Hooggantoonni Paartilee Siyaasaa Itiyoophiyaa sagantaa ashaaraa magariisaa gaggeessan

Adoolessa 15/2016(TOI)- Hooggantoonni Paartilee Siyaasaa Itiyoophiyaa qaama sagantaa ashaaraa magariisaa baranaatiin biqiltuu dhaaban.

Paartileen siyaasaa Itiyoophiyaa ministera muummee doktar Abiyyi Ahimad waliin dhimmoota tarsiimoo biyyaarratti erga mari’atanii booda qaama sagantaa ashaaraa magariisaa mata duree “ biyya biqiltuu dhaabdu dhaloota ittifufsiisu” jedhuun jalqabamee kan ta’e biqiltuu dhaabaniiru.

Boqonnaan siyaasaa haaraan paartileen yaadaan waldorgomanii fi dhimmoota biyyaarratti waliin hojjetan bariituu jijjiiramaa kaasee banameera.

Kana ka’umsa godhachuun dhimmoota biyaa addaddaarratti waliin hojjechaa kan jiran yoo ta’u, fakkeenyaaf guyyaa har’aa magaalaa Sulultaatti biqiltuu dhaabaniiru.

Aadaa siyaasaa badaa kan ta’e akka diinaatti wal ilaaluun waliin hojjechuun jibbamaa ta’uun hafee haalli paartiin biyya bulchuu fi paartileen dorgomtootaa  akka diinaatti wal ilaalan hafee dhimmoota biyyaa fi ummata fayyadanirratti waliin hojjechuun jalqabamuunsaa imala demokiraasii guutuutti taasisaa jirru abdii qabeessa ta’uun hubatameera.

Paartileen siyaasaa boqonnaa kana cimsuun dhimmoota waloorratti tumsaan hojjechuun, yaadaan waldorgomuun Itiyoophiyaa ijaaruuf ittigaafatamasaanii bahachuu akka ittifufan saganticharratti waamichi taasifameera.

Kan dorgommii demokiraasiitiin mootummaa ta’uuf kan mo’atus ta’e paartileen dorgommicharratti morkatan misooma biyyaaf ittigaafatamasaanii bahuuf cimanii akka hojjetan dubbataniiru.

Hooggantoonni paartilee siyaasaa biqiltuu dhaabuurratti hirmaatan sagantaan ashaaraa magariisaa qaama tokkoof kan dhiifamu osoo hinta’iin tumsa Itiyoophiyaanota hundaa akka gaafatu ibsaniiru.

Fuulduras sagantaalee misooma biyyaarratti tumsaan akka hojjetan miranaa’uusaa odeeffannoon fuula marsariitii paartii badhaadhinaarraa argame nimul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015