Artefishaal Intalajensiin dargaggoonni biyyatti maqaa waamsisan umamaa jiru

Adoolessa 18/2016(TOI) -Teeknooloojii Artefishaal Intalajensiin(hubannoo namtolcheen) sadarkaa Idil Addunyaatti dargaggoonni kennaa adda qaban kan biyyattii maqaa waamsisan uumamaa jiraachuu Daayrektrarri Olaanaa Inistiitiyuutii Artifiishaal Intalajensii Itoophiyaa doktar Warquu Gaachanaa ibsan.

Instiititiyutichi guddina damichaaf hojjechaa jirachuu himanii, dandeettii kalaqaa dargaggootaa cimsuuf barnoota idilee cinaatti leenjii Gannaa kennaa jira jedhaniiru.

Leenjii marsaa tokkoffaa fi lammaffaa irratti aragtaniin dandeettii qaban gara bu’aatti jijjiiruun dhaabbilee dhuunfaa waliin ta’uun akka hojjechuu danda'an carraa uumamuufii himaniiru.

Dargaggoonni beekumsaa fi yaada fooyya’aa akka qaban ibsanii, dandeettii isaaniitti akka fayyadaman haala mijeessuun gahee keenya jedhaniiru.

Leenjichaaf, giddugaloota barsiisota damichaan beekumsa qaban, meeshaalee teeknooloojii mijatoo, mana yaalii fi galteewwan biroon guutaman ijaaramuu ibsaniiru

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015