Jiraatota magaalichaa kuma 715 oliif waraqaan eenyummaa dijitaalaa kennameera

Adoolessa 16/2016(TOI) - Magaalaa Finfinneetti bara bajataa xumurametti jiraatota magaalichaa kuma 715 oliif waraqaan eenyummaa dijitaalaa kennamuu Ejeensiin Galmee siivilii fi Tajaajila jiraataa magaalaa Finfinnee beeksise.

Daarektarri olaanaa Ejensichaa obbo Yohaannis Alamaayyoo hojiiwwan bara 2016 ilaalchisuun miidiyaaleef ibsa kennaniiru.

Ibsa isaaniin ejensichi bara bajata xumurame jiraatoota magaalichaa kuma 715 fi 138 waraqaan eenyummaa kennuun karoora isaa keessa dhibbeentaa 93 milkeesuu danda'uu eeraniiru.

Magaalichatti tajaajilli dijitaalaa erga jalqabamee jiraatonni magaalichaa miliyoonni 1 tuqaa 67 waraqaa eenyummaa dijitaalaa fudhachuu beeksisaniiru.

Magaalichatti kanaan booda waraqaan eenyummaa waraqaan kan hin kennamne ta'uu eeranii tajaajilli waraqaa eenyummaa dijitaalaa cimee itti fufa jedhaniiru.

Tajaajila waraqaa eenyummaa dijitaala malees galmeewwaan gaa'ilaa, hiikkaa fi dhalootaa karaa si'ataa ta'een kennamuu ibsaniiru.

Bara bajatichatti galmeen dhalootaa kuma 364 fi 894 hojjetamuu himanii kunis kan bara bajata achi aanuu dhibbentaa 32 caalmaa kan qabu ta'uu ibsaniiru.

Waliigalaan galmeewwan adda addaa shaniin galmeen kuma 440 fi 138 geggeeffamu eeraniiru.

Ejensichaan hojjetoota rakkoo naamusaa qaban 238 irratti tarkaanfiin naamusa fudhatamuu eeranii, ogeeyyii fi abbootiin dhimmaa 80 ta'an dhimmi isaanii mana murtiin ilaalama jira jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015