Koollejjiin Waraanaa Raayyaa Ittisa Biyyaa sagantaa ashaaraa magariisaan biqiltuu dhaabe.

Adoolessa 17/2016(TOI) - Koollejjiin Waraanaa Raayyaa Ittisa Biyyaa sagantaa ashaaraa magariisaan biqiltuu dhaabe.

Koollejjichi eebbaa leenjitoota idilee fi leenjii gabaabaa bara 2016 kan marasaa lammaaffaa Sanbataa dhufu eebbifaman sababa godhachuun sagantaa adda addaa geggeessa jira.

Haaluma kanaan har'a mooraa koollejjichaa keessa sagantaan biqiltuu dhaabuu kan geggeeffame yoo ta'u; Raayyaa lubbuu isaa kennuuf dhiiga koo arjoomuun cinaasaa nan dhaabbadha'' mata duree jedhuunis sagantaan dhiiga arjoomuu geggeeffamera.

Ajajaan olaanaa Koollejjii Waraanaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Birgaader Jeneraal Bultii Taaddasaa wayita kana akka himanitti; raayyichi dirqama akka biyyaatti qabu bahachuun cinaatti hojii ashaaraa magaarisaarrattis hirmaachuu cimsee itti fufeera.

Sagantaan biqiltuu dhaabuu hari'a taasifames qaama kanaa ta'uu eeraniiru.

Biqiltuun dhaabames akka qabatee galma barbaadameef ooluuf kununsi barbaachisaan taasisifamuu qaba jedhaniiru.

Hojii kana cinaattis Koollejjiin Waaraanaa Raayyaa Ittisa Biyyaa garamii garamitti mata dureen jedhuun mariin paanaalii kan geggeeffamu ta'uunis himameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015