/2016 (TOI) - Shaampiyoonaa atileetksii Afrikaa 23ffaa dorgommii tarkaanfii kilomeetira 20'n atileetoonni Itoophiyaa dhiiraa fi dubaraan injifatan.

Dorgommii kan akan injifatan atileet Sintaayyoo Maasiree fi Atileet Misgaanaa Waaqumaati.

Shaampiyoonaan atileetiksii kun Kaameeruun Duwaalaatti geggeeffama kan jiru yoo ta'uu oolmaa guyyaa 5ffaa isaan atileetonni Itoophiyaa dorgommii adda addaarratti hirmaatan injifataniiru.

Dorgommii tarkaanfii kilomeetira 20 gama dubartootaan atileet Sintaayyoo Maasiree, sadrkaa tokkoffaan yoo injifattu; gama dhiiraan immoo atileet Misgaanaa Waaqumaa tokkoffaan xumuruu isaa Ragaan Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaarra argame ni mul'isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015