Magaalaawwan magariisa uwwisuun mijataa fi hawataa gochuu cimsuun nibarbaachisa-doktar Ahimaddiin Mahaammad

Adoolessa 19/2016(TOI)- Naannoo Amaaraatti biqiltuu dhaabuudhaan magaalaawwan magariisa uwwisuun, mijataa fi hawataa gochuu cimsuun cimee ittifufuu akka qabu sadarkaa ittaanaa bulchaatti qindeessaan kilaastara misooma magaalaawwanii fi hoogganaan biiroo magaalaawwanii fi bu’ura misoomaa doktar Ahimaddiin Mahaammad ibsan.

Doktar Ahimaddiin Mahaammad dabalatee miseensonni hooggansaa naannoo godinaa fi bulchiinsa magaalaa godina Walloo Kibbaa magaalaa Hayiqitti argamuun biqiltuu dhaabaniiru.

Doktar Ahimaddiin wayita kana akka jedhanitti, magaalaawwan naannichatti ashaaraa magariisaatiin biqiltuu misoomsuudhaan mijataa fi hawataa gochuun cimee ittifufuu qaba.

Kanaaf ammoo magaalaa hundatti biqiltuu dhaabuun ashaaraa magariisaa kaa’uun akka barbaachisu ergaa dabarsaniiru.

Miseensonni hooggansaa kunneen magaalaa Hayiqitti biqiltuu dhaabuudhaan ashaaraa magariisaa kaa’anii hojiilee misoomaa addaddaa daawwataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015