Piriimiyerliigii Itiyoophiyaan har'a taphootni lama ni taphatamu

Waxabajjii 27/2016(TOI) -Sagantaan Piriimiyerliigii Itiyoophiyaa torbee 30ffaa har'as itti fufee kan jiru yoo ta'u, taphoonni lama ni taphatamu.

Qiddus Giyoorgis guyyaa sa'aatii 9:00 irratti Istaadiyeemii Yuunivarsiitii Hawaasaatti Faasiil Kanaamaa waliin ni taphata.

 Qiddus Giyoorgis taphoota 5 walitti aansuun taphateen liigii Kanaan yeroo 1 qofa injifachuun yeroo 1 mo'amuun yeroo 3 qixa bahuun isaa ni yaadatama.

 Kilabichi taphoota 5 taphate keessatti goolii 4 kan galche yoo ta'u, qabxii 45n liigii kanaan sadarkaa 5ffaa irra jira.

 Faasiil Kaanaamaan taphoota liigichaa 5 darban irratti yeroo 2 injifachuun, yeroo 2 mo'amuu fi yeroo 1 qabxii waliif qooduun galchii 3 lakkoofsisuun , haala walfakkaataan galchiin 3 itti galeera.

Wubatuu Abaateen kan leenji’u Faasil kaanaamaan qabxii 44n sadarkaa 6ffaa irratti argama.

 

Tapha Liigicha marsaa jalqabaa kilaboota lamaan gidduutti taasifameen Qiddus Giyoorgis 1 fi 0 n injifachuun isaa kan yaadatamuudha.

Sagantaa torbee 30ffaa biraatiin Bunni Sidaamaa Magaalaa Baahir Daar waliin galgala sa'aatii 12 irratti ni taphatu.

Bunni Sidaamaa taphoota liigii 5 darbaniin yeroo 2 injifachuun, yeroo 3 mo'amuun, galchii 6 galchuun, galchiin 7 itti galuun, qabxii 37n sadarkaa 12ffaa irra jira.

 Morkataan isaa Magaalaan Baahir Daar taphoota liigichaa 5n darbaniin hin mo'amne, yeroo 2 injifatee, yeroo 3 qixa bahee, galchii 8 galchuun, galchiin 5 itti galuun qabxii 50n liigichaan sadarkaa 4ffaa irra jira.

Tapha marsaa jalqabaa kilaboota lamaan gidduutti taasifameen Bunni sidaamaa 2 fi 0n injifachuun isaa ni yaadatama.

Kana malees, kaleessa tapha guyyaa jalqabaa torbee 30ffaa irratti magaalaan Hawaasaa Walaayittaa Diichaa 2 fi 0 dhaan , Haadiyyaa Hosaanaan ammoo Buna Itiyoophiyaa 2 fi 1 injifatee jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015