Taphoonni Olompiikii Paariis har’a eegalamu

Adoolessa 19/2016(TOI) - Taphoonni Olompiikii 33ffaa Paariis har’a kan eegalaman yoo ta’u dorgommichi seenaa keessatti yeroo jalaqabaatiif Istaadiyoomiin ala qarqara lagaatti dorgomama.

Taphoota olompiikiin Atileetonni biyyoota 203 irraa walitti bahan kuma 10 fi 500 gosoota ispoortii 32’n waliin akka dorgoman ragaan Koree Olompiikii addunyaarraa argame ni ibsa.

Itoophiyaan dorgommiiwwan Atileetiiksii garaa garaan ispoortessitoota 39’n ni hirmaatti.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015