Sagantaan Koodarsi Itiyoophiyaanota miiliyoona shan weeb pirogiraamiing, andirooyid uumuun, saayinsii daataa fi hubannoo namtolcheetiin ogummaa dijitaalaa bu’uraa nihubachiisa

Adoolessa 16/2016(TOI)- Sagantaan Koodarsi Itiyoophiyaanota miiliyoona shan weeb pirogiraamiing, andirooyid uumuu, saayinsii daataa fi hubannoo namtolcheetiin ogummaa dijitaalaa bu’uraa akka hubachiisu waajjirri ministira muummee beeksise.

Sagantaan “Koodarsii Itiyoophiyaanota miiliyoona shanii” pirojektii tumsa ogummaa hojii dijitaalaa guddisu kan mootummoota Itiyoophiyaa fi Emereetota Araba gamtoomaniin jalqabame akka ta’e ibsameera.

Dinagdee dijitaalaa guddachaa jiru keessatti dhaloota Itiyoophiyaa dhufu ga’oomsuuf akeekamee akka jalqabame himameera.

Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad har’a sagantaa haaraa hanqina beekumsaa dhiphisuu dandeessisu qaama dijitaalaa Itiyoophiyaa 2025 gochuun golambaa saayinsiitti jalqabsiisuusaanii odeeffannoon waajjira ministira muummee nimul’isa.

Sagantaasaa akka lakkoofsa Awurooppaa bara 2016tti Itiyoophiyaanota miiliyoona shan weeb pirogiraamiing, andirooyid uumuu, saayinsii daataa fi hubannoo namtolcheetiin ogummaa dijitaalaa bu’uraa kan hubachiisu ta’uu waajjirri ministira muummee beeksiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015