Miidiyaan Foormulaa biyya ijaaruu, dhaloota qaruu, aadaa fi duudhaa dagaagsuudha- Obbo Tamasgeen Xurunee

Adoolessa 04/2016 (TOI) -Ittaanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xureneaa, Miidiyaan foormulaa  biyya ijaaruu, dhaloota qaruu, aadaa fi duudhaa guddisudha jedhan.

Obbo Tamasgeen sagantaa mata duree "Miidiyaan biyyaaf" jedhuun qophaa'e irratti dhaabbileen miidiyaa beekamtii argattan baga gammaddan jechuun fuula marsariitii isaanii irratti barreessaniiru .

Miidiyaan biyya ijaaruu dhaloota dhalootatti dabarsuu, seenaa  qindeessuu fi odeeffannoo dabarsuun qooda olaanaa qaba jedhan.

Kanaaf Miidiyaaleen hojiiwwan dantaa biyyaa, tokkummaa biyyaaf  walitti hidhamiinsa hawaasummaa cimsan irratti caalaatti xiyyeeffannoo akka kennitanin isiniif dhaama jechuun ergaa dabarsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015