Taphi Waancaa mo’aa mo’attootaa Itiyoophiyaa Hagayya 5 gaggeeffama

Adoolessa 04/2016 (TOI) Taphi Waancaa mo’aa mo’attootaa Itiyoophiyaa Hagayya 5 bara 2016 Baankii Daldalaa Itiyoophiyaa fi Buna Itiyoophiyaa gidduutti akka gaggeeffamu Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Itiyoophiyaa beeksise.

Kilaboonni lamaan waancaa argachuuf kan taphatan Piriimiyerliigii Itiyoophiyaa fi mo’ataa waancaa Itiyoophiyaa waan ta’aniif .

Taphi Baankii Daldalaa Itiyoophiyaa fi Buna Itiyoophiyaa kun Hagayya 5, 2016 Finfinneetti akka gaggeeffamu Federeeshinichi ibseera.

Dirreen taphichi itti taphatamus fuulduratti akka ifoomu eerameera.

Baankiin Daldala Itiyoophiyaa Piriimiyerliigii Itiyoophiyaa bara 2016, Bunni Itiyoophiyaa ammoo waancaa Itiyoophiyaa bara 2016 injifachuun isaanii ni yaadatama.

Oduu kanaan walqabateen federeeshinichi guyyaa jijjiirraan taphattootaa itti banamu irratti sirreeffamni taasifamuu ibseera.

Jijjiirraan bara dorgommii 2017 Adoolessa 15, 2016 akka banamu beeksisee ture.

Haa ta'u malee guyyaa sirreessuun barbaachisaa ta'uu isaatiin jijjiirraan wiixata , Adooleessa 8 bara 2016 akka banamu murteessuusaa federeeshinichi beeksiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015