Abootiin Amantaa dhaabbilee amantaa addaddaa Finfinneetti sagantaa ashaaraa magariisaatiin biqiltuu dhaaban

Adoolessa 13/2016(TOI)- Sagantaan ashaaraa magariisaa biqiltuu dhaabuu baatii gannaa bara 2016 kan dhaabbileen gumii amantaa Finfinnee qopheesse ifatti jalqabameera.

Abbootiin amanta dhaabbilee amantaa sagantaa ashaaraa magariisa kanarratti hirmaataniiru.

Akkaataa waamicha ashaaraa magariisaa gumichi dhiheesseen waggoota shaman darban biqiltuuwwan miiliyoona 3 caalan dhaabamuusaa ibsameera.

Abbootiin amantaa baatii gannaa bara 2016 dhaabbilee amantaa, aanaalee fi bakkeewwan biqiltuun dhaabuurratti cimsanii akka hirmaatan gumichi beeksiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015