Af-yaa'iin Mana Maree Bakka Bu'oota Uummata Obbo Taaggasee Caafoo maatii lammilee sababa sigiga lafaan miidhamanii jajjabeessan.

Adoolessa 17/2016(TOI) - Af-yaa'iin Mana Maree Bakka Bu'oota Uummata FDRI Obbo Taaggasee Caafoo dabalatee hoggantoonni hojii mootummaa federaalaa olaanoon biroon godina Goofaa aanaa Gazee Goofaatti maatii lammilee sababa sigiga lafaan miidhaman achitti argamuun jajjabeessan.

Naannoo Kibbaa Itoophiyaa godina Goofaa aanaa Gaze Goofaa ganda Kenchoo Sachaa Gozidiitti rooba cimaa dheengadda roobeen lafti sigigaate lubbuu namaa fi qabeenyarratti miidhaa cimaa geesiseera.

Af-yaa'ii mana maree bakka bu'oota uummata obbo Taggasee Caafoo dabalatee hoggantoonni hojii mootummaa federalaa bakka balaan kun itti mudate dhaquun kanneen balaa kanaan miidhaan irra gahe jajjabeessaniiru.

Mootummaan naannichaa fi jiraatoonni naannawwichaa yeroo ammaa hojii lubbuu baraaruu fi balaan dabalataa akka hin mudanneef hojii barbaachisaa ta'ee hojjechaa jiru.

Akkasuma lammilee miidhaan irra gaheef deeggarsi namooma karaa qindaa'een taasifamaafi jira jedhameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015