Jilli Itoophiyaa olompitii Paaris irratti hirmaatu har'a gara Paarisitti ni geggeeffama

Adoolessa 15/2016(TOI) - Tapha olompiikii 33ffaa Faransaay Paarisitti geggeeffamurratti kan hirmaatu Jilli Itoophiyaa har'a masara mootummaa biyyaalessaatti geggeessaan ni taasifamaaf jedhame.

Sagantaa geggeessa kanarratti hoggantoonni mootummaa olaanoo kan federaalaa fi naannolee akkasuma Ispoorteesitoonni fi keessummoonni waamichi taasifameef ni hirimaatu.

Taphin Olompitii 33ffaan Adoolessa 19 hanga Hagayya 5/2016 Faransaay Paarisitti ni geggeeffama.

Tapha Olompiikii kanarratti biyyoota 206 irraa fi Koree Olompikii addunyaa jalatti kan dargoman atileetoonni walabaa akkasuma garee olompitii godaantoota dabalatee Ispoortistoonnii kumni 10 fi 714 gosoota ispoortii 32'n ni hirmaatu.

Itoophiyaan gosoota ispoortii Atileetiksii, Daakkii bishaanii fi tapha Buunyaan ni hirmaatti.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015