Guyyoota dhufan haalli qilleensaa naannawoota qonna gannaaf mijataa ta’e nijiraata-Inistiitiyuutii mitiwoorooloojii Itiyoophiyaa

Adoolessa 15/2016 (TOI)- Guyyoota kurnan dhufan haalli qilleensaa naannawoota qonna gannaaf mijataa ta’e akka jiru Inistiitiyuutii mitiwoorooloojii Itiyoophiyaa beeksise.

Inistiitiyuutichi ibsa TOIf ergeen akka beeksisetti, haalli qilleensaa guyyoota dhufanii hojii qonnaaf qooda olaanaa qaba.

Haalli qilleensaa kun guddina midhaan Kanaan dura facaafamanii sadarkaa biqilaa addaddaarra jiraniif murteessaadha jedheera.

Naannawoota qonna gannaa turanii jalqabaniif lafti ciidhee yeroon sanyii facaasuuf haala mijataa akka uumu inistiitiyuutichi ibsasaatiin beeksiseera.

Haalli qilleensaa kun biqiltuuwwan dhaabbataaf fedhii bishaanii guutuuf dhiheessiin bishaanii fi marga dheedichaaf akka fooyya’u qooda olaanaa akka qabaatu ibseera.

Gama biraatiin naannawoota tokko tokkotti bokkaan cimaan waan mudatuuf lolaan battalaa fi sigiggoon lafaa mudachuu akka danda’u akeekkachiiseera.

Qonnaan bultoonnii fi kutaaleen hawaasaa biroon iddoowwan walitti aanuun rooba argatan jiraatan midhsn, beelladaa fi qabeenyarra balaan akka hingeenyeofeeggannoo akka taasisan hubachiiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015