Hooggantoonnii fi hojjettoonni waajjira odiitara muummee federaalaa sagantaa ashaaraa magariisaa gaggeessan

Adoolessa 12/2016(TOI)- Hooggantoonnii fi hojjettoonni waajjira odiitara muummee federaalaa kutaa magaalaa Lammii Kuraatti sagantaa ashaaraa magariisaa gaggeessan.

Odiitarri muummee waajjira odiirarii muummee federaalaa Masarat Ballaxaa wayita kana akka ibsanitti, hooggantoonnii fi hojjettoonni dhaabbatichaa sagantaa ashaaraa magariisaarratti dammaqinaan hirmaachaa jiru.

Sagantaan Ashaaraa magariisaa dhiibbaa jijjiiramni haala qilleensaa qolachuun alatti wabii nyaachaa mirkaneessuuf furmaata bu’a qabeessa ta’uusaa himaniiru.

 Sagantichi gargaaramuu jalaa kan nama baasu ta’uusaa hubachuun namni hundi biqiltuuwwan dhaabuu fi kunuunsuudhaan gumaacha olaanaa gochuu akka qabu dubbataniiru.

Sagantaa ashaaraa magariisaa baranaatiin mata duree “dhaloota biyya biqiltuu dhaabdu  ittifufsiisu” jedhuun biqiltuuwwan biiliyoona 7 tuqaa 5 dhaabuuf karoorfamee hojjetamaa jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015