Manni Marii Naannoo Beeniishaangul Gumuz yaa’ii idilee  jalqabe

Adoolessa 20/20116 (TOI) -Manni marii Beeniishaangul Gumuz yaa’ii Idilee 18ffaa har’a magaalaa Asooosatti jalqabeera.

Yaa’ii Idilee kana Af-yaa’iin mana marichaa Doktar Tamasgeen Disaasaa jalqabsiisaniiru.

Pirezidantiin Naannichaa Obbo Ashaadlii Hassan gabaasa Raawwii karoora hojii bara 2016 mana marichaaaf dhiyeessaa jiru.

Yaa’ichi hanga Adoolessa 22/2026tti kan turu yoo ta’u , gabaasni raawwii hojii karoora bara 2016 waajjira mana maree naannichaa, mana murtii waliigalaa fi waajjira odiitara olaanaa naannichaa kan dhiyaatan ta’uu eerameera.

Akkasumas bajata waliigalaa bara hojii 2017 fi wixineewwan labsii mana marichaan dhiyaachuun irratti mariyatamee akka raggaasifamutu eegama.

Yaa’ichi naannoo kibba Itioophiyaa Godina Goofaatti namoota balaa sigigoo lafaatiin miidhamaniif kadhannaa sammuu gochuun eegalame.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015