Miseensoonni Hoggansa Komishiinii Hoggansa Sodaa Balaa fi Mootummaa Federaalaa haala deeggarsa lammilee Godina Goofaatti sababa balaa sigiga lafaan miidhamaniiratti mari'ata jiru.

Adoolessa 18/2016(TOI) - Miseensoonni Hoggansa Komishiinii Hoggansa Sodaa Balaa fi Mootummaa Federaalaa haala deeggarsa lammilee Godina Goofaatti sababa balaa sigiga lafaan miidhamaniiratti mari'ata jiru.

Mariin kunis taasifamaa kan jiru mana maree balaa sodaa naannoo Kibba Itoophiyaa fi qaamolee dhimmi ilaallatu waliinidha jedhameera.

Marii kanaan gamaggamni hojii erga balaan kun mudateen booda hojjetama jirus geggeeffama jira jedhameera.

Akkasuma lammilee miidhaan irra gahee haala itti karaa waaraa ta'ee dhaabuun danda'muu fi balaa akka akka hin mudannee hojii ittisa gara fuula duraatti hojjetamu qaburrattis mari'achuun murtoo ni dabrsu jedhameera.

Marii kanarratti Komishinarri olaanaa Komishiinii Hoggansa Sodaa Balaa Federaalaa ambaasaaddar doktar Shifarraw Takilamaaram fi Mana maree bakka bu'oota Uummataatti ministira Itti waamamaa Mootummaa doktar Tasfaayee Beeljigeen hirmaacha jiru.

Dabalataan hoggantoonni mootummaa federaalaa fi naannoon argamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015