Gareen Itoophiyaa Olompikii Paarisirratti hirmaatu marsan jalqabaa Paaris gale

Adoolessa 18/2016 (TOI)- Gareen Itoophiyaa Olompikii Paariis 33ffaarratti hirmaatu marsaan jalqabaa Faransaay Magaalaa Paariis galeera.

Gareen Itoophiyaa miseensotaa 40 qabate kun har’a ganama wayita magaalattii ga’u Misiyoonni Itiyoophiyaa fi miseensonni diyaaspooraa simannaa taasisaniiruufi.

Misiyoonni Itoophiyaa fi miseensonni diyaaspooraas garichaaf yeroo dorgommiitti deeggarsa haamilee akka taasisan ibsuu ragaan Faransaayitti Misiyoona Itoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015