Miseensonni Caffee ashaaraa magariisaa kaa’an

Adoolessa 13/2016(TOI)-Miseensonni Caffee Oromiyaa sagantaa  ashaaraa magariisaatiin biqiltuu dhaaban.

Af-yaa’iin Caffee Oromiyaa adde Sa’aadaa Abduraahimaan, Ittaanaa af-yaa’ii, hoogganaan biiroo barnoota Oromiyaa doktar Tolaa Bariisoo fi kantiibaan magaalaa Adaamaa obbo Hayiluu Jaldee dabalatee hooggantoonni olaanoo naannichaa bakka argamanitti miseensonni Caffee Ashaaraa magariisaa kaa’aniiru.

Caffeen Oromiyaa boruu eegalee walgahii idilee akka taa'u beekameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015