“Afuuffee Saatalaayitii haay altiitiyuud” odeeffannoo funaanuuf gargaaru samiitti ergame

Adoolessa 03/2016(TOI )- Inistiitiyuutiin spees saayinsii fi Ji’oospaashaal “afuuffee Saatalaayitiin haay altiitiyuud” odeeffannoo funaanuuf gargaaru samiitti ergameera.

 Sirni afuuffee saatalaayitii gad-lakkisuu magaalaa Shaggar kutaa magaalaa Sulultaatti kan raawwatame yoo ta’u de’eetaan ministira Innoveeshinii fi teeknooloojii doktar Yishruun Alamaayyoo, daarektarri Afriikaa kaampaanii Booying ambaasaaddar Heenook Tafarraa akkasumas barattoonni sirna kanarratti argamaniiru.

Inistiityuutichi dhaabbilee Booyingii fi Faseesaa jedhaman waliin ta’uun mata duree “paaz weeyi tuu spees” jedhuun barattoota leenjise eebbisiisaa jira.

Umuriin barattoota kanaa waggaa 16 amma 20 yoo ta’u diizaayinii fi ijaarsaa “afuuffee Saatalaayitiin haay altiitiyuud” ilaalchisuun baatii shaniif leenjii fudhataniiru.

Barattoonni bu’aa yaalii afuuffee Saatalaayitii haay altiitiyuud beekumsa leenjii kanarraa argatanitti gargaaramuun hojjetan dhiheessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015