Naannichatti bu’ura misoomaa Ispoortii ammayyaa babal’isuun guddina Ispoortiif xiyyeeffannoo addaatiin hojjetamaa jira-obbo Shimallis Abdiisaa

Adoolessa 11/2016(TOI)- Naannichatti bu’ura misoomaa Ispoortii ammayyaa babal’isuun guddina Ispoortiif xiyyeeffannoo addaatiin hojjetamaa akka jiru pirezidaantiin naannichaa obbo Shimallis Abdiisaa ibsan.

Inistiitiyuutiin leenjii Ispoortii fi qorannoo Daraartuu Tulluu mootummaan naannichaa birrii biiliyoona 1 tuqaa 5 caaluun magaalaa Sulultaatti ijaarsise eebbifameera.

Pirezidaantiin naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaa pirojekticha eebbisanii hojii wayita jalqabsiisan, bu’ura misoomaa Ispoortii ammayyaa babal’isuun guddina Ispoortiif xiyyeeffannoo addaan hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.

Inistiitiyuutiin fakkeenya milkaa’inaa kan taate maqaa gargaartuu komishinaraa Daraartuu Tulluun ijaaramee eebbifame agarsiiftuu kanaati jedhaniiru.

Bara 2008 irraa kaasee waggoota saddetiif ijaarsarra turee rakkoolee addaddaatiin osoo hinxumuramiin turuusaa yaadachiisanii, yeroo ammaa tajaajilaaf qophii ta’uu Ispoortiif faayidaa akka qabu eeraniiru.

Inistiitiyuutichi Ispoortii karaa saayinsaawaa gaggeessuun ispoortessitoota dorgomaa idil addunyaa fi mo’ataa horachuuf kan dandeessisudha jedhan.

Yeroo tokkotti akaakuu Ispoortii 16n ispoortessitoota 800 simatee leenjisuuf akka dandeessisu ibsameera.

Pirezidaantiin federeeshinii atileetiksii Itiyoophiyaa gargaartuu komishinaraa Daraartuu Tulluu, Inistiitiyuutiin leenjii ispoortii fi qorannoo kun atileetota ga’ooman horachuurra darbee dorgommiiwwan idil addunyaa Itiyoophiyaatti keessummeessuuf akka dandeessisu ibsiteetti.

Gumaacha biyyaaf taasifteef beekamtii kennuun inistiitiyuutichi maqaasheetiin moggaafamuusaaf galateeffatteetti.

“Inistiitiyuutichi kanin hojjedheen olitti seena kan qabu dhaloota dargaggootaaf faayidaa nikenna, lammiileen humna qabaniin biyyasaanii tajaajiluu qabu” jechuun ergaa dabarsiteetti.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015