Dubartoonni marii biyyaalessaa keessatti hirmaannaa cimaa akka taasisan ni hojjetama.

Adoolessa 18/2016(TOI) - Dubartoonni ijaarsa biyyaa keessattis ta'ee marii biyyaalessaa keessatti hirmaanna cimaa akka taasisan kan hojjetamu ta'uu Ministirri Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa doktar Ergoogee Tasfaayee beeksisan.

Ministirri Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa doktar Ergoogee Tasfaayee waggoota darban mootummaan kan irratti hojjechaa turee fi lammileenis gaafachaa kan turan mariin biyyaalessaa kan rakkoowwan bu'uuraa jiran mariin furuu boqonnaa baay'ee murteessarra gahuu beeksisaniiru.

Ministeerri Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa ijaarsa biyyaa keessattis ta'ee marii biyyaalessaa keessaatti dubartoonni hirmaanna hiikka qabeessa akka qabatan qaamolee dhimmi ilaallatuu fi deeggartoota waliin ta'uun waltajjiiwwan adda addaa mijeesuun gahee isaa bahaa turuu eeraniiru.

Hojii kana caalmaatti cimsuuf kan hojjetamu ta'uus eeraniiru.

Akka biyyaatti waldhabdeewwanii uumamaan keessatti dursa kan miidhaman dubartoota ta'uu eeranii marii biyyaalessaa hunda hirmaachi taasisuun waliigaltee biyyaaleessaa uumuuf hojii Komishiiniin Marii Biyyaalessa hojjechaa dinqisifataniiru.

Komishinarri olaanaa Komishiinii Marii Biyyaalessa pirofeessar Masfin Araayaa '' Injifataa taanee haa baanu yoo jedhame mari'achuu qabna, marichaafis dubartoota qabannee bahuu qabna'' jedhaniiru.

Ajandaan dubartoota ajandaa Itoophiyaanoota hundaa ta'uus Komishiinarichi himaniiru.

Pirezidaantiin 'Sagalee Qindoomina Dubartootaa' Saabaa G'madiin gama isaaniin Marii biyyaalessaa keessatti dubartoonni bakka bu'ummaa barbaachisu argachuun gahee isaanii akka bahanii taasisuun barbaachisaa ta'uu eeruu odeeffannoon Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaarra argame ni mul'isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015