Haga ammaatti magaalonni Itoophiyaa 424 tajaajila networkii 4G fayyadamoo ta'aniiru.

Adoolessa 3/2016(TOI) - Haga ammaatti magaalota Itoophiyaa 424 tajaajila networkii 4G fayyadamoo taasisuun danda'amuu Hoji geggeesituun Olaantuu Itiyo Telekoom Firehiyiwoot Taammiruu beeksisan.

Hoji geggeesituun olaantuu Kubbaaniyyaa kana Firehiwoot Taammiruu raawwii hojii bara 2016 kubbaniyyichaa ilaalchisuun miidiyaaleef ibsa kennaniiru.

Ibsa isaaniin bara bajataa 2016 karoora hawaasa hunda hirmaachise, guddina hunda galeessa biyyaa kan mirkaneessuu fi haala qabatama idil addunyaa ilaalcha keessa galchuun qophaa'uun hojiitti galamuu ibsaniiru.

Bara bajata 2016 buufata moobaayilii 462 ijaaruun tajaajila kennaa jiru jedhaniiru.

Dabalataan buufataalee moobaayilii baadiyyaa 132 tajaajila 2G irraa gara 3G 'tti akka guddatan taasifamuu ibsaniiru.

Itiyoo Telekoom maamiloota miliyoona 86 keessummeessuu kan danda'u neetiworkii moobaayilii ijaaruu ibsanii, tajaajilli 4G dhibbeentaa 34.6 gaheera jedhaniiru.

Bara bajataa darbe magaalonni 124 fayyadamoo tajaajila 4G akka ta'an taasisuun biyyattitti magaalota fayyadamoo tajaajila neetiworikii 4G gara 424 guddisuun danda'ameera jedhaniiru.

Magaalota shanitti immoo tajaajila neetiworkii 5G babal'isuun danda'amuu himanii; kanaanis adeemsarra akka jiran eeraniiru.

Gandoota baadiyaa kanaan dura tajaajila netiworkii moobaayilii hin argannee 216 akka fayyadamoo tajaajila kanaa argatan taasisuun danda'amuu himaniiru.

Waliin gahins neetiworkii moobaayilee bal'inaa lafaan dhibeentaa 85.4 waliin gahuun kan danda'ame yoo ta'u hanga fayyadamtootaan immoo dhibbbentaa 99 ol gaheera jedhaniiru.

Karoora Itoophiyaa dijitalaa mirkaneesuuf tattaaffiin taasifamu adeemsa gaarirra jirachuu ibsanii; galiin birrii biliyoona 93.7 irraa argamuus eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015