Gaggeessitoonnii fi hojjettoonni geejjiba galaanaa fi loojistiiksii biqiltuu dhaaban

Adoolessa 16/2016(TOI)- Gaggeessitoonnii fi hojjettoonni geejjiba galaanaa fi loojistiiksii qargara daandii si’aayinaa Mojoo-Hawaasaatti biqiltuu dhaaban.

Sagantaan ashaaraa magariisaa biyyaalessaa baranaa mata duree “ biyya biqiltuu dhaabdu dhaloota ittifufsiisu” jedhuun gaggeeffamaa jira.

Dhaabbileen addaddaa sagantaa Kanaan ashaaraasaanii kaa’aa kan jiran yoo ta’u, guyyaa har’aas gaggeessonnii fi hojjettoonni geejjiba galaanaa fi loojistiiksii dhaabbilee tumsitootaa  biroo waliin ta’uun biqiltuu dhaabaniiru.

Gaggeessitoonnii fi hojjettoonni kunneen qargara daandii si’aayinaa Moojii-Hawaasaa biqiltuu dhaabaniiru.

Dhaabbatichi bara kana biqiltuu biyya keessaa kuma 30 caalu dabalatee biqiltuuwwan faayidaa addaddaa qaban dhaabuuf karoorfatee hojeessaa akka jiru ibsameera.

Sagantaa ashaaraa magariisaa biyyaalessaa baranaatiin biqiltuu biiliyoona 7 tuqaa 5 dhaabuuf Karoorfamee hojjetamaa jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015