Miidiyaaleen faayidaa biyyaalessaa akka kabajamuu fi waloomni lammiilee akka gabbatu ittigaafatamasaanii sirnaan bahuu qabu- Obbo Mohaammad Idriis

Waxabajjii 30/2016(TOI) - Miidiyaaleen faayidaan biyyaalessaa akka kabajamuu waloomni lammiilee akka gabbatu ittigaafatamasaanii sirnaan bahuu akka qaban daarektarri olaanaa abbaa taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaa Mahaammad Idriis ibsan.

 

Obbo Mohaammad Idriis Tajaajila Oduu Itoophiyaatti akka himanitti,  Miidiyaaleen faayidaa biyyaalessaa dagaagsuu fi tokkummaa ummataa cimsuu keessatti gahee guddaa qabu jedhan.

 Itti gaafatamummaa kana sirnaan bahachuun miidiyaalee irraa akka eegamu himanii,  faallaa kanaatiin miidiyaaleen tokko tokko dhimma siyaasaaf utuu oolfamanii mul’ata jedhan.

Miidiyaaleen kunneen odeeffannoo sobaa fi jibbiinsa lallabuun walitti bu’iinsa uumurraa bu’aa siyaasaa argachuu akka barbaadan ibsaniiru.

Miidiyaaleen maal nadhibdee fi dandeettii dhabuun humnoota siyaasaaf meeshaa kan ta’an akka jiran dubbataniiru.

Abbaan taayitichaas hanqina dandeettii mul’atu guutuuf maanuwaalii adda addaa qopheessee leenjii kennuusaa eeraniiru.

Fakkeenyaaf, maanuwaalii gabaasa yeroo walitti bu’iinsaa qopheessuun gaazexessitootaa fi qaqqabsiisuu isaa eeraniiru.

Abbaa taayiticha qofa osoo hinta’iin dhaabbileen miidiyaas hanqina dandeettii ogeeyyiisaanii guutuuf ittigaafatamummaa akka qaban himaniiru.

Miidiyaaleen Amantaa, Daldalaa fi Ummataa hojii isaanii keessatti Nageenyaa fi tokkummaa ummataa bu’uura godhachuun hojjechuu akka qaban hubachiisaniiru.

Sochiin faallaa kanaan alaa kamiyyuu faallaa faayidaa biyyaa fi ummataa ta’uun isaa hubatamuu akka qabu eeranii,Kanneen hojii akkanaa irratti hirmaatan irratti tarkaanfiin seeraa ni fudhatamas jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015