Manni Maree naannoo Amaaraa yaa'ii idilee isaa 8ffaa taa'uu jalqabe

Adoolessa 22/2016(TOI) - Manni Maree Naannoo Amaaraa 6ffaa bara hojii 3ffaan yaa'ii idilee isaa 8ffaa magaalaa Bahaar Daaritti har'a taa'uu jalqabe.

Manni marichaa yaa'ii isaa kana kan jalqabe qaboo yaa'ii 7ffaa raggaasuunidha.

Manni marichaa yaa'ii isaa Adoolessa 22 hanga 25/2016'tti taa'uun gabaasa raawwii hojii bara 2016 pirezidaantiin naannichaa obbo Araggaa Kabbadee dhiheessan irratti ni mari'ata jedhameera.

Akkasuma gabaasni raawwii mana murtii waliigalaa, wajjira odittara muummichaa fi mana maree naannichaa dhihaatee irratti ni mari'atama jedhameera.

Gabaasa dhihaatan irratti manni marichaa bal'inaan mari'achuun ni raggaasa jedhamee eeggama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015