Olompiikii Paarisitti kophee malee kan fiigu Ermiyaas Yirgaaf gaggeessaan taasifame

Adoolessa 19/2016(TOI)- Ministeerri aadaa fi Ispoortii fakkeenya Shaambal Abbabaa Biqilaa hordofuun Olompiikii Paarisitti kophee malee kan fiigu Ermiyaas Yirgaaf gaggeessaan taasiseera.

Ministirri aadaa fi Ispoortii adde Shawiit Shaankaa ergaa gaggeessaarratti dabarsaniin akka ibsanitti,  Olompiikii Roomirratti gootota Olompiikii Itiyoophiyaa beeksisan keessaa Abbabaa Biqilaa adda dureedha.

 Fakkeenyummaasaa hordofuun kophee malee fiiguun maqaa biyyaa wamsisuu fi akkaataa shaambal Abbabaa Biqilaa yaadatamuun fiiguuf ilama gara Paarisitti taasifamuuf akka milkaa’uu fi injifannoon akka deebi’u hawwaniiruuf.

Ijnifannoo gooticha Abbabaa Biqilaa dirree addunyaatti kophee malee fiiguun olompiikii kan mo’ate lammiin Afriikaa akkasumas Itiyoophiyaa shaambal Abbabaa Biqilaa yaadachuun ga’ee dhaloota hundaa kan ibsan ammoo de’eetaa ministiraa damee Ispoortii ambaasaaddar Masfin Charinnati.

Wal harkaa fuudhiinsa dhalootaatiin har’a kophee malee fiiguun akka danda’amuu fi seenaa gootummaa duraanii ittifufsiisuuf Paaris dhaquun kophee malee kan fiigu Ermiyaas Yirgaaf kabajatu mala jedhaniiru.

Pirezidaantiin waldaa Ispoortii motoraa duraanii fi hojii gaggeessaan olaanaa fiigicha guddicha Itiyoophiyaa obbo Ermiyaas Yirgaa gamasaatiin, Olompiikii Room, Ateensi, Kooriyaa Kibbaa fi Ingiliz irratti kophee malee fiiguun Shaambal Abbabaa Biqilaa yaadachuu akka danda’e ibsuusaa odeeffannoon ministeericharraa argame nimul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015