Fiigichi guddichi magaalaa Arbaa Mincitti adeemsifamaa jira

Adoolessa 07/2016(ኢTOI)- Fiigichi daandiirraa guddichi magaalaa Arbaa Mincitti adeemsifamaa jira.

Fiigichi guddichi kun mata duree “”steey giriin Arbaa Minci” jedhuun adeemsifamaa jira.

Fiigichi kun sadarkaa umurii garagaraan kan adeemsifamu yoo ta’u dorgommiin daa’immanii meetira 800 dursuun adeemsifameera.

Dorgommiin kiiloomeetira 7 Yuunivarsiitii Arbaa Mincirraa ka’ee deebi’ee Yuunivarsiitii Arbaa Mincitti xumuramu yeroo ammaa taasifamaa jira.

Dorgommichi eegumsa naannoorratti xiyyeeffachuun hubannoo uumuu kan kaayyeffatedha.

Dorgommichi ittifayyadaman waraqaa pilaastikaa hir’isuun balfa sirnaan dhabamsiisuu fi deebisanii hojiirra oolchuu hawaasa hubachiisuuf kan kaayyeffate ta’uun beekameera.

Dorgommiin baranaa Itiyoophiyaatti yeroo 23ffaa Arbaa Mincittimmoo yeroo jalqabaaf kan adeemsifamu yoo ta’u ministeerri Tuurizimii fiigicha guddicha Itiyoophiyaa fi kanneen biro waliin kan qophaa’edha.

De’eetaan ministira tuurizimii obbo Akliiluu Taaddasaa, Hooggantuun biiroo aadaa fi Turizimii adde naannoo Itiyoophiayaa Kibbaa adde Fireehiywoot Dubbaalee dorgommicharratti argamaniiru.

Kana malees hooggantoonni olaanoo federaalaa,naannoo, godina Gaamoo fi magaalaa Arbaa Minci akkasumas lammiileen biyya alaa hirmaachaa jiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015