Kubbaa miilaa keenya bakka duraaniitti deebisuuf maatii ispoortii waliin walitti dhiheenyaan ittifufiinsaan nihojjenna- Kantiibaa Adaanecha Abeebee

Adoolessa 01/2016(TOI)- Kubbaa miilaa keenya bakka duraaniitti deebisuuf maatii ispoortii waliin walitti dhiheenyaan ittifufiinsaan nihojjenna jedhan Kantiibaa Adaanecha Abeebee

Federeeshiniin kubbaa miilee Itiyoophiyaa Kantiibaa Adaanech Abeebeef badhaasa beekamtii wayita kennu garee biyyaalessaa Itiyoophiyaa olaantummaan akka eegan moggaaseera.

Bu’ura misoomaa Ispoortii Finfinneetti babal’isaa jirru keessumaa dirree kubbaa miilaa ilaaluun beekamtii federeeshiniin kubbaa miilaa Itiyoophiyaa naaf kenneef akkasumas waaliyootaa fi luusiiwwan olaantummaan akkan to’adhu ittigaafatama waan naaf kenneef nangalateeffadha jedhan odeeffannoo  fuula marsaiitiisaaniirratti baasaniin.

Ummanni keenya Ispoortii kubbaa miilaa ija hinquufamneen waan ilaaluuf seenaan keenyas kanneen kubbaa miilaa jalqaban keessaa tokko kan ta’e garuummoo qabxii argachaa kan hinjirree fi maatii ispoortii gaabbisiisaa kan jiru ta’us seenaa kana jijjiiruuf waliin hojjechuun kubbaa miilaa keenya gara seenaasaa duraaniitti deebisuuf maatii ispoortii waliin ittifufiinsaan walitti dhihaannee nihojjennaa jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015