Manni maree naannoo Hararii yaa’ii idilee  jalqabe


Adoolessa 19/2016(TOI)- Manni maree naannoo Hararii yaa’ii idilee 6ffaa waggaa 3ffaa marsaa 6ffaa  jalqabe

 Manni marichaa turtiisaa guyyoota lamaatiin ajandaalee addaddaarratti nimari’ata.

Gabaasni raawwii hojii bara 2016 mootummaa naannichaa  fi karoorri bara 2017 dhihaatee nimari’atama.

Akkasumas gabaasni mana murtii walii gala fi odiitara muummee bara 2016 naannichaa  fi karoorri bara 2017 yaa’iif dhihaatee mariin akka taasifamu beekameera.

Bajanni mootummaa naannichaa bara 2017 dhihatee kan raggaasifamu yoo ta’u manni marichaa muudamoota addaddaa akka akka raggaasisu sagantaa baherraa beekuun danda’ameera.

Manni marichaa yaa’iisaa wayita jalqabu sigoo lafaa godina Goofaatti mudateef namoota lubbiuusaanii dhabaniif kadhannaa sammuu taasisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015