Jiraattonni magaalaa Gondar gumaacha ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad misooma Gondariif taasisaniif hiriira bahuun deeggarsasaanii ibsaa jiru

Adoolessa 20 /2016(TOI)- Jiraattonni magaalaa Gondar gumaacha ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad misoomni Gondar  akka si’atu xiyyeeffannoo addaa kennuun pirojektoonni misoomaa harkifatan hatattamaan akka xumuramanii fi haaraan akka jalqabaman deeggarsa taasisaniif jiraattonni magaalaa hiriira nagaa bahuun deeggarsasaanii agarsiisaa jiru.

Gaaffilee Gondarii fi naannawashee yeroo dheeraaf deebii kennuuf kutannoo ministirri muummee fi mootummaan isaan gaggeessan  agarsiisaniif beekamtii nikennina jechuun ergaa dabarsaniin beeksisaniiru.

Pirojektoota misoomaa  hatattamaan xumuramanii tajaajilaaf akka oolan ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad dhiheenya kana qajeelfama itti kennan keessaa daandiin konkiriitii Aspaaltii Azazoo Gondar, pirojektiin jallisii fi bishaan dhugaatii Angarab keessatti argamu.

Kana malees Magaalaan Gondor seenaashee durii fi hawattummaa tuuristii qabdu karaa guddisuun dhiheenya kan jalqabame misoomni kooriidaraa fi hambaa idil addunyaa kan ta’e hojiin suphaa masaraan moototaa Atse Faasiil jalqabamuunsaa akka isaan gammachiise jiraattonni hiriira nagaa bahuun deeggaraniiru.

Hiriira deeggarsaa magaalaa Gondar Istaadiyeemii Faasiladasitti gaggeeffamaa jiru kanarratti dargaggoonni, dubartoonni, hojjettoonni mootummaa, jaarsoliin biyyaa, abbootiin amantaa fi haeaasni daldalaa hirmaachaa jiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015