Ittaanaa pirezidaantii paartii badhaadhinaa Adam Faaraah dabalatee hooggantoonnii fi hojjettoonni waajjira paartichaa biqiltuu dhaaban

Adoolessa 17/2016(TOI)- Ittaanaan pirezidaantii paartii badhaadhinaa Adam Faaraah dabalatee hooggantoonnii fi hojjettoonni waajjira paartichaa biqiltuu dhaaban.

Sadarkaa ittaanaa ministira muummeetti hoogganaan jiddugaleessa qindeessaa ijaarsa sirna demokiraasii fi ittaanaan pirezidaantii paartii badhaadhinaa Adam Faaraah fi hooggantoonni olaanoo fi hojjettoonni waajjira muummee paartichaa kutaa magaalaa Lammii Kuraatti Biqiltuu dhaabaniiru.

Obbo Adam Faaraah sagantaa kanarratti haasaa taasisaniin,sagantaan ashaaraa magariisaa dhaloota kaleessaa, har’aa fi boruu kan wal quunnamsiisuu fi Itiyoophiyaan lafa jireenyaaf mijattu taate uumuuf qoodashee bahaa akka jirtu kan agarsiisudha jedhaniiru.

Seenaa kaleessa hojjetaman ittifufsiisuuf, balaawwan ittifufiinsaan qolachuuf, lafa keenya jijjiirama haala qilleensaarraa eeguuf nidandeessisa jedhaniiru.

Dhaloota har’aaf carraa hojii uumuuf, oomishtummaa guddisuu fi wabii nyaataa mirkaneessuuf qooda olaanaa bahachaa akka jiru ibsaniiru.

Ijaarsa dinagdee magariisaa jijjiirama haala qilleensaaf hinsaaxilamnemilkeessuuf gumaacha gudda akka qabu kaasaniiru.

Biyya dhaloota boruuf mijattuu fi lafa dhaloota addunyaa dhufuuf mijatu dabarsuuf dirqama keenya bahachaa akka jirru agarsiisa jedhaniiru.

Carraaqqii biyyaa fi pilaanetii dhaloota boruuf dabarsuuf jalqabne kan milkeessuu fi qooda keenya idil addunyaa bahachaa akka jirri raga qabatamaa akka ta’e himaniiru.

Kanaaf magaalaattis ta’e baadiyyaatti cimee ittifufuu akka qabu ibsaniiru.

Sagantaan kun akka milkaa’u Paartiin badhaadhinaa qooda gaggeessummaa isaa akka ittifufu mirkaneessaniiru.

Paartii badhaadhinaatti hoogganaan waajjira damee Finfinnee obbo Mogos Baalchaa, Itiyoophiyaa lalistuu fi jiraattotaaf mijatte gochuuf hojiin seenaashee madaalu hedduun hojjetamaa jira jedhaniiru.

Finfinneen jiddugaleessa dippilomaasii waan taateef biqiltuun ashaaraa magariisaa maqaashee madaalu dhaabamaa jira jedhan.

Finfinneen miidhagduu fi jireenyaaf mijattuu akka taatu hojjetamaa akka jiruu fi kun akka dhugoomu paartiin badhaadhinaa kutannoo siyaasaa qabu qabatamaan mirkaneessaa akka jiru eeraniiru.

Ministirri muummee dkotar Abiyyi Ahimad ashaaraa magariisaa baranaa mata duree “ biyya biqiltuu dhaabdu dhaloota ittifufsiisu” jedhuun Waxabajjii 22/2016 godina Walloo Kibbaa magaalaa Hayiqitti jalqabsiisuunsanii niyaadatama.

Barana biqiltii biiliyoona 7 tuqaa 5 dhaabuun biqiltuu amma ammaatti dhaabame biiliyoona 40n gahuuf karoorfameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015