Barattoonni qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa qoramanii fi kanneen qormaaticha raawwachiisan sagantaa ashaaraa magariisaatiin biqiltuu dhaaban

Adoolessa 12/2016(TOI)- Barattoonni qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa baranaa qoramanii fi kanneen qormaaticha raawwachiisan paarkii Inxooxxootti sagantaa ashaaraa magariisaatiin biqiltuu dhaaban.

Hoogganaan biiroo barmootaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee doktar Zalaalam Mulaatuu, barattoonni qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa qoramanii fi kanneen qormaaticha raawwachiisan sagantaa ashaaraa magariisaa mata duree “biyya biqiltuu dhaabdu dhaloota ittifufsiisu” jedhuun adeemsifamerratti argamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015