Inistiityuutichi sirna hojmaataa dijitaalaa qonna ammayyeessan ifoomse

Adoolessa 09/2016(TOI)-Inistiitiyuutiin tiraanisfoormeeshinii qonnaa sirna hojmaataa dijitaalaa qonna ammayyeessan lama ifoomseera.

Isaanis ‘awutoomeeshin Inpuut Voocher’ fi (‘E-vocher 2.0’) jedhamuun beekamu.

Ittaanaa daarektara olaanaa Inistiitiyuutichaa doktar Fireew Taganyi dabalatee miseensonni qooda fudhattootaa fi hooggantoonni dhaabbatichaa saganticharratti argamaniiru.

Hojmaattonni ifooman gabaa itti fufaa, oomisha fooyya’aa akkasumas tamsaasni galteewwan qonnaa fooyya’aan akka jiraatu taasisuun gamatti sirni walitti hidhamiinsa gabaa,odeeffannoon wayitaawaa fi yeroosaa eeggate kan ittiin dhihaatu akka ta’e ibsameera.

Kana malees eenyuyyuu osoo jidduu hinseeniin qonnaan bulaan oomishaalee qonnaa akka gurguratu nitaasisa.

Hojmaanni kun walitti dhufeenya qonnaan bulaa fi shamattoota oomisha qonnaa cimsuun alatti odeeffannoowwan gatii gabaa argachuu akka dandeessisu ibsameera.

Sirni E-Vowucher 2.0 ammoo filannoo dijitaalaa fooyya’ee dhihaate yoo ta’u, sanyii fi xaa’oon kan ittiin raabsamudha.

Kanaan dura galteen qonnaa kan dhihaatu waraqaan akka dhihaachaa akka turee fi hojmaata kana gara dijitaalaatti akka jijjiiru ta’uun ibsameera.

Ittaanaan daarektara olaanaa Inistiitiyuutii qorannoo qonnaa doktar Fireew Taga wayita kana akka jedhanitti, ergamni inistiitiyuutichaa keessaa tokko hudhaalee damee qonnaa adda baasuun furmaata kaa’uu akka ta’e ibsaniiru.

Sirnoonni hojmaataa ifooman qaama kanaa ta’uu ibsaniiru.

Fuulduras qormaata damee kanaa adda baasuun fi kallattii argisiisuuf cimee akka hojjetu dubbataniiru.

Dhaabbilee tumsitootaa pirojektichi akka dhugoomu gumaacha taasisan galateeffataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015