Abbaan Taayitaa Abbeentaa kalaqaa Itoophiyaa bu'awwaan kalaqaa 4'f Instiitiyutii Artefishaal Intalajensii Itoophiyaaf mirga abbeentaa kalaqa kenne.

Waxabajjii 24/2016(TOI) - Abbaan Taayitaa Abbeentaa kalaqaa Itoophiyaa bu'awwaan kalaqaa 4 Instiitiyutiin Artefishaal Intalajensii Itoophiyaa akka dhaabbataatti hojjeteef Instiitiyutchaaf mirga abbeentaa kalaqa kennuu beeksise.

Bu'aawwan qorannoo Instiitiyutichi mirga abbeentaa itti argate tekinolojii artefishaal intalajensii bu'uura kan godhatanidha jedhameera.

Bu'aawwaan qorannoo kunis kan gosa dhukkuba sukkaaraa adda baasu, gosa kaanserii harmaa kan adda baasu, hojii dhukkuba gogaa daa'immanii adda baasuuf gargaaru kan hojjetu, akkasuma dhukkuba baala bunaa adda baasuu kan danda'u ta'uun himameera.

Daarektarri olaanaa Instiitiyutii Artefishaal intalajensii Itoophiyaa doktar Injiranar Warquu Gaachanaa daarektara olaanaa Abbaa Taayitaa Abbeentaa Kalaqaa Itoophiyaa doktar Walduu Yimasiil irraa waraqaa ragaa mirga abbeentaa kalaqaa fuudhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015