Taphoonni waancaa Awurooppaa kan biyyoonni lama xumura nuusaatti makaman itti  beekman har’a nitaphatamu

Waxabajjii 25/2016(TOI)- Sagantaa mo’atanii darbuu waancaa Awurooppaa 17ffaatiin Roomaaniyaan Nezerlaandi, Ostiriyaan Tarkiyyee nuusa xumuraatti makamuuf har’a nitaphatu.

Taphni waancaa Awurooppaa Jarman qophheessite har’a guyyaa 19ffaasaa  yoo ta’u taphni mo’atanii darbuu Waxabajjii 22/2016 irraa kaasee taphatamaa ture har’a xumurama.

Roomaaniyaan galgala sa’aatii 1tti Istaadiyeemii Aliiyaanz Areenaa daawwattoota kuma 75 fi 24 qabatutti Nezerlaandi waliin nitaphatu.

Ramaddii shan keessa kan jirtu Roomaaniyaan qabxii 4’n ranaddicha dursa qabachuun mo’anii darbuutti makamteetti.

Nezerlaandi ramaddii afur irraa sadaffaa ta’uun mo’atanii darbuutti makamteetti.

Sadarkaa kubbaa miilaa biyyootaa Fiifaan baasuun Roomaaniyaan 47ffaa, Nezerlaand sadarkaa 7ffaarratti argamu.

Tapha biyyoota lamaan jidduutti taasifamuun kan mo’ate xumura nuusaatiin mo’ataa tapha Ostiriyaa fi Tarkiyyee waliin nitaphata.

Sagantaa Waancaa Awurooppaa mo’atanii darbuu xumuruutiin galgala sa’aatii 4tti  Ostiriyaan Tarkiyyee waliin Istaadiyeemii Laayipziigtti nitaphatu.

Ostiriyaan ramaddii 4 keessaa qabxii 6’n garicha dursuun mo’atanii darbuutti ceeteetti.

Tarkiyyeen ramaddii 6 keessaa Poortugaaliin qabxii walfakkaataa qabachuun gooliin caalamtee 2ffaa ta’uun darbiteetti.

Ostiriyaan tapha har’aa yoo mo’atte yeroo jalqabaaf xumura nuusaatti nimakamti.

Sadarkaa kubbaa miilaa biyyootaa Fiifaatiin Ostiriyaan sadarkaa 25ffaa, Tarkiyyeen 42ffaa irratti argamu.

Speen, Jarman, Ingiliz, Faransaayi, Poortchugaal fi Siwiizarlaand biyyoota xumura nuusaatti makamanidha.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015